Zaambiyaatti boordin farra malaammaltummaa ofiifuu malaammaltummaan shakkamee diigame

Madda suuraa, Getty Images
Zaambiyaatti boordin malaammaltummaa akka ittisuuf hundaa'ee ofiifuu malaammaltummaan shakkamee diigame.
Pirezidaantin Zaambiyaa Hakiindee Hichileemaa miseensota boordii farra malaammaltummaa biyyattii malaammaltummaan himataman hojiirraa ari'an.
Miseensonni boordichaa garuu malaammaltummaan himatamuusaanii hin fudhatan.
Pirezidaantin biyyattii tarkaanfii kana kan fudhatan dursaan Komishinii Farra Malaammaltummaa Toom Shamakaambaa fedhiin hojii gadhiisuu hordofeeti.
Dursaan komishinichaas malaammaltummaan maqaansaanii dhahameera.
Pirezidaant Hakiindee Hachileemaa erga aangotti dhufanii waggoota sadan darban keessatti gaggeessitoota mootummaa duraanii matta'aa nyaachun maqaansaanii dhahamu irratti qorannoon akka gaggeeffamu gochaa turan.
Pirezidaantin biyyattii miseensota boordii Komishinii Farra Malaammaltummaa hunda hojiirraa hari'uunsaanii komishinichi qondaalota siyaasaa irraa maallaqa fudhachuusaatini jedhame.
Kunis qondaalonni siyaasaa malaammaltummaan shakkaman komishinii kanaan akka hin qoratamneef dursanii maallaqa gahaa kaffaluun qorannoofi himannaa irratti dhiyaachuf malu jalaa miliqu jechuudha.
Komishiniin farra malaammaltummaa Zaambiyaa malaammaltummaa ittisuu osoo qabuu ofiifuu keessatti hirmaachuusaa kan saaxile nama Obriin Kaabaa jedhamuudha.
Namni kun duraan miseensa boordii Komishinii Farra Malaammaltummaa Zaambiyaa kan tureedha.
"Komishinichi namoota dhuunfaa yakka malaammaltummaa hamaa keessatti hirmaatan irraa matta'aa fudhachuun akka isaan seeran hin gaafatamne golgaa gochuun haqni akka dabu gochaa jira," jechun torbee darbe barreessee ture Obriin.
Dabaluunis Komishiniin Farra Malaammaltummaa biyyattii haaromsa cimaa akka barbaachisuufi miseensonni komishinichaa maallaqa fudhatanii namoota siyaasaafi qondaalota yakka malaammaltummaan shakkaman qorannoon akka irratti hin gaggeeffamne danqaa akka ta'an ibse.
Waajjirri Pirezidaantii Zaambiyaa ibsa baasen, miseensonni boordichaa akka diigaman godhamuun Komishinii Farra Malaammaltummaarratti haaromsa gaggeessuf akka ta'e beeksise.












