Saaykilistii Afrikaa 'Tour de France' irratti seenaa hojjechuun injifate

Madda suuraa, AFP
Jaalattoonni isaa ''Mootii Afrikaa'' jedhanii isa waamu. Dorgommii 'Tour de France' irratti gurraacha Afrikaa yeroo jalqabaaf injifatedha.
Biiniyaam Girmaay dorgommii saaykiliingii yoo injifatu kun kan jalqabaa isaa miti.
Dorgommii saayikilii daandii irraan bara kana yeroo sadii injifateera.
Dorgommii 'Tour de France' mo'achuun garuu Afrikaafis tahe Biiniyaamiif isa jaqaabaati.
Biiniyaam balaa isa mudate irraa bayyaannachuun osoo of hin daandessiin dorgommii idl-adunyaatti beekamu kana irra aane.
Garuu injifannoon kun bu'a bahii malee salphaatti kan argame miti.
Biyya dhaloota isaa Eertiraa irraa kiilomeetira kumaatama fagaatee bakka haati warraa isaa fi ijoolleen isaa hin jirretti qofummaa isatti dhagahamu dandamachuun injifannoo argate.
Danqaa viizaa argachuuf isa mudate, garaagarummaa aadaa Awurooppaa keessatti isa mudate dandamachuu fi kutannoon keessa darbuu isa gaafateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biiniyaam kanas injifachuun gonfoo 'Tour de France' bara kanaaf gahe.
Amma erga injifannoo argatee biyya isaa Eertiraatti gammachuu isaa maatii isaa walaiin qooddachaa jira. Akka gootaatti faarafamaa jira.
Saayikilistoota AFrikaa kaaniifis fakkeenya taheera.
Dorgomtoota saayikilii 176 keessaa namni gurraachi Biiniyaam qofa ture. Dorgommii ispoortessitoonni adii irratti hirmaatanii fi injifatan tahuun beekama ture.
Kun bara kana cabeera. Jaalattoonni isaa Biinee jdhaniis isa waamu. Eertiraa biyya uummata miliyoona 3.7 qofa qabdu keessatti dhalatee guddate. Dorgommii biyyi isaa qopheessitu irratti shaampiyoonaa tahuun Amsaraatti hin beekamu.
Biiniyaam wal tajjii idil-adunyaaf of qopheessaa ture. Akka adunyaatti bulchaa dorgommii saayikilii kan tahe UCI Biiniyaamiin arguun dorgommii idil-adunyaa irartti akka hirmaatuuf file.
Biiniyaam jalqaba bara kanaatti yoo miidiyaalee Eertiraatti himu Eertiraatti dorgommii kana mo'achuun shaampiyoonaa tahuu caalaa dorgommii beekamaa adunyaa 'Tour de France' irratti mo'achuun salphata jedhee ture.
Sababani isaa biyyi xiqqoon Baha Afrikaa kun saayikilistoota medaaliyaa hedduu mo'atan waan qabduuf. Sadarkaa adunyaattis injifannoo argataniiru.
Garuu dorgommii Tour de France irratti Biiniyaam nama jalqabaa Afrikaati.
Dorgommiin saayikilii Eertiraa keessatti hedduu kan jaalatamu yoo tahu, bara Xaaliyaaniin biyyattii koloneeffattee turtee eegalee hedduu jaalatama.
Biyya sarbama mirga namoomaan himatamtuu fi walitti bu'insa daangaan beekamtuuf mallattoo kabajaa fi kan ittiin boonan kan tahe dorgommii saaykiliiti.
Biiniyaam Girmaay akka dorgommii saayikilii kana keessa galuuf kaka'umsa kan taheef ammoo mucaa durbii Meeroon Tashoomee kan Shaampiyoonaa Afrikaa turtedha.
Jaalalli dorgommii saayikiliif qaban amma maatii isaanii dhuunfateera. Obboleessi isaa quxisuun sadarkaa idil-adunyaatti saayikiliin dorgomaa jira.
Abbaan isaa hojii harkaan beekaman dorgommii 'Tour De France' wagga waggaan qophaa'u Biiniyaam waliin daawwachuu jaalatu.
Dookimantarii ka'umsa Biiniyaam Girmaay seenessu irratti durbii isaa kan taate Meeroon yeroo ijoollummaakootti namni tokkoyyuu na hin mo'u, atiyyuu taanaan'' jettee dubbatti.
Umurii isaa waggaa 12 dorgommii saayikilii gaara irratti gaggeeffamu mo'ateera. Ijoollummaa isaan dorgommii saaykilii Shaampiyoonaa Afrikaa irratti biyya isaa Eertiraa akka bakka bu'uuf filamee ture.
Yeroo kana ture ija UCI[ bulchiinsa saayikilii adunyaa] keessa kan gale.
Sana booda Biiniyaam gidduugala shaakalaa dhaabbatichaa ''Gidduugala Saayikilii Adunyaa jedhamu keessatti akka shaakaluuf waaman.
Gidduugalli kun Iswiizerlaanditti kan argamu yoo tahu biyyoota adunyaa keessaa kanneen carraa gaarii hin arganne keessaa ol adeemtota afeeruun akka shaakala hojjetan taasisa.
Bara 2018 Biiniyaam umurii isaa waggaa 17'n barnoota isaa addaan kutuun carraa kanatti fayyadamuuf gara Iswiizerlaandi deeme.
Maatiin isa cina hin jiran. Hiriyyoota homaa hin qabu ture. Aadaan biyyichaa isaaf haaraa tahe. Kana keessa darbanii milkaa'uun salphaa hin turre.
"Biiniyaamiin dorgommiif qopheessuun hedduu ulfaataa ture. Sabani isaas waan hedduu jijjiiruu qaba ture. Haala jireenya isaa, oolmaa isaa guyyaa guyyaa, dabalatee'' jedhe gidduugala WCCtti hogganaa hordoffii dandeettii kan tahe Jiin Jaakuuzii Heenerii, bara 2023 yeroo dorgommii 'tour de France'f qopheessaanii ture.
''Waxabajji keessa yeroo inni dhufe qilleensi baayyee qorra ture. Nuuf ammoo qilleensi sun ho'a jechuu dandeessa. Daandii kobilstoonii irra saaykilii oofuu hin jaalatu. Waan isa danquuf. Taaktika dorgommiif isa barbaachisu hubachuun isa rakkisa ture.''
Garuu danqaalee kanneen bira darbuun abjuu isaa akka milkeessu ofitti amanamummaa qaba ture. Miidiyaaleef yeroo af gaaffii kennuyyuu nama afaan hiikuuf barbaadaa hin turre. Barnoota afaanii fudhachuun afaan Ingiliffaa barachaa ture.
Bara 2020 Biiniyaam garee Faransaay Delko jedhamu gale.
Faransayaitti osoo shaakala hojjechaa jiruu gara biyyaatti deebi'uun jaalallee isaa Saaliim waliin gaa'ila dhaabbachuuf qophaa'aa ture.
Weerarri koroonaa dhufe garuu waan hundaa jalaa balleesse. Biiniyaam gara Eertiraatti osoo hin deebi'iin hafe. Dorgommiiwwan hedduunis haqaman.
Waggaa itti aanu ammoo qormaata biraatu isa mudate. Dhaabbani isa fudhatee ture Delkoon isa gadhiise. Kileba ykn garee malee hafe.
Kanumaan gara Asmaraatti deebi'uun fuudhee mucaa durbaa argate. Garuu garee Beeljiyeem maanndheffate Intermarché–Wanty jedhamuuf waan mallatteessee deemeef achi hin turre.
Ofirra deebi'uun shaakala jalqabe.

Madda suuraa, Cassete
Haa tahu malee, gara Beeljiyeem deemuuf viizaa argachuun ammas waan salphaa hin turre.
Biiniyaam Asmaraa taa'ee tajaajila viizaa biyyoota adda addaa argachuuf imbaasiiwan argachuun isa rakkise.
Dhumarratti viizaa yeroo dheeraaf turu kan ahaga ammaatti fayyadamu argate.
Ha atahu malee viizaa Shengen kan biyyoota 29 ittiin seenuu danda'u erga argateen booda ji'a sadi sadiin gara Asmaraatti deebi'uun deebi'ee seenuu qaba.
Bara 2022 dorgommii saayikii keessattis seenaa haaraa galmeessuu jalqabe.
Dorgommii saayikilii Beeljiyeem Gent-Wevelgem keessatti guyyaa tokkoof gaggeeffameen dhalataa Afrikaa dorgommicha injifate isa jalqabaa tahe.
Saayikilistoonni afur walitti hafuun meetirri 250 yoo hafu Biiniyaam saffisa guddaan isaan gidduudhaa bahe.
Komentateriin lammii Biriitish guyyaa sanaa ''Venii....Vidii..Biinii....'' jechuun sagalee guddaan yeroo inni sarara kutee darbu ibsaanii ture.
Dhaadannoo warra Laatinootaa ''nan dhufe, nan arge, nan abuure'' jedhu jaalattoonni isaa fi miidyaaleen fayyadamuun Biiniyaamiin ibsu.
Eertiraa biyya gaarreen itti baay'atan keessaa namoota gaara yaabbachuun dorgoman osoo argamanii hagas mara nama hin raaju. Saayikiliin garuu addatti jaalatama.
'Tour de France' dorgommii jedhamutti aanuun adunyaa irraa lammaffaa kan tahe 'Giro d' Italia' jedhamu irratti injifachuun seenaa haaraa galmeesse.
Garuu Biiniyaam gara hospitaalaatti waan fudhatameef gammachuu ibsachuun ulfaataa ture. Waltajjii injifattootaa irratti akka tasaa koorkiin qaruuraa ija isaarra rukutuun yaalaaf deeme.
Dafee miidhaa isarra gahe irraa fayye. Garuu bakka haati warraa isa afi intalli isaa xiqqoon hin jirretti gammachuu isaa qofaa dhandhamuun guutuu isaaf hin taasifne.

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin 'Tour de France' akka xumurameen haati warraaa isaa fi mucaan isaa gara Faransaay deemuun magaalaa Niis keessatti isa eegaa turan.
Biyyi dhaloota isaa Eertiraan haalaan isa hordofaa turan.
Injifannoo isaan booda Asmaraatti uummanni daandiitti bahuun alaabaa biyya isaanii qabachuun konkolaataa adda addaa hiriirsisuun gammachuu isaanii ibsachaa turan.
'Tour de Suisse' bara 2023 gaggeefame irratti lammiin Eertiraa tokko akka isa deeggaru ibsuun Eertiraan kana dura waan badaa biraan beekamti. Akka waraanaa fa'aa amma sana miti. Amma waan addaati. Inni [Biiniyaam[ nuuf goota keenya, isaan boonna'' jechuun BBCtti hime.
Biiniyaam nama ardii Afrikaallee bakka bu'udha. Maanii Artur dhaabbata ' Black Cyclists Network' jedhamu gaggeessu akkasumas Gaanaaf dormu torban darbe BBC Focus on Africatti yoo dubbate.
“Saayikilistoota gurraachaa hedduu argaa hin jiruu. Keessumaa 'Tour De France' irratti kan hirmaatanii fi mo'atan.''
''Biiniyaam dorgomuu isaa qofa miti, injifachuu isaa arguun waan ajaa'ibaati. Adunyaa irratti saayukilistoota bebbeekamoo keessaa tokkko tahuu isaa mirkaneesseera'' jedhe.
Leenjisaan saayikilii Eertiraa Akiliiluu Haayilee Biiniyaamiin waggootaaf akka beeku hime. Milkaa'inni isaa dhiibbaa gaarii akka fidu himan.
''saayikiliin kanuma warra adiii fakkaata ture. Amma kan adunyaa guutuu tahuu isaa mirkaneesseera'' jedhan.
Biiniyaam Girmaay Olompikii Paaros irrattis ni hirmaata. Warqee injifachuuf abdii qaba. garuu ammoo saayikilii daandii irraa Eertiraan Eertiraa irraa kan bakka bu'eeru isa qofa waan taheef namni isa gargaaruun haala mijeessuuf hin jiru.
Shaampiyoonaa saayikilii adunyaa bara dhufu Ruwaandaatti gaggeeffamu irrattis hirmaachuuf abdii qaba.
Biiniyaam Girmaay Ruwaandaatti yoo injifate inumaayyuu bu'aa guddaa qabaata.
Dhalataan Afrikaa dorgommii saayikiliin injifatee yoo sarara dhumaa qaxxaamuru dachee isaanii irratti arguun hedduu isaan gammachiisa.












