Guyyaa Mesiin Ballon d'Or 8ffaa injifatetti badhaasota kennaman biroo

Liyoonel Meesii Ballon d'O saddeettaffaa injifate

Madda suuraa, Getty Images

Badhaasa Ballon d'Or Faransaay magaalaa Paarisitti kenname irratti taphataan duraanii Baarseloonaa fi PSG Liyoneel Mesiin taphataa cimaa bara dorgommii darbee jedhamuun badhaasicha yeroo saddeettaffaaf injifateera.

Taphataan ganna 36 lammii Arjantiinaa Mesiin Waancaa Addunyaa Kataaritti gaggeefame biyyisaa akka injifattu gahee olaanaa bahuutu badhaasa kana akka argatu gahee guddaa bahe.

Taphataan sarara gidduu lammii Ingilaand fi kilaba Riyaal Maadriid Juud Beeliingihaam badhaasa taphattoota dargaggeeyyii reefu mul'achaa jiran kan ganna 21 gadiif kennamu, Kopa Trophy, injifateera.

Mesiin taphataa kamuu caala badhaasa kan yeroo injifatu, Maanchistar Siitii waliin Shaampiyoonsi Liigii dabalatee injifannoowwan sadii bara tokkotti kan milkeesse Erliing Haaland dorgomaasaa cimaa ture.

Haaland badhaasa kanarratti Mesiitti aanee sadarkaa lammataan yoo goolabu, lammiin Faransaay Kiiliyaan Imbaappee sadaffaa ta'e. Imbaappeen tapha xumuraa waancaa Addunyaarratti haatrikii hojjechuun tapha xumuraarratti sana raawwachuun seenaa keessatti nama lammaffaadha.

''Ammas asitti argamanii gammachuu kana qoodaachuun baayyee gaariidha'' kan jedhe Mesiin, ''Waancaa Addunya injifachuun abjuu koo dhugoomsuun'' jedhe.

Itti dabaluunis ''baroota dargommii qabaadheen, milkaahinaan argadhe, carraan garee seenaa keessatti cimaa ta'e waliin taphachuuf argadhe nan qaabadha jedhee yaadee hin beeku'' jedhee.

''Badhaasotni (Ballon d'Or) hundi sababa adda ta'aniif qabu.''

Morkataa Mesii kan ture lammiin Noorwaay Haaland taphoota liigii 35 irratti goolii 26 lakkoofsisuun riikardii haaraa galmeesse. Siitiin shaampiyoonsi Liigii, Piriimiyeer Liigii fi FA Cup bara tokkotti yeroo injifatu taphoota hundarratti Haaland gooliiwwan 52 lakkoofsise.

Galgalaa edaa gumaachasaa kanaaf Gerd Muller badhaasa jedhamufi nama goolii hedduu galcheef kennamu badhaafameera.

''Maanchistar Siitiifi kilaba guutuu nan galateeffadha'' kan jedhe Haaland, '''maatiin koo na cinaa jiraachuun naman amma ta'e akkan ta'u na deeggaran nan galateeffadha'' jedhe.

Juud Beelingihaam

Madda suuraa, Getty Images

Mesiin hunda caalee mul'ate

Ballon d'Or taphataa kubbaa miilaa cimaaf badhaasa kennamuudha. Badhaasicha nama injifatu kan filaan gaazexxesitoota 100 guutuu addunyaarra jiraniidha.

Mesiin Arjantiinaan Waancaa Addunyaa akka injifattu gargaaruun cinaatti, kilabni isaa haaraan US, Inter Miyaamii yeroo duraaf waancaa Liig Kaap akka injifatu gumaacheera. Taphoota 14 kilabichaaf taphaterrattis goolii 11 lakkoofsiseera.

Mesiin amma badhaasa Ballon d'Or nama kamuu caala yeroo saddeettaffaaf injifateera. Isatti aanee kan jiru Kiristiyaanoo Ronaaldoon badhaasa sadiin hanqatee yeroo shan injifateera.

Ronaaldoon badhaasasaa isa shanaffaa fi dhumaa kan injifate bara 2017 yeroo ta'u, erga bara 2003 bara kana yeroo duraaf badhaasa kanaaf osoo hin kaadhimamiin hafe.

Martiineez goolii eegaa cimaa Addunyaa jedhame

Emiiliyaanoo Martiineez

Madda suuraa, Getty Images

Arjentiinaa waliin Waancaa Addunyaa kan injifate, goolii eegaan Astoon Viilaa Emiiliyaanoo Martiineez goolii eegaa cimaa addunyaa jedhamuun badhaasa Yaashin injifateera.

Martiineez tapha xumuraa Waancaa Addunyaarratti rukuttaa peenaalitii Koomaan qoluun Golden Glove injifateera.

Astoon Viilaan piriimiyeer Liigii Ingiliz sadarkaa torbaffaan akka xumuru gargaareera.

Haata'u malee Waancaa Addunyaa Kataaritti wayita injifatan haalli gammachuu itti ibsate, amma Paarisitti namootni akka isatti cuukan sababa ta'eera.

Maanchistar Siitiin Kilaba cimaa bara kanaa jedhame

Maanchistar Siitiin yeroo lammaffaaf walitti aansuun kilaba cimaa jedhamuun filatame.

Bara darbe gareen Peep Gaardiyoolaa waancaa liigichaa, kan shaampiyoonsi Liigiifi FA Cup seenaa keessatti kilaba lammaffa ta'e.

Taphattootni Siitii 7 badhaasa Ballon d'Or kanaaf kaadhimamuu danda'aniiru.

Viniishiyees Juneer duula jibba sanyummaarratti godhuuf beekamtii argate

Viniishiyees Juneer

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan collee Riyaal Maadriid Viniishiyees Juneer dirree kubbaa miilaan alatti hojiiwwan gaggaarii hojjetuuf badhaasa Sookraates argateera. Taphataan kun jibba sanyummaarratti duula godhu akka itti fufu ibsera.

Baroota lamaan darba Laaligaa Ispeen keessatti arrabsoon sanyummaa irra deddeebiin isa mudateera.

Biraaziil bakka hiyyumni jirutti manneen barnootaa ijaaruun damee barnootaarratti investi gochuuf Faawundeeshinii kan ijaare Viniishiyees gumaachasaa kanaaf beekamtiin kennameef.

''Duula sanyummaarratti godhamutti nan jabaadha'' kan jedhe taphataan kun, Yeroo ammaa kanatti waayee sanyummaa dubbachuunuu salfachiisaadha, garuummoo namootni miidhaan irra gahu akka xiqqaatu irratti duuluu itti fufuu qabna'' jedhe.

Sagantaa kanarratti Seer Boobii Chaarlitan yaadatame

Badhaasa Ballon d'Or bara kanaa Mesiif kan kenne taphataa sarara gidduu duraanii Ingilaandiifi Maanchistar Yunaayitiid Deeviid Beekaam yoo ta'u, badhaasicha kennuu dura Seer Boobii Chaarlitaniin yaadateera.

Seer Boobii Chaarlitan Ingilaand waliin Waanca Addunyaa nama injifate yoo ta'u umriisaa ganna 86'tti ji'a darbe boqote.