Ballon d'Or 2023: Erga 2003 yeroo duraaf Ronaaldoon hin jiru, Siitiin torba filachiise

Meesiifi Halaand

Madda suuraa, Getty Images

Taphattootaa kubbaa miilaa collee badhaasa Balllon d'Or 2023 kaadhimaman 30 keessa Kiristiyaanoo Ronaaldoo erga bara 2003 yeroo jalqabaaf hin jiru.

Waancaa Addunyaa bara 2022 Kaataaritti kan injifate Liyeenool Mesiin ammoo yeroo saddeettaffaaf badhaasa kana injifachuuf warra kaadhimaman keessaa tokko.

Piriimiyeer Liigii keessaa taphattootni 12 kan kaadhimaman yoo ta'u, isaan keessaa torba garee liigicha injifatee fi shaampiyoonaa Awurooppaas ta'e Maanchistar Siitii irraayi.

Siitiin adamsaa gooliifi riikardiiwwan kan cabsaa jiruu Erliing Halaand, Keviin Debrooyene, Juuliyaan Alvaareez, Ruben Diyaaz, Bernaandoo Silvaa, Roodriifi Gavaardiyool filachiiseera.

Arsenaalirraa Bukaayoo Saakaa fi Maartiin Odegaard filatamaniiru. Baroota duraa hedduu kan filachiisaa ture Liivarpuul bara kana Mohaammad Saalaa qofa kaadhimsiisuu danda'e.

Piriimiyeer Liigicha keessaa taphattootni biroon kaadhimaman karra eegaa Maanchistar Yunaayitiid Andiree Onaanaa fi kan Aston Viilaa, Arjentiinaa waliin Waancaa Addunyaa fudhate Emiliyaanoo Maartineezi.

Taphattoota kaadhimaman kana keessaa lama ammaan tana liigiwwan Awurooppaa keessatti taphachaa hin jiran. Isaaniis injifataa badhaasichaa bara darbee Kariim Beenzeemaa fi badhaasicha yeroo hedduu kan injifate Liyooneel Mesiidha.

Mesiitti aanee badhaasicha yeroo shan kan injifate Kiristiyaanoo Ronaaldoo erga bara 2003 yeroo jalqabaaf kaadhimamtoota 30 keessatti osoo hin hammatamiin hafeera.

Ronaaldoon taphataa maqaa guddaa isa jalqabaa gara Liigii Saawdiitti godaanedha. Taphattootni hedduun ergasii faana isaa hordofaniiru.

Filannoo kana keessatti dargaggeeyyin hedduun hammatamaniiru. Lammiin Ingilaand ganna 20 Doortimund irraa Riyaal Maadriiditti godaane Juud Beeliingihaam kaadhimameera.

Lammiin Biraaziil Riyaal Maadriidiif taphatu Viniishiyees Juuniyeer, Jifataan Lammii Faransaay, PSG'f taphatu Kiliyaan Imbaappee, Lammiin Naayijeeriyaa Naapoliif taphatu Viiktor Osmiheen, Lammiin Jarman ganna 20 Baayern Miiyunikiif taphatu Jamaal Musiyaalaa ni argamu.

Taphataan umrii guddaa badhaasa kanaaf kaadhimame ammoo badhaasicha yeroo tokko kan injifate taphataa sarara gidduu Riyaal Maadriid ganna 37 Lukaa Moodriichi.

Warri umrii xiqqaa ammoo Musiyaala fi Beelingihaam fa'adha.

Morkiin baranaa kun garuu Liyooneel Mesiifi Erliing Halaand gidduu akka ta'u namni hedduun qabxii jara lameenii irraa tilmaamaa jiru.

Beelngihaam, Meesii, Saakaa fi Halaand

Madda suuraa, Getty Images

Liiyooneel Mesiin bara 2022 keessa Waancaa Addunyaa injifachuun isaa fi taphataa cimaa dorgommichaa jedhamuun tilmaama jalqabaa akka argatu godheera. Taphoota ramaddii, mo'anii darbuu, nuusa xumuraa, walakkaa xumuraafi xumura irratti goolii galchuun seenaa haaraa dalage.

Taphoota shan irrattis taphataa cimaa dorgommichaa ta'uu danda'eera.

Gama kaaniin Erliing Halaand bara jalqabaa Maanchistar Siitii dhufetti waancaa sadii injifateera.

Gooliiwwan 50 bara dorgommii tokkotti lakkoofsisee, Siitiin yeroo duraaf Chaampiyoonsi Liigii akka injifatu gargaare. Riikardiiwwan haaraas galmeesseera.

Badhaasni kun Onkololessa 30 sagantaa magaalaa Paarisitti qophaa'uun injifataan beekama.