Liyonel Meesii akkamiin kubbaa miilaa Ameerikaa ji'oota keessatti jijjiire?

Madda suuraa, Getty Images
Liyonel Mesiin kilaba erga hundaa'ee waggaa shan hin caalle waliin aduu ji'oota sadii hin caalle keessatti waancaa injifate.
Roonaaldoonis kilaba isaa Al-Naasir yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa akka mo'atu gargaare.
Mesiin kilaba isaa tapha waancaa lammaffaatti dabarseera. Amma maqaan Mesii irra deebiin addunyaa guutuutti leellifamaa jira.
Lameen [Roonaaldoo fi Mesii] tokko Baha Giddugaleessaan, tokko Lixaan warraaqsa addunyaa kubbaa miilaa gaggeessaa jiru.
Dubbiin akkas ture...
Kiristaanoo Roonaaldoon gara Sa'ud Arabiyaatti yeroo qajeelu, namni hedduun waan soorama bahuutti dhiyatedha jechuun yaaduu hin hafne.
Garuu ji’oota muraasa keessatti taphattoota maqaa gurguddaa qabantu kilaboota Sawud Arabiyaadhaan gaafatamee liigichatti makame. Warraaqsa kubba miilaa guddaa ture.
Kiristaanoo Roonaaldo waggoota 20tti siqaniif kan morkataa ture Liyonel Mesiin kileba Al-Hilaaliin gaafatame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattootni lameen badhaasa Baalond’or qofa miti kan wal dorgoman. Miindaa argataniinis wal dorgomaa turan.
Al-Hilaal gatii addunyaa irratti dhagahamee hin beekne, Mesiif dhiyeesse. Inni osoo hin eegamiin kilaba erga hundooftee waggaa shan hin guutne Inter Miyaamii deemuuf murteesse.
Inter Miyaamiin kilaba waggaa shanan kana Ameerikaatti hundaa’e yoo tahu, abbaa qabeenyaa kilabichaa inni guddaan taphataa duraanii Maanchister Yuunaayitid Deevid Beekaamidha.
Kilabni kun umurii gabaabaa qabaachuu qofa osoo hin taane, liigicha [MLS] keessatti dorgomaa jabaas hin turre.
Deevid Beekam Maan Yuunaayitid keessatti waliin taphataa kan turee fi garee biyyaalessaa dubartootaa Ingilaandi leenjisaa kan ture Fiil Neeviliin leenjisaa godhee qacare.
Neevil leenjisummaan rikardii gaarii qabaachuu baatus, Inter Miyaamii sadarkaa guddaatti ceesisuu hin dandeenye.
Maarree Liyonel Mesiin Baarseloonaatii bahee kilaba guddaa biyya Firaans PSG ture, akkamiin Inter Miyaamii gala jedhanii yaaduun sirruma.
Roonaaldoon Awurooppaatti wal morkataa turree, Baha Gidduugaleessaattis itti fufna jedhee eeguu hin hafne.
Kun hin taane, Mesiin maatii isaa fudhatee gara Ameerikaatti imale. Kilaba Liigicha keessaa xumura irra jiruuf taphachuuf.
Sababootni gurguddoon lama tahuu himama.
Kan jalqabaa Deevid Beekaam akka kilaba kana galuuf Meesii cimsee gaafachuufi amansiisuu yoo tahu, kan biraa Miyaamiidhaa mana dhuunfaa isaa qabaachuu akka tahe himama.
Deevid Beekam Liyonel Mesii injifannoof bite
Yeroo Liyonel Mesiin Inter Miyaamii galu kilabichi gabatee MLS keessaa dhumarra jira ture. Erga inni kilabichatti makame, kilabichi tapha MLS hanga ammaa hin taphanne.
Haa tahu malee dorgommii biraa Liig Kaapp jedhamu irratti Mesiin taphoota torba taphatee galchii kudhan lakkoofsise. Inter Miyaamii waancaa Liig Kaappiif dabarsuun, kilaba Naashviil mo’achuun akka waancaa kaasu gargaare.
Kun seenaa kilabichaa keessatti injifannoo waancaa jalqabaati. Mesiin seenaa kilabichaa keessatti maqaa isaa injifannoon barreesse.
Jaalattoota kubba miilaa fi kaan kan raajeffachiise Mesiin, tapha waancaa kana irratti dursaa taphattootaa tahee galee ture. Erga tapha injifatanii kan waancaa ol kaasuu qabu dursaa taphattootaati.
Mesiin erga kilebicha galee yeroo dhiyoo waan taheef, isa dura garee kana dursaa kan ture taphataa biraa waamuun akka waancaa ol kaasuuf hidhannoo dursaa taphattootaa irree isaarraa baasuun kenneef.
Kun gochaa namootni hedduun hin eegne ture. Inumaa kabajaa fi jaalala namootni isaaf qaban akkaan akka dabale miidiyaaleen Ameerikaa hedduu gabaasan.
Guyyoota afur booda ammoo kilaba Sinsinaatii [FC Cincinnati] jedhamu waliin taphachuun xumura waancaa ‚US Open Cup’ jedhamuf dabarse. Tapha kana irratti kubbaa lama mijeessee kennuun rukuttaa peenaaliitii injifannoo ammoo lakkoofsise.

Madda suuraa, Getty images
Meesiin badhaasa kubbaa miilaa guddicha addunyaa Ballon d’Or yeroo torba mo’ate.
Mesiin Waancaa Addunyaa biyya isaa waliin 2022 keessa yoo mo’atu taphataa guutuu jedhamuun ibsamaa ture.
Umurii isaatti kan isa hafee fi ittiin ceepha’amaa ture Waancaa Addunyaa ture.
Mesiin biyya isaaf taphachuu irraa soorama bahuu erga ibsee booda, yaada isaa jijjiiruun erga taphatee waan har’a ittiin boonu Waancaa Addunyaa fi Kooppaa Ameerikaa mo’ate.
Leenjisaan kilaba Sinsinaatii homaa gochuu akka hin dandeenyeefi dandeettii Mesii amananii fudhachuu qofa akka tahe himan.
Pat Noonaan hedduu akka Mesii dinqisiifatan taphaan booda dubbatan.
Tapha daqiiqaa 120 fudhate irratti Mesiin dhufee "magic" isaa sana agarsiise.
Taphattootni keenya waan dandahan hundaa kennaniiru. Kanaa ol waanti gochuu danda’an hin jiru ture, jechuun dubbachuu isaanii miidiyaan Daily Online gabaase.
Taphni waancaa ‘US Open Cup’ gaggeeffamuuf aduu ji’a tokkoo hafe. Deeggartootni ammumaan Mesii daawwachuuf tikkeetii gatii qaaliin bitaa akka jiran miidiyaaleen gabaasaa jiru. Gatii rakasa jedhame nama tokkoof doolaara 350 gurguramaa akka jiru ‘Daily Online’ gaabaase.
Qaalii tahuu isaa qofa osoo hin taane, saffisa tikkeetiin ittiin gurguramaa jiru namootni hedduun taphataa kana arguuf hawwii akkamii akka qaban agarsiisa.
Mesiin yeroo gabaabaatti waancaa lama injifachuuf deema. Morkaataan isaa Roonaaldoonis yeroo jalqabaaf kilabni isaa Al Naasir akka waancaa Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa injifatu gargaareera.
Mesiin badhaasa Baalon dO'r yeroo torba mo'achuun Roonaaldoo caala. Roonaaldoon shan mo'ate.
Injifannoo guddaan biraa adda isaan baasu Waancaa Addunyaati. Mesiin waancaa kana mo'achuun milkaa'e. Roonaaldoon waancaa kana mo'achuu hin dandeenye.
'Gaddeera garuu gammadeera' - morkataa Mesii
Tapha waancaa Liig Kaappii Inter Miyaamiin kilaba Naashvile jedhamu waliin taasisee waancaa mo’ate irratti, taphataan gameessi Naashvile Daaksi Maakaartii, mo’amuu keenyaan gaddineerra jedhe.
Garuu erga taphni xumuramee T-shirtii Mesii harkaa fudhachuun akkaan gammaduu hime.
"Guutummaan hin mo’amne,’’ jedhe taphaan mo’amanis hidhannoo Mesii argachuun isaaf akka injifannoo biraa tahe akeekuun.
Leenjisaan kilaba Sinsinaatiis erga mo’amanii booda jaalalaa fi dinqisifannaa Mesiif qaban himani.
Imala milkii hanga mootii kubbaa miilaatti
Mesiin umurii isaa ganna 17’n bara 2004-05, Laaligaa Ispeen keessatti ol adeemaa umurii xiqqaan galchii lakkoofsise tahe.
Hojjaan isaa gabaabaadha. Meetira 1.7 qofa dheerata. Garuu kennaa addaa tapha kubbaa miilaa, miila bitaan kennameef, saffisa guddaa madaallii qaama isaa eeggatee fi haala adda taheen kubbaa qeeribuun tuuta taphattoota sarara ittisaa cabsee darbuun beekama, Liyonel Mesiin.
Yeroo kana taphataan kun goota kubbaa miilaa biyya isaa Diyeegoo Maraadoonaa waliin karaa hedduu wal fakkaata jedhame.
Gahumsa isaa irraa ka’uun lammummaan Ispeen bara 2005 kennameef. Baruma kana Mesiin biyya isaa Arjentiinaafis taphachuun Waancaa Addunyaa guddattootaa xumuraaf gahuun Naayijeeriyaa injifachuun waancaa mo’ateera.
Waggaa isaatti Mesiin Baarseloonaa waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo’ate.
Imalli kubbaa miilaa Mesii badhaasota Ballon dOr torba, Waancaa Addunyaa, ‘Copa America,’ Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi Liig 1 Faransaay haala kanaan jalqabe.
Yeroo Mesiin addunyaatti mul’atu Baarseloonaan taphattoota jajjaboo akka Roonaaldiinoo Goochoo, Teerii Henrii, Saamu’eel Etoo fa’aa qaba ture.
Leenjisaan yeroo Sanaa Peep Gaardiyoolaan taphattoota maqaa guddaa qaban akka Saamu’el Etoo fa’a duubatti dhiibuun Mesiif carraa kenne.
Addatti bara 2009 Baarseloonaan waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi Suuper Kaappii Ispeen akka mo’atuuf shoora olaanaa bahate.
Yeroo kana taphataa cimaa addunyaa jedhamuun badhaasa Ballon dOr isaa jalqabaa fudhate.
"Waan baay’eedhaan ana fakkaata, dirree irratti gaggeessaa cimaa taha, kubbaa miilaa miidhagaa keessatti waan haaraa hedduu barsiisaa jira’’ jechuun taphataa urjii addunyaa kanaa kan tureefi dhiyeenya kana boqate Diyeegoo Maraadoonaan mucaa biyya isaa Mesii jajeera.
Bara 2012, Baarseloonaaf galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii galchii duraan Seezaar Ruudirigeziin qabameeru 232 ture cabse.
Waggaa tokko keessatti kilabaa fi biyya isaaf galchiiwwan 91 lakkoofsisuun rikardii taphataan duraanii Jarman bara 1972 galmeesse cabse.
Bara 2013 yeroo afuriif taphataa cimaa addunyaa jedhamuun badhaasa Ballon dOr fudhate.
Mesiin waggaa tokko keessatti rikardii haaraa, badhaasa haaraa fi waancawwan adda addaa kilaba isaa Baarseloonaa waliin mo’achuun waggoota 15 dabarseera.
Walumaagalatti hanga bara 2021 kilaba ijoollummaatii qabee keessatti guddate Baarseloonaa keessaa bahee PSG galutti Baarseloonaa waliin waancaawwan 35 mo’ateera. Laaliigaa 10, Copa del Rey torba, Shaampiyoonsi Liigii afur mo’ateera.
Mesiin biyya isaa waliin ‘Coppa America’ fi Kaataaritti waancaa Addunyaa mo’achuun jireenya kubbaa miilaa isaa milkeesseera.












