Namichi lotariin dolaara miliyoona 340 erga baheefii deebi'ee jalaa haqame himata bane

Suura lotarii jaakpootii

Madda suuraa, Getty Images

Namichi jiraataa Washingtan DC ta'e tokko lotarii abbaa dolaara miliyoona 340 nyaachuu erga dhagahee booda dogoggora jedhamuun jalaa haqamnaan himata bane.

Namni lotariin baheefi dhabe kun Joon Chiiks yoo jedhamu dhaabbata Paaworboolifi DC Lotarii irratti himata banuu beeksisee jira.

Lotariin kan bahe Amajji bara 2023 keessa yoo ta'u, gaafa sana lakkoofsi isaafi kan dhaabbanni lotarii lakkoofsa injifateedha jedhee baase wal-fakkaataa akka ta'e hima Joon.

Joon tikeetii lotariisaa qabatee yeroo Biiroo Lotariifi Geemii deemu dogoggora ta'uu itti himame.

"Hojjattoota tikeetii [lotarii] keessaa tokko tikeetiin koo sirrii akka hin taanefi qodaa kosii keessa akkan buusu natti himan," jechuun Joon BBCtti dubbate.

Inni garuu akka hojjattoonni dhaabbata lotarii jedhaniin tikeetii isa hin ganne, inumaayyuu ogeessa seeratiin mariyachuu eegale.

Yeroo ammaa miidhaa isarra gaheef dhaabbanni lotarii Paaworbool hanga lotarii isaaf bahee ture dolaara miliyoona 340fi dhala silaa maallaqni isaa hanga yoonaa argamsiisu akka kaffaluuf himata banee jira.

Sanadi mana murtiif dhiyaate akka agarsiisutti, kontiraaktara Paaworboolifi lotarii kan ta'e Taoti Enterprises burjaajin kan uumame dogongora teekinikaa uumameen akka ta'e ibse.

Guyyaa lotariin bahe jedhame sana hojjattoonni dhaabbatichaa dogoggora uumaniin lakkoofsi lotarii Joon wajjin wal-fakkaatu, marsariitii irratti gadi lakkisuufi guyyaa sadiif marsariitii irra turuu mana murtiitti hime dhaabbatichi.

Himanni Joon dhaabbata lotarii kanarratti bane maal na dhibdee, waliigaltee cabsuu, miidhaa hamileefi waliin dhahuu kan jedhudha.

Abukaatoo Joon kan ta'a Riichard Ivaans gamasaanin, lakkoofsi dhaabbati lotarii carraan baheera jedhee baaseefi lakkoofsi tikeetii Joon irra jiru waan tokko ta'eef, maallaqichi maamilasaanif akka malu mana murtiitti falman.

Joon Chiiks gamasaatin, "Haqi akka mo'u abdiin qaba" jechuun carraan lotarii sun silaa jireenyasaafi maatiisaa akka jijjiiru BBCtti hime.