'Yeroon balaaleffatame akkuman boohe waliigalticha yeroon dhagahus nan boohe'-Dishtaa Giinaa

Weellisaa Taarikuu Gaankisii

Madda suuraa, Taarikuu Gaankisii

Sirba qeenxee Dishtaa Giinaa jedhuun beekamtii guddoo kan argate weellisaa Taarikuu Gaankisii 'Yeroon balaaleffatame akkuman boohe waliigalticha yeroon dhagahus nan boohe' jechuun mootummaa fi humnoota Tigraay gidduutti waliigalteen nagaa mallattaa'uutti gammaduu hime.

Sirbi isaa bara haaraa saba isaa Ariin moggaafame Dishtaa Giinaa jedhu waayee nagaafi jaalalaa haasa'a.

Weelluun isaa kun waraana Kaaba Itoophiyaa dura bahee turus beekamtiin isaa kan dabale irra deebiin erga hojjetamee booda.

Waggaa tokko keessattis Youtube gubbaatti yeroo miiliyoona 29 caala ilaalameera.

Weellisaan maqaa guddaa lammii Senegaal Ekoonis weelluu kana remix godhee, hawaasa addunyaa waliin isa barsiisera.

Taarikuun hamma waraana Kaaba Itoophiyaaf waltajjii deeggarsa gaafatu gubbaatti argamee dubbii godhutti miidiyaalee fi waltajjii ho'isuuf barbaadamaa ture.

Ji'a Sadaasaa bara darbee keessa waltajjii duula waraanaa mootummaa Itoophiyaa deeggaru irratti Dishtaa Giinaa "Ani hin sirbu. Sirbuuf hin dhufne. Guyyaa hundumaa sirbamaa? Guyyaa gaddaafi gammachuu sirbuu qofadhaa? Guyyaa sirbamuuf hin sirbamne anumtuu adda baaseen beeka'' jechuun haasaa eegale.

'Jaarroleen haa deeman. Dhagaa mataa isaaniirra godhanii, marga qabatanii haa deeman. Jaarsummaatiin wayya. Qawween ni gaha. Furmaata hin qabu'' jechuunis dubbate.

Dubbiin kun qaamolee hiriira kana gubbaatti argaman hedduu hin gamachiifne. Qeeqaa fi balaaleffaannaa hedduun irra gahe.

Miidiyaa biyya keessa tokko irratti sagantaa bashannanaa irratti dhiyaatee ''waan waltajjicha hin madaalle dubbadhe,'' jechuun boohaa dhiifama gaafachuuf dirqame.

Gara naannoo irraa dhufeetti deebi'uu akka filatuufi guyyootaaf nageenya isaaf yaaddahee manaa gadi bahaa akka hin turres hime.

Roobii darbe mootummaa Federaalaa fi TPLF gidduu waliigalteen waraana dhaabuu inni waggaa dura gaafatee ittiin balaaleffatame raawwachuu yoo dhagahu yeros waan keessa darbe yaadachuun boohuu BBC'tti hime.

Waliigalteen waraana dhaabuu mallattaa'uu isaatti gammachuun daangaa hin qabne itti dhagaahamuu hime.

''Ilmi namaa qabaates dhabes, itti toles itti bades yero nagaan jiru wayya. Yeros dubbiin godheen yeroon balaaleffatamu akkan boohe, waliigaluu isaanii yeroon dhagahus, yaadannoon sun na boochiseera.''

''Dubbii sana kaniin godhe dhumni waraanaafi lolaa araara akka ta'e waaniin beekuufi. Namni caalatti miidhamuu duru waraanni akka dhaabatu waaniin barbaadeef yoon du'es dhugaa dubbadheen du'a seenaadha jedheeni'' jedha weellisaa Taarikuun.

Komiiwwan irratti dhiyaatan keessaa tokko bakka malutti kan dubbatame miti kan jedhuudha.

Taarikuun gama isaan ''jecha rabbii dubbachuuf bakka filachuu hin feesisu. Waayee nagaafi jaalalaan haasa'e'' jedha.

Wanti Taarikuu boochisee ture maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taarikuun dubbii isaa san hordofee miidiyaarratti dhiyaatee wanti booheef namni waan isa hin hubanneef akka ta'e hima.

''Lafa kanarratti namni dhugaan jalaa badee kan jiru ta'uu, osoo beeknuu gara boollaa yeroo seennu namni nagaa jibbee wal-haa ajjeefnu haa duunu yeroo jedhu, dhugaan dhokatee ani sobaan yeroon lolamu isatu na boochise.''

Dubbii isaatti gaabbee osoo hin ta'iin kan yakke qofa osoo hin taane kan yakkames dhiifama haa gaafatu waan jedhamuuf jaalala isa ibsuuf ta'uus dubbate.

''Iyasuusis fannoorratti kan jedhe dhiifama godhiif jedhe. Inni kan nu barsiise kana. Anis biyya koof jecha bu'aa bahii argeera, arrabsameera. Garuu kun seenaadha'' jedhe.

Beekamtii guddaa horate hordofee gara Finfinnee dhufee hojjechaa kan ture Taarikuun ta'ii kanaan gara bakka dhaloota isaatti deebi'uuf dirqamuufi achittis dhiibbaan irra gahuu hima.

Weellisaan kun dhiyoottis siba qeenxee haaraa gadhiiseera. Qeeqni irra gahe ejjennoo jaalalaafi nagaarratti qabu akka hin jijjiirsifnes dubbata. Ammammoo tokko taanee isa waraanatti bahe deebisnee nagaa buusuuf warra waraanaan dararaman gargaaruu qabna jedha.

'Isa obboleessa dhabeef obboleessa, isa obboleettii dhabeef obboleettii ta'uu qabna. Mootummaanis uummaticha gadda isarra gahe keessaa baasuu qaba.''

Ammaan duuba biyyi nagaa ta'ee namni biyya isaa keessatti kallattii maraan sodaa malee akka socho'uu danda'u hireen akka uumamu abdii qabus weellisaa Taarikuun himeera.