Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanaa Amuruutti namoonni ajjeefamaa fi buqqa'a jiran birmannaa dhabuu himatu
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessatti kan argamtu Magaalaa Agamsaatti haleellaa ''hidhattoonni 'Faannoo' ofiin jedhan raawwatan'' jedhameen lammiileen nagaa hedduun ajjeefamuu isaanii jiraattonni BBC’n dubbise himan.
Ajjeechaa namoota nagaa kana irratti raawwatame jedhame kana ilaalchisuun qaamolee mootummaa sadarkaa gara gararaarra jiran-naannootii hanga aanaatti gaafachuuf irra deddeebiin bilbillus deebii hin arganne.
Aanga'aan mootummaa Federaalaa BBCn itti bilile tokkos dhimma ajjeechaa lammilee nagaa irratti raawwatame jedhame ammatti akka quba hin qabne dubbatan.
Jiraataan abbaa maatii 10 ta’aniifi yeroo ammaa baqatanii magaaala Aanaa Amuruu jiran akka jedhanitti, haleellaan kun Kibxata darbe barii naannoo sa’aatii 12tti eegale.
“Akkuma hirriibaa kaaneen magaala Agamsaa keessatti kanuma dhukaasni jalqabe argine. Qarqara magaalattii karaa lamaanirraa warri dhukaasu kuni nama kukuffisaama gara gidduu magaalaa dhufan. Jarri kun ‘Faannoo’ finxaaleyyii Amaaraati,” jedhan.
Kanaan dura haleellaawwan walfakkaataa raawwatamaa turaniif mootummaan hidhattoota 'Faannoo' jedhamanii fi 'Shanee' jedhaniin raawwatamuu himataa ture.
Jiraattota aannichaa dubbisuun DW Amharic akka gabaasetti, hidhattoonni 'Faannoo' ofiin jedhan magaalaa Agamsaa seenanii namoota 55 ol ajjeesuun kuma 15 kan ta'an ammoo akka buqqa'an taasisaniiru.
Akka gabaasa DW Amharic kanaatti, osoo qamni 'Faannoo' ofiin jedhu kun hin raawwatiin guyyaa tokko dursee hidhattoonni mootummaan 'ABO Shanee' jedhu magaalaa sana galanii bahaniiru.
Erga 'ABO Shane' qaamni jedhe sun bakkicha keessaa baheen booda warri 'Faannoo' ofiin jedhan kun ammoo seenanii 'isin ABO Shane' waliin hidhata qabdu jechuun haleellaa raawwatan jedha gabaasni miidiyaan kun jiraattota dubbisee gabaase.
Rakkoon nageenyaa godinaalee Wallaggaa dabalatee Oromiyaa lixaatti uummatarra bubbule kun ammalee furmaata waaraa dhabuu jiraattonni ni himatu.
Maddi rakkoo kanaas qaamolee hidhatan kanneen fedhii gara garaa qaban kan ABO-Shanee fi finxaaleeyyii Amaaraati ta'u hima mootummaan.
Jiraattoonni godinaalee kanneennii ammoo mootummaan nageenya lammilee eegisisuu gaheesaa ba'achuu dhabuu akka komatan BBC'n yeroo gara garaatti gabaasuun isaa ni yaadatama. Nageenya Oromiyaa, Itoophiyaa: Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan
Maanguddoon Aanaa Amuruu irraa dubbisne kun, ''hidhattoonni kunneen magaala walakkaa seenanii ajjeechaan yeroo itti fufu maatii isaanii waliin gara bosonaatti akka baqatanis,'' himu.
“Utuu boqoolloo keessa baqachaa jirruu waaqumatu nahambisee jennaan hamma xiqqootti utuu nan argin nabira darban malee aniyyuu du’een oole. Waaqumatu ija naaf qabee jennaan nabira darban.
Ganama saatii 12 hanga sa’aatii 7’tti Agamsa keessatti haleellaan lafumatu garagale,” jedhan.
Hidhattoonni kunneen haleellaa raawwatan kanaan irratti xiyyeeffatanii kan ajjeesan dhiirota akka ta’eefi daa’imman xixiqqaallee kan dhiira ta’an haadharraa butanii ajjeesaa akka turan ijaan arguus himu.
Maanguddoon kun waan Kibxaa darbe Agamsatti isaanirra gahe wayita dubbatan imimmaan hudhaa boo’aa dubbatu.
“Ani maatii 10 qabadheen baqadhe. Haatikoo nama guddoo deemuu hin dandeenyedhaa. Ishee qabnee baqachuu hin dandeenye. Achuma mana keessatti dhiisnee deemne.
Amma maal keessa akka jirtu hin beeku. Amma waan nyaannu hin qabnu. Abbaa dhabne. Akka taanus dhabne…” boo’ichaan yaada isaanii addaan kutan.
Haleellaa hidhattoonni Naannoo Amaaraa Kibxaata darbe magaala Agamsaattii raawwatan kanaan lakkoofsaan namootni 100 caalan du’uu isaanii argeera jedhu isaan.
Dargaggeessi barataa kutaa 12 akka ta’e himuufi maqaansaa akka ibsamu hin barbaanne tokkos yeroo haleellan kun raawwatus ta’e amma magaala Agamsaa keessa akka jiruufi reeffi namaa ammayyuu barbaadamee walitti qabamaaa jiraachuu hima.
“Hanga ammaattuu reeffi kan hin awwaalamne bakkee jira. Uummanni utuma kaan hirriibaayyuu hin kaane dhukaasni itti baname. Amma namni iyyaafatamaa jira malee hammi du’eefi hammi hafelleen hin beekamu. Uummanni kaan Agamsa irraa Amuruutti kiiloomeetira 24 miilan deemee baqate” jedha. Dargaggeessi haleellaa raawwatame kana ijaan argeefi ofii isaafis ‘akka carraan lubbuun oole’ jedhu kun ija isaatiin reeffa nama 30 caalu karaa irratti akka argeefi kanneen ammayyuu achi buuteen isaanii dhabame akka jiranis hima.
Hanga ammaatti namoonni kuma shan caalan Magaalaa Agamsaa irraa gara Amuruutti baqatanii akka jiranis himu jiraattonni.
Lakkoofsa namoota haleellaa kanaan lubbuun isaanii darbee kana jiraattonni kan himaniin alatti qaama mootummaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Ajjeechaa lammiilee nagaa kanaan alattis magaala Agamsaa keessatti saamichi cimaan akka raawwatameefi baankonniifi dhaabbileen daldalaa hedduunis abiddaan barbadaa’uu himan jiraattonni.
“Qabeenya uummataa kaan makiinaadhaan kaan motoraan fe’atanii deeman. Kan fe’achuu dadhaban ammoo abiddaan barbadeessaniiru. Magaalattiin amma qullaatti hafteerti,” jedhan jiraatan dubbisne.
Haleellaan kun kan raawwatame humni addaa naannoo Oromiyaa ammaan dura magaalattii buufatee ture Dilbata darbe erga magaalattii gadhiisanii bahanii guyyaa lammaffaa isaatti akka ta’es himan jraattonni.
Aanaa Amuruu Jalatti kan argamtu magaala Haroottis ammaan dura haleellan walfakkaataan jiraattota irratti raawwatamee turuun isaa niyaadatama. Ergasiis magaalli Haaroo jedhamtu kuni too’annoo hidhattoota Finxaaleyyii Amaaraa jala akka jirtu himu jiraattonni.
Haleellaa kibxaata darbe Magaalaa Agamsaatti raawwataame kanarratti odeeffannoo gaafachuuf bulchiinsa aanaa Amuruu, Bulchiinsaafi Nageenya Aanichaa, akkasumas biiroo dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaatti bilbillulleen sababa bilbila hin kaasneef deebii argachuu hin dandeenye.
Hawaasni haleellaaa kana jalaa baqachuun lubbuu oolfateefi baqatee Amuruu jiru garuu amma gargaarsa dhabuun rakkoo hammaataa keessatti kufuu himachaa jiru.
Dirqamni ijoo mootummaa nageenya lammiilee tiksuu taa'ullee, dhalattoonni Oromoos ta'e Amaaraa bakkeewwan Lixa Oromiyaa jiraatan mootummaan dirqama kanarraa hanqachuu yeroo gara garaatti BBCtti himu.