Haleellaa Wallagga Bahaatti hidhattootaan raawwate jedhameen poolisoonni hedduu madaa’un himame

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin miseensonni poolisii 44 yoo madaa'an, hidhamtoonni miliqfaman.

BBC'n jiraattota akkasumas maddeen hospitaalaa irraa akka odeeffateetti haleellaan kuni dheengadda gaafa Kibxataa raawwate.

Kanneen miidhaman keessaa gara caalu miidhaa salphaatu irra gahe. Jaha kan ta'anif wal'aansi baqaqsanii yaalu yoo taasifamu kaan wal'aansa dabalataaf gara Finfinneetti ergamuu Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaarraa odeeffanneerra.

Haleellaa kanaan poolisoonni ajjeefaman jiraachuun hin beekamne.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jechuun waamu haleellaa kana raawwachuu himus, qaamni mootummaa hanga yoonaa dhimmicha ifatti mirkaneesse hin jiru.

Dubbii Himaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa ''Hin beeku! Odeeffannooma isaa hin qabu ani'' jechuun gaafa Kamisaa BBC'tti himaniiru.

Haleellaa yeroo garaagaraatti humnoota nageenyaarratti raawwatu qondaaltonni ifatti yoo himan hin mul'atu.

Baati Caamsaa darbe garuu Abbaan Alangee Federaalaa A.L.I Fulbaanaa hanga Caamsaa 2013tti baatiiwwan sagal keessatti miseensonni poolisii 112 fi milishoonni 57 akkasumas qondaaltonni mootummaa 18 ajjeefamuu ibseera.

Ergasii asiis yeroo adda addaatti ajjeechaan raawwataa ture.

Torbanuma lama dura achuma godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti walitti bu'iinsa raawwateen lammiileen nagaa 200 ol ajjeefamuufi kaan baqachuu Komishiniin Mirga Namoomaa ibsee ture.

Maaltu ta'e?

Jiraataan Aanaa Saasiggaa magaalaa Gaalloo maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan Kibxata Hagayya 31, 2021 ganama naannoo sa'aa 3:30'tti aanicha magaala Gaalloo keessatti dhukaasni eegalamuu himu.

Dhukaasni iddoowwan magaalattii garaagaraatii dhagahamaa akka tureefi hanga naannoo sa'aa jahaatti itti fufuu dubbatan.

Dhukaasni kun humnootii nageenyaa mootummaafi miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan dhihoo finciltoota Tigraay waliin walta'umsa uuman gidduu ta'u jiraataan kun himu.

Paarlaamaan Itoophiyaa gareewwan lamaan galmee shororkeessummaatti galchuun ni beekama.

Dhukaasa Waajjira Poolisii aanaa Saasigga irratti banamee kanaan hidhamtootni akka hiikaman taasifamuu dubbatu jiraataan kuni.

''Warri hiikaman namootni jaha ta'an baqatanii iddoo hojiikoo seenan. Mana banamaa argatanii ol itti seenan. Warri kaan karaa gama biraa bahan. Sana booda ani iddoo hojiikoo cufeen sokke," jedhan.

Dubbi himaan idil-addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ Odaa Tarbii hidhattoonni isaanii Hagayya 31,2021 ganama Waajjira Poolisii Aanaa Saasiggaa irratti haleellaa raawwachuu toora miidiyaa hawaasaa 'Twitter' irratti barreessaniiru.

Haleellaa kanaanis ''hidhamtootni siyaasaa 100 ol akka gadhiifaman'' taasifamuu himu. BBC'n dhimma kana qaamolee mootummaa yookin qaama walabaa biroorraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Hospitaalli maal jedhe?

Guyyaa Roobii waaree booda naannoo 9:30 eegalee miseensonni poolisii lakkoofsaan 44 ta'an miidhaan qaamaa cimaafi salphaa irratti qaqqabee yaaliif Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa seenuu BBCn hospitaalicharraa mirkaneeffateera.

Hojjetaan hospitaalichaa dhimmicha itti dhiheenyaan beekan miidhamtootni kun "naannoo Saasiggaatii dhufaa jiru jedhamnee qophoofnee eegaa turre" jedhan.

Dabalataan "akka isaan nutti himanitti rasaasaan akka rukkutamanidha. Raajii irratti kan mul'atus rasaasaan akka rukkutamanidha.

''Keessaa bahee kan argames jira" jechuun miseensootni poolisii kunneen rasaasaan rukkutamanii miidhamuu isaanii hojjetaan hospitaalicha kun BBC'tti himaniiru.

Miseensootni poolisii jaha miidhaan qaamaa cimaa irratti qaqqabe wal'aansi baqaqsanii yaaluu kan taasifameef yemmuu ta'u kan biroo saddeet immoo wal'aansa baqaqsanii yaaluuf qophiirra akka jiran himaniiru.

Dabalataan "hanqina hospitaala keessa jirurraa kan ka'e namootni jaha immoo gara magaala Finfinneetti riifar ergamaniiru" jedhan hojjetaan kuni.