Nageenya Oromiyaa: Waan Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti adeemaa jiru mootummaan quba qabaa?

Lixa Oromiyaa godinoota Wallagga Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa torbanoota muraasa darban keessa lammiilee nagaarratti raawwatamiin jiraattonni miidhamu BBC'tti himan.

Jiraattonni BBC'n Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa dubbise xumura ji'a Sadaasaa darbetti namoonni baay'een ajjeefamuu fi qabeenyi isaanii saamamuu himu.

Kana malees dhalattoonni Oromoo 200 ol tahan aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Handoodee Diichoo goxii Alii jedhamtu keessatti ugguramanii akka turan himan.

Rakkoo mudateera jedhame kanaaf Hogganaan Biroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obboo Shaafii Huseen gareewwan lama; 'finxaaleeyyii Amaaraafi ABO Shaneetuu duuba jira jechuun himatan.

Jiraaattoonni BBCn dubbise haleellaa kanaaf 'finxaaleyyii saba Amaaraa' kanneen meeshaa waraanaa hidhatanitu haleellaa saba irratti xiyyeeffate raawwate jechuun himatu. Qondaalli motummaa BBCn dubbise garuu finxaaleeyyii Amaaraatiin alatti Waraanni Bilisummaa Oromoo kan motummaan ABO Shanee jedhuunis badiinsa kana keessaa harka qaba jechuun himata.

Haleellaafi ajjeechaa Hagayya waggaa darbe jalqabuun godina Wallagga Lixaa fi Wallaga Bahaatti hammaateen Waraanni Bilisummaa Oromoo fi hidhattoonni Amaaraa himatamaa turan.

Baatii Hagayya qofa lammiileen 200 ol Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti ajjeefamuu gabaafamee ture.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin Humni nageenyaa dabalataa bakkeewwan kanneenitti atattamaan yoo ergame malee walitti bu'iinsi hawaasaa hammaataan akka dhaqqabuu maluu akeekkachiisuunsaa ni yaadatama.

Rakkoon kun itti fufee jiraattonni haleellaa humnoota Amaaraa kan qondaalli motummaa 'finxaaleyyii Amaaraa' jedhanii waamanin ajjeechaan sukaneessaafi qabeenyi mancaa'uu himaniiru jiraattoonni.

Dhimma kanarratti Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Shaafi Huseen, mootummaan rakkoo kana quba akka qabuufi tarkaanfii fudhataa akka jiru himaniiru.

Jiraattotni maal jedhu?

Giddaa Ayyaanaa ganda Handoodee Diichoo goxii Alii jedhamtu keessatti dhalattoonni Amaaraa finxaaleyyiin uummata Oromoo irratti haleellaa raawwachuun lubbuu namootaa galaafachuu namoonni BBCn dubbise himan.

Jiraataan nageenya isaaf jecha maqaansaa akka dhahamu hin feene tokkoo, ganda Alii jedhamtu keessatti haleellaa ji'a darbe keessa raawwateen obboleessi fi soddaan isaa ajjeefamuu himan.

Akkasumas maatiifi firoonni isaa baay'een ukkaamfamanii akka turanis himan. Yeroo BBC'n dubbisetti jiraataan kun obboleessi isaanii abbaa ijoollee sagalii ajjeefamuu dubbatan.

''Maatiifi firoonni koo ukkaamfamanii jiran gara namoota 17 tahu. Obbolaa durbaa afuriifi ijoolleen obbolaakoos keessa jiru.''

Namoota 200 ol bakka tokkootti walitti qabuun tursiifaman keessaa Kibxata kaleessaa Mudde 28, 2021 namoota muraasa gadhiisuun kaan ammoo dhorkuusaanii maddeen BBCtti himan.

Miseensa maatii tokko keessaa hanga namoota shaniifaa kan ajjeefaman jiraachuufi qabeenyaanis saamamu himu jiraataan kun.

Waliigalaan lakkoofsa namoota ajjeefamanii sirriitti kan hin beekmne ta'uufi namoonni jiraataan kun qaamaan beekan baay'een ajjeefamuulleen dubbatu.

''Nuti dhalattoota Amaaraa waliin waggaa baay'eef nagaan jiraachaa turre,'' kan jedhan jiraataan kun, ''amma maatii keenya miidhaa kan jiru isaan osoo hin taane qaama haaraa hidhatee naannoo Amaaraa irraa galeera,'' jedhan.

Isaan akkas haa jedhan malee Obbo Shaafiin kan waldhabaa jiran kanneenuma duraanu achi jiraatan ta'u himu.

''Ganda xiqqoo keessa meeshaa waraanaa hidhatanii kan socho'an kumaan kan tilmaamaman kan jedhu jiraataan kun, dhalataan Oromoo meeshaa hidhatee argame 'shanee' waan jedhamuuf waan ittiin ofirraa ittisuu akka hin qabne dubbatu.

''Bulchitoota aanaatti irra dedeebiin himmannus furmaata argachu hin dandeenye. Ammas motummaan nuuf haa dirmatu,'' jedhan.

Jiraataan biraa dubbisneefi baqatanii Hangar Guutee galuu kan himan ammoo, namoota ugguramuun mana barumsaa keessatti eegamaa turan keessa dubartoonni dahanii fi garaatti baatan akka jiran himan.

''Na ajjeessuuf jennaan baqadheen bosona keessa bade. Maatiinkoos osuma baqatanii bosona keessa tasa walitti bahuun waliin Hangar Guutee galle,'' jedhan.

Jiraataan kun namoonni haleellaa kanaan ajjeefaman dhibbaan lakkaa'amu yoo jedhan, qondaalli mootummaa garuu namoonni ajjeeffaman muraasa ta'u himan.

Haleellaa biraa torban darbe keessa Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaarteetti raawwateen namni BBC'n dubbise tokko abbaan isaa ajjeefamuu himan.

''Abbaakoo balbalumatti rasaasaan dhahanii ajjeesan,'' jedhan jiraataa Magaalaa Finfinneefi gadda abbaasaaf garaa sana imaluu kan BBCtti hime tokko.

''Qaamooleen saba keenya miidhan isin keessa jiru jechuun akka haaloo wal bahuuti finxaaleyyiin kunneen nama argan hunda kan ajjeessan,'' jedhu.

Mootummaan maal jedha

Hogganaan Biroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obboo Shaafii Huseen rakkoo bakkeewwan jedhan kanneen keessa jiruuf gareewwan lama himatan.

''Hidhattoota Amaaraa osoo hin taane shiftaa Amaaraafi hidhattoota ABO Shaneetu walitti dhufanii Oromoos saba Amaaraas akka waliigalaatti sabaafi sablammii naannoo sana jiru, jiraattota, hojjetaa mootummaa fi hooggansa miidhaa jiru,'' jedhan.

''Jara lamaantu walitti dhufanii miidhaa dhaqqabsiisuu yaalan. Qaamni kan keenyaa immoo tarkaanfii hadhaawaa fudhataa jira,'' jechuun ummannis kanaaf gumaachaa akka jiru himan.

Haata'u malee, jiraattonni dubbisne mootummaan birmaachuufi dhabuu himuun yaaddoo guddaa keessa jiraachu dubbatu.

Obbo Shaafiin garuu himannaan uummataa kun ''Lakki inni dogongora. Inumaayyuu humni qabnu lixa jira. Akka motummaatti tarkaanfii garaagaraa fudhataa jirra,'' jedhan.

Akka qondaala nageenyaa Oromiyaa kanaatti humnoonni federaalaafi naannoo akkasumas poolisii idileefi milishaan rakkoo kana furuuf qindominaan socho'aa jiru.

Rakkinichi akkamiin dhalate?

Godinoonni lamaan keessumaa erga waggaa darbeetii eegalee rakkoon nageenyaa cimaaan kan keessatti hammaataa dhufeedha

Ajjeechaan saba bu'uura godhate, saamicha, qabeenya mancaasuufi buqqaatiin irra deddeebiin mudateera. Lammiileen Wallaggarraa buqqa'anii naannoo Amaaraattis deebi'an jiru.

Sababni rakkoo kanaa ''fedhii siyaasaati,'' kan jedhan qondaalli kun, ''kaayyoon isaanii lamaanuu kaayyoo badisaati,'' jechuun himatu.

''Biyya diiguu, saba buqqisuu, qabeenya barbadeessuu, goolii uumuu, yoo danda'ame sirna kana diiganii mootummaa ce'umsaa hundeessuudha,'' jedhan.

Qaamooleen haleellaa raawwachuun motummaan himatee kunneen lamaanu ajandaatu walitti isaan fide jechuun ''Qabatamaan walitti firoomanii miidhaa qaqqabsiisaa jiru,'' jedhan Obbo Shaafiin.

Himannaan hidhattoonni miidhaa qaqabsiisan naannoo Amaaraarra dhufan jedhu jira jechun kan gaafanne qondaalli kun ''achuma kan jiraatan jiru, achuma jiraatu,'' jedhan.

''Durii kaasee jarri meeshaa qabu. Meeshaa sanaan bakka tokko tokkotti miidhaa qaqqabsiisuun ni mala,'' jechuun ''Addatti jaraa meeshaan kenname hin jiru,'' jedhan.

Sochii hidhattoota Amaaraa kanas yoo ibsan ''Aanaa lamaan tokkotti bahanii galu. Yeroo tarkaanfiin irratti fudhatamus gara gara biraatti baqachuutu jira,'' jedhan.

Lakkoofsi namoota haleellaa kanaan miidhamanii ni beekamaa? jenne kan gaafanne Obbo Shaafin ''hin beekamu, qorannoo barbaada,'' jedhu. Garuu hammi isaanii ''xiqqaadha'' jechuun ibsu.

Jiraattonni BBC'n dubbise garuu haleellaa kanaan lubbuun namootaa hedduu jedhamu darbuufi qabeenyi guddaas manca'uu dubbatu.

Nagaa tasgabbeessuun ummata qe'eetti deebisuuf kutannoo mootummaan qabu kan gaafataman Obbo Shaafiin, bulchiinsi isaanii ''ejjennoo olaanaa'' qaba jedhan.

Kanas yoo ibsan, adeemsi qaamolee lamaa badiinsatti oofaa jechuun ummanni akka hubatu mariin akka gaggeeffamaa jiruufi mootummaanis tarkaanfii akka fudhataa jiru himan.

''Humni nageenyaa kun qindaa'ee ummata, dargaggeessa of faana hiriirsee tarkaanfii hadhaawaa fudhateera, ammas fudhataa jira.''

Sadarkaa naannootti 'yeroo gabaabaa keessatti' rakkoon kun furamee haala dur turetti akka deebi'u akka hojjetamaa jiru himan.

''Gareewwan lamaanuu bu'uura hin qaban'' kan jedhan Obbo Shaafiin, lola kaaba biyyattii tureen finciltoonni Tigraay ''barbada'uun'' kanaaf akka gumaacha qabu dubbatu.

Dhihoos, ''Baaleetti, Wallagga Lixaatti, Qellamitti hojiin hojjetamaa jru hojii fakkeenyummaa qabudha. Bu'aa buusaa jiras,'' jechuun tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru ibsu.

Mootummaan waggoota muraasa darbaniif gama Lixaafi Kibba Oromiyaa oppireeshinii gaggeessuun sochii hidhattootaa, 'qulqulleessuu' himaa ture.

Ta'us, rakkoon nageenyaa itti fufeera. Mootummaan qawweerra karaa nagaatiin rakkoo kana furuuf maaliif hin yaalle? jechuun kan gaafanne Obbo Shaafiin, yaalamuu hin hillee jedhan.

''Uumamni qama kanaa kan araara barbaadu miti. Afaaniin kan dubbatu jiraachu ni mala, keessoonsaa garuu kana miti,'' jechuun mootummaan 'dirqamee' tarkaanfii fudhachuu BBC'tti himan.