Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Alamaayyoo Atoomsaa: Obbolaa sadii dabalatee firoonni pirezidantii duraanii Oromiyaa torba akkamiin ajjeefaman?
Obbolaan sadii dabalatee firoonni Pirezidantii duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaa namoonni torba qe'eetti ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.
Ajjeechaan gaafa Jimaata ganama bakka dhaloota pirezidantii duraanii Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa ganda Konchii jedhamuutti raawwateen walumaagala namoonni saddeet ajjeefamaniiru.
Namoonni lama immoo lubbuun hafanii yeroo ammaa hospitaalatti wallaanamaa jiraachuun himameera.
Namoota ajjeefaman saddeet keessaa torba fira Obbo Alamaayyoo ta'uu maatiin kan BBCtti himan yoo ta'u, tokko immoo ollaadha. Haadhaafi intala ganna 25, akkasumas maanguddoo ganna 76 ol dabalatee warra du'an keessa jiru.
Ajjeechaan miseensota maatii tokko irratti qawweefi meeshaa qara qabuun raawwate ''itti yaadamee raawwate'' jechuun guddaa gadduu maatiin BBC'tti himaniiru.
Ajjeechaa kana qaamni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee/Shanee jedhee waamuu raawwachuu qondaaltonniifi maatiin dubbataniiru.
Himannaa kana irratti gama hidhattootaan wanti jedhame hin jiru. BBC'n himannaa irratti dhihaateef deebii akka kennan gaafatus deebii hin arganne.
Paarlaamaan Itoophiyaa garee kana galmee shororkeessummaa keessa kan galche yoo ta'u, garichis finciltoota Tigraay kan mootummaa lolaa jiran waliin hariiroo tolfachuu ifatti labseera.
Maatiin hafan ammallee yaaddoo guddaa keessa jiraachuufi gadduma maatii isaanii taa'uu sodaatanii baqataa jiran jiru jechuun himaniiru.
Ajjeechaan alatti manneen 17 ta'an, akkasumas midhaan gubachuun gabaafameera. Hanga yoonaa qaamni badii kanaan shakkameerratti to'annoon yookiin taarkaanfiin fudhatame akka hin jirre qondaalli himaniiru.
Maaltu ta'e?
Ajjeechaan kun Jimaata dheengaddaa ALI Mudde 15, 2014 ganama keessaa tilmaamaan sa'aatii 3 - 4 gidduutti mandara firoota Obbo Alamaayyoo Atoomsaatti raawwate.
Obbolaan sadan Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ajjeefaman sadanuu aangafa pirezidantii duraaniifi maanguddoota abbaa ijoollee hedduuti.
''Reeffi argame kan nama saddeetiiti. Namni lama mana yaalaa dhaqqabeera,'' jedhan Bulchaan Aanaa Noonnoo Beenjaa Obbo Kumarraa Diggaa.
Obbolaan sadan Obbo Alamaayyoo ajjeefaman; hangafni hundumaa Obbo Mulaatuu Atoomsaa yoo ta'an, umriin isaanii waggaa 75 olidha, abbaa ijoollee sagaliiti.
Lammata Obbo Xintii Atoomsaa ganna 70 ol abbaa ijoollee saddeetii, akkasumas Obbo Adabaa Atoomsaa ganna 50 ol abbaa ijoollee saddeetii akka ta'an maatiin BBCtti himaniiru.
Akka maatiin jedhanitti, obbolaa sadan keessaa lama mana tokko keessatti ajjeefaman.
Owwaalchi gaafa Jimaataa galgala kan raawwatee yoo ta'u, kunis rakkoo nageenyaa uumameen walqabatee bakka humni nageenyaa jirutti raawwatuu ibsameera.
''Ofirratti eegaa ture namni, sodaachaa ture garuu akkasitti hin raawwata jennee hin eegne,'' jechuun addallee ta'u baatu yaaddoon jiraachuu himu ilmi Obbo Xintii, Obbo Adaaneen.
''Abbaakoofi angafni abbaakoo bakkuma tokkotti xiyyitii afuriin du'an,'' jechuun ajjeechaa kana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii of waamaniin raawwatuu himu.
''Jaarsa biyyaati, nama kan araarsu, nama hawaasa keessatti kabajaafi ulfina qabu."
Obbo Addisuu Adabaanis, abbaan isaanii abbaa ijoollee saddeetii jalaa ajjeefamuu BBCtti himan.
''Mannis gubateera. Ajjeechaanis qe'eetti raawwate. Mulaatuufi Xintii Atoomsaa manuma tokko keessatti ajjeesan. Abbaankoo manuma isaatti du'e qofaa isaa.''
''Akkan odeeffannoo qabuttis akkan xiinxalettis odeeffannoo fudhataniiti kan kun raawwatame malee callisanii miti. Namoota fira ta'an filatanii duguggaa raawwachuu barbaadanii natti fakkaata,'' jechuun himu.
''Keessumaa kan nama gaddisiisummoo Mulaatuu Atoomsaa kan jedhaman ijaanillee hin argani jaarsa dadhabaadha. Qe'eedhuma isaan ta'an keessatti kan ajjeefaman.''
Obbolaa sadan alatti namoonni shan biroos ajjeefamaniiru. Shanan keessaa afur fira akka walii ta'an maatiin isaanii kunneen ni himu. ''Dhiiguma tokkodha'' jedhu Obbo Addisuun.
Ajjeechaa raawwateen alatti yeroo ammaa firoonni isaanii biroo yaaddoo guddaa keessa jiru.
''Gadda fira isaanii taa'aa hin jirani. Halkan daggala bulani. Yaaddoonuu yaaddoo hamaadha,'' jedhan Obbo Adaaneen. ''Kun du'eerrayyuu kan jiruufu yaaddoo qabna.''
Irratti xiyyeeffatameeraa?
Maatiin namoota du'anii ajjeechaan raawwate 'itti xiyyeefatamee' ta'uu amanu. Kanaafis agarsiistuuwwan kaasu. Bulchaan aanaas ajjeechaan kun ''akka carraa raawwate miti'' jedhu.
''Xiinxala qabnuun xiyyeeffannoodhaan ta'e jedhamee karaa sana galamee kan rukuttaan kuni gaggeeffame. Sana booddee dhaabataniis nama biraatti hin dhukaafne, mana biraas hin gubne,'' jedhan.
''Mandara tokko mana tokko jiru. Mana mandara sana jiru gubaa, namoota nagaa ajjeesaa kan gocha kana daqiiqaa muraasa keessa raawwatanii deebi'anii bahani.''
Namoonni ajjeefaman mana jireenyaafi lafa maasii turan. ''Barbaadamaniiti iddoo jiranitti kan rukutaman,'' jechuun Obbo Kumarraan BBCtti himan.
Miseensi maatii biraas nami kanneen ajjeechaa raawwatan dura deemaa kallattii agarsiisaa akka ture odeeffachuu isaanii dubbatu.
''Mana muraasa kan gubate kan lammii [fira] keenya hin ta'in. Kanarraa kan hafe, lubbuun bahe keenyuma. Jalqabumaa nurratti waan eegaleef qindaa'ee waan raawwatamedha,'' jedhu Obbo Adaaneen.
Sababni maali?
Sababoota nurratti xiyeeffatameera jedhaniif maatiin, akkasumas qondaalli shakkii qaban akkanaan ibsu. Gandi Konchii jedhamtu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Boonayyaa jedhuun daangessa.
Hidhattoonni ganda Yaada Hundaa jedhamtuufi Wallagga Bahaa jala jirtu dhuunfachuu qondaalli himu. Yeroo garaagaraattis gara Konchiitti seenuuf carraaqqii taasisuu dubbatu.
Akka maatiin namoota du'anii himanitti, ajjeechaan raawwatuu guyyoota lama dura hidhattoonni gandichatti dhufanii dhukaasa banan. Ergasii humnoonni mootummuu gama hidhattootaa keessaa nama ajjeessuu himu.
Guyyaa itti aanu hidhattoonni humna dabalatanii bakka humnoonni mootummaa hin jirretti jiraattotarratti haleellaa raawwatuu dubbatu.
Dabalataan, bulchaan ganda Konchii fira maatii Obbo Alamaayyoo fa'i ta'u himuun, kanaafis irratti xiyyeeffatamuu akka malu shakkii qaban ibsu. Akkasumas, ilmi maanguddoo ajjeefamanii tokko milishaa ta'uu maatiin dubbatu.
Kanaafis, ''Haaloo bahannaa fakkaata'' jechuun ibsu, bulchaa gandaa irratti akka xiyyeeffatamuu malu akeekuun. ''Yoo si dhabne lammii kee hin dhabnu waan jedhun walqabata,'' yaada jedhu qabu maatiin.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo caasaa mootummaa kanneen akka bulchaa gandaa, milishaa, qondaaltota mootummaa, poolisiifi kaan irratti akka xiyyeeffatan sochiin isaanii kana duraa ni agarsiisa.
Obbo Alamaayyoon Oromiyaa bulchaa waan turaniif isaaniirratti xiyyeeffatamuu malaa jedhamanii kan gaafataman miseensi maatii tokko, ta'u akka malu shakku.
Ta'us, bara aangorra turan maatiin isaanii ''Faayidaa qofaatti argatan hin jiru,'' jedhan.
Bulchaan aanaa gandi Konchii 'hidhattoota waan simachuu dideef' irratti xiyyeeffatamuu akka malu jiraataafi qondaalli ibsanis jiru.
''Ummata dadhabaafi ummatuma hojii misoomaa irratti bobba'etu qe'ee jira malee humni hidhatee naannoo sana hin turre,'' jechuun lammiileen ganaa ajjeefamuu Obbo Addisuun himu.
Sochii hidhattootaa
Hidhattoonni gara caalu gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'anis waggaa tokko darbe keessa gama Wallagga Bahaa bal'inaan socho'aa jiraachuutu mul'ata.
Gareen kun ajjeechaa maatii tokkoo galaafateef qofa osoo hin taane ajjeechaawwan garagaraa gama Lixaafi Kibba Oromiyaa raawwatuuf himatama. Ta'us, himannaa kana ni waakkata.
''Qaamuma hidhatee socho'u malee waan biraa miti. Ifaadha, guyyaadha,'' jechuun Obbo Adaaneen maatiin isaanii ''akka horiitti ajjeefamuu'' himu.
Maatiin biraa dubbisnees haala walfakkaataan hidhattoota himatanii ''Rasaasnis jira, kan akka waan billaa wayiin waraananii ajjeesanis jiru'' jechuun haala ajjeechaan raawwate ibsu.
Bulchaan Aanaa Noonnoo Beenjaa hidhattoota ta'uu isaanii gaafanne ''Wallagga Bahaatti ABO Shaneen alatti humni biraa hidhatee socho'u hin jiru,'' jedhan.
Waggaa darbe Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti haleellaan lammiilee nagaarratti raawwateefi hidhattoonni itti himataman raawwateera.
Bulchaan aanaa haleellaa tibbanaa duras A L I Amajjii bara 2013 hidhattoonni Aanaa Noonnoo Benjaatti ce'uuf sochii taasisaa turuu himu.
''Aanaa kana keessa socho'aa hin jirani, socho'aniis hin beekani. Teessuma isaanii Godina Wallagga Bahaa Aanaa Boonayyaa Boshee keessaa tarkaanfii fudhatanii deebi'an,'' jechuun himan.
Aanaan Noonnoo Beenjaa Godina Jimmaa jala jirtu aanota Godina Wallagga Bahaa Billoo Bosheefi Aanaa Waamaa Hagaloo jedhaman ni daangessa.
''Dudduubarraan galu, dhufanii tarkaanfii hinmalle kana fudhatu. Kana booda deebi'anii Godina Wallagga Bahaa Ganda Yaada Hundaa keessa kan isaan qubatan,'' jechuun akka isaan daangessan himu.
Obbo Alamaayyoon Atoomsaa
A.L.A bara 2010'tti Abbaa Duulaa bakka bu'uun Pirezidantii Oromiyaa ta'un kan muudaman Obbo Alamaayyoo Atoomsaa muudamanii osoo hin turiin kan isaan dhukkube.
Sababa kanaanis yaalaaf gara biyya alaa deddeebi'aa turani. Dura taa'aa DHDUO fi Pirezidantii irraa aangoo gadhiisanii torban lama booda A L I Bitootessa bara 2014 Taayilaanditti du'uun isaanii himame.
Bakka isaaniis Obbo Muktaar Kadir Dura Taa'aa DHDUO fi Pirezidantii Naannoo Oromiyaa ta'un muudaman.
Owwaalchi isaanii Magaalaa Finfinnee Bataskaana Sillaasee Qulqulluutti kan raawwate yoo ta'u, du'a isaanii hordofees alaabaan Itoophiyaa guyyoota sadiif gadi siqee mirmifameera.
Obbo Alamaayyoon wagga 45tti boqochuu isaanii dura gaheewwan hojii garaagaraa naannoofi federaalaatti dalaganiiru.
Obbo Alamaayyoon hooggansi ummata gidduugala godhatee akka hojjetuufi malaammaltummaa irratti sochii taasisaniin yaadatamu.
Kana dura Obbo Alamaayyoo Atoomsaa A L I bara 1969 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Billoo Bosheetti dhalachuun isaanii gabaafamaa turuun ni yaadatama.
Maatiin garuu Obbo Alamayyoon Godina Wallaggaa Bahaa Billoo Bosheetti osoo hin taane Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa ganda Konchiitti akka dhalate BBC'tti himaniiru.