'Miira ciniinsuun seeminaara dhiyeessaa ooleen borumtaasaa dahe' - Dr Daagimaawwit Kiflee

Abjuun hakima ta'uu ijoollummaadhaan ishee keessatti bocame. Ofiishee lilmmee waraannachuu garuu baay'ee sodaatti turte.

Erga barnoota fayyaa [Medicine] barachuu eegaltee ammoo halkanoonni hirribaa malee dabarsite baay'eedha.

Barattoonni waliin mooraa yunivarsiitii seenan guyyaa eebbifaman isheen qormaataaf qophaa'aa turte. Guyyaa sana 'maaliifan Medicine gale' jettee gaabbitee turte.

Erga hakima ijaa taatee as garuu yaalii wallaansa ijaa daqiiqaa muraasaaf taasistuun, miira namoonni bara dheeraaf dukkana keessa turan deebi'anii ifa yeroo argan mul'isanitti garmalee gammaddi.

Amma Sabispeeshaalistii jijjiirra qaroo ijaati (cornea transplantation).

Haalota rakkisoo baay'ee darbitee milkoofte. Sabispeeshaalistiin kun akkamiin ogeeyyii jijjiirra qaroo ijaa akka biyyaattuu qubaan lakkaa'aman keessaa tokko ta'uun akka milkooftee fi imala barnootaaf hojiishee BBC waliin turtii taasisteen dubbatteetti.

Dr. Daagimaawit Kifilee jedhamti. Arsii magaalaa Asallaatti dhalattee guddatte. Maatiisheetiif mucaa qixisuu turte.

Barnootasheetti akka milkooftuuf maatiinshee humna guddaa ta'uu kan dubbattu hakimni kun, harmeenshee fakkeenya dubartii jabduu akka taateef himti.

Barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana-Barumsaa Qiddus Gabri'eel magaalaa Asallaatti hordofte. Sadarkaa lammaffaa ammoo Mana-Barumsaa Cilaaloo Taraaraatti, kutaa 11ffaa fi 12ffaa ammoo M/B qophaa'ina Asallaatti baratte.

Qorumsa biyyaalessa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fiduudhaan filannooshee jalqabaa barnoota hakima namaa [Medicine] barachuuf ALI bara 2000 Yunvarsiitii Jimmaa seente.

Meedikal Doktara taatee erga eebbifamtee booda achuma Yunivarsiitii Jimmaatti carraa barsiistuu taatee qacaramuu argatte. Ganna tokkoof erga hojjettee booda yunivarsiitichumatti waldhaansa ijaa (ophthalmology) dhaan ispeeshaalitiishee ALI bara 2011 goolabde. Sab-ispeeshaalitii ishee ammoo waldhaansa jijjiirraa qaroo ijaa (cornea transplantation)'tiin Kanaadaa, Yunivarsiitii Biriitish Kolombiyaatti baratte.

Miseensi maatii ogummaa fayyaa barate jiraachuu baatus, fedhii hakima ta'uu ijoollummaadhaan horatte.

"Qalbii ijoollummaatiin ogeeyyiin gaawonii adii uffatanii yeroo tajaajila waldhaansa fayyaa kennan arguun gara sanatti dhiyaachuun, hawwuun ture" jechuun abjuu ijoollummaashee yaadachiisti Dr. Daagimaawit.

"Barsiisotaa fi barattoota nu dursan irraas yoo qabxii gaarii fiddan medicine galtu" jedhamuun akka gorfaman kan kaastu sabispeeshaalistiin kun, "yeroo sana medicine galuun akka waan guddaatti ilaalama" jechuun himti.

"Yeroon waldhaanamu lilmoo waraanamuu baay'een sodaadhan ture; hakima ta'uu garuu nan jaaladhan ture" jechuun yeroo ijoollummaashee kan yaadachiistu Dr. Daagmaawit, amma sabispeeshaalistii jijjiirraa qaroo ijaa ta'uun namoota dukkana keessa jiraataniif ifa deebisaa jirti.

Milkaa'inashee har'aatiif miseensi maatii hunduu gumaachaa qabaachuu dubbatti. Harmeenshee garuu addatti akka ishee bocce himti.

"Haatikoo dubartii jabduu hunda keenyayyuu kunuunsitee guddistedha. Mucaa qixisuu waanan ta'eef yeroo dheeraa harmeekoo waliinan dabarsa.

Ciminashee sirriittan beeka. Ishee fakkeenya godhadheen haadha jabduu ta'uuf dhama'aa jira" jechuun fakkeenyummaa harmeeshee ibsiti.

'Fayyaa fi gammachuu kaaniitiif jettee kan dabarsitee ofkennitudha'

"Barattuu ta'ee maaliifan [medicine] gale jedhee gaabbee beeka. Keessumaa barattoonni bara tokko waliin yunivarsiitii seenne kan muummee barnoota biraa baratan nu dursanii eebbifamanii yeroo bahan, animmoo qormaataaf qophaa'aan ture.

Akka carraa doormiin keenya walitti dhiyoo ture. Yeroo sanadha kan miirri hikkiminnaa galuun narra hin turre; maaliifan gale jedhu natti dhaga'ame.

Sana booda keessumaa ergan hakima ijaa ta'ee baay'ee gammadduun ta'e" jechuun yeroo ulfaataa bara barattummaashee dabarsite yaadachiisti, Dr. Daagimaawit.

"Namni tokko yunivarsiitii galee hakima ta'ee eebbifamuuf ganna torbaaf isaan olis fudhachuu danda'a.

Hakima ta'uun barnootumasaarraa jalqabee kan umriikee dheeraa fudhatudha. Ogummaa aarsaa nama kafalchiisudha. Barnoonnisaas yeroo barbaada. Sa'aatii dheeraa dubbisuutu sirraa jiraata.

Tattaaffii gaafata. Rakkoo fayyaa namaa furuudhaaf waan dhamaatuuf, innis dhiphina mataasaa qabaata.

Nama dhiphina keessa jiru waliin yeroo dheeraa dabarsuunis dhiphina biraa sirratti uuma" jechuun hakima ta'uun bu'aa bayii rakkisoo keessa darbuu akka barbaadu ibsiti.

Hojiin hakimaa fayyaa fi gammachuu kaaniitiif jettee kan dabarsitee ofkennitudha. Gammachuun argattus gammachuu nama waldhaantuu sanarraa kan dhufudha. Hundaa'ol namni rakkoo fayyaa waliin dhuferraa fayyee gaafa argitu gammachuu sitti dhaga'amudha- kafaltiin hakimaa.

Oolmaan hakimaa akkamiin yoo kafalteyyuu kan mallaqaan tilmaamamu miti" jechuun madda gammachuu hakimaa ibsiti.

Erga ispeeshaalistii waldhaansa ijaa taatee as hojii diqiiqaa muraasaaf taasistuun namoonni bara dheeraa dukkana keessa turan akka ifa argan gochaa jirti.

Taatee ganna shan dura yeroo gareedhaan gara baadiyyaatti bahuun namoota gara giddugala fayyaa dhufuu hin dandeenyeef waldhaansa ijaa kennan ishee mudate akkanaan yaadachiisti.

Yaalii gareedhaan kennaa turan irratti seenaa ajaa'ibaa "dubartiin waggaa afurtamaa kan ganna kudhanii oliif ijjishee lamaanuu sababa mooraatiin jaamee ture" akka isaan mudate dubbatti.

"Dubartiin sababa rakkoo ijaa ishee mudateen jaamte kun daa'ima deessellee otoo hin argiin turte.

Abbaan manaashee maal akka fakkaatu argitee hin beektu turte. Yaalii baqaqsanii waldhaanuu argatteen guyyaa tokko booda deebitee ifa arguu dandeesse.

Yaaliin taasifameefii guyyaa tokko booda yeroo jalqabaatiif mucaashee yeroo argitu miirri gammachuu isheetti dhaga'ame kan qalbii namaa keessaa badu miti. Mudannoon akkanaa hedduutu jiru" jechuun ibsiti sabispeeshaalistiin kun.

"Namoonni baay'een dukkana ganna dheeraa turan keessaa ifatti yeroo bahan waan haaraa itti ta'a.

Yeroo dukkana keessa turanirraa gara gammachuutti geeddaraman namoonni tokko tokko gammaduurraan kan ka'e miira walmakaa ta'e agarsiisu.

Dafanii gammachuusaanii hin ibsani; gartokkeen ni boo'u, kaan ni kolfu"jechuun miira namootaa ibsiti Dr. Daagimaawit.

'Miirri ciniinsuu otoo jiruu akka har'aa seminaara dhiyeessaa ooleen borumtaasaa dahe'

"Qilleensi Asallaa ni qorra ture; Jimmi ammoo ho'ituudha. Haala qilleensaa itti baruun cimaa ture" jechuun matiisheerraa adda baatee yunivarsiitii Jimma jiraachuun ulfaataa akka ture dubbatti.

Dr. Daagmaawit otoo barnoota reezidantummaarra jirtuu bultoo waan ijaarratteef, mucaashee jalqabaa barattuu taatee deesse.

Barnoota sabispeeshaalitii isheetiif ammoo ijoolleeshii dhiistee waggaa tokkoof Kanaadaa turte.

"Haadha daa'imaa taatee barachuun ammoo qormaata biraa qaba. Qormaata sodaattee gara boodaatti hin jettu, ittuma deemta. Dhumarratti garuu bu'aansaa si gammachiisa" jechuun ibsiti.

Otoo barnoota ispeeshaalistummaa barachaa jirtuu mucaashee jalqabaa kan deesse hakimni kun, haala ulfaataa akka dabarsite himti.

Barnootashee addaan kutuu waan hin barbaanneef, "hamma dhumaatti hamma ciniinsuun natti dhufutti cimeen itti fufa" jettee akka murteessites dubbatti.

Haala kanaan "hanga dhumaatti hojiirran ture. Ciniinsuu sobaa [false labor] qaban ture. Seminaara akka har'a dhiyeesseen borumtaasaa dahe. Yeroon seeminaara dhiyeessaa turettis miirri ciniinsuu ture.

Halkansaa na dhukkubaa bule. Ganamasaa hakima na hordofu bira deemee ilaalamee hojiidhaaf OPD [namoota deddeebi'anii waldhaanaman] bira deemufan ture.

Hakimnikoo erga na ilaalee ciniinsuurra jirta waan ta'eef ciisuu qabda naan jedhe" jechuun kan yaadachiistu hakimni kun, ciistee sa'aatii muraasa keessatti mucaashee jalqabaa akka hiikamte dubbatti.

"Ergan dahees akka hojjetaa biraa ji'a afur boqochuu hin dandeenye. Ji'a tokko booda gara barnootaaf hojii kootti deebi'uutu narra ture.

Barsiisonniif barattoonnis waan na hubataniif gidduudhaan baheen hoosisaa ture" jechuun haala rakkisaaf otoo harka hin laanne barnoota ispeeshaalistummaasheettis milkaa'uu himti.

Haala sana keessatti deeggarsi maatii abbaa manaashee guddaa akka ture ibsiti.

'Lameen keenyayyuu ijoollee dhiisneet biyya alaa deemne'

Tokkoon tokkoon gulantaa barnootasheerra haala rakkisaa qabaachuu kan kaastu sabispeeshalistiin haadha daa'ima lamaa kun obsaa fi cichoominaan dabartee har'a sabispeeshalistii akkasumas gargaartuu pirofeesaraa taatee waldhaansa fayyaa, barsiisummaa fi qorannoon tajaajilaa jirti.

Yeroo barnoota sabispeeshaalitiif Kanaadaa deemtetti mucaanshee lammaffaa ganna shan akka turte kan himtu Dr. Daagimaawit, "ijoolleekoo abbaa manaakoof ollaakoo irrattan gatee deeme" jetti.

Isheen deemtee ji'a sadiin booda ammoo abbaan manaashee barnootasaa PhD'tiif Beeljiyeem deeme.

"Lamaan keenyayyuu ijoollee keenya dhiisnee biyya alaa deemuutu nurra ture. Murteen kun baay'ee cimaa ture.

Ijoolleen keenya yoo miidhamanillee waan gaariidhaafi jennee murteessinee baatii jahaaf lamaan keenyayyuu isaan bira hin turre.

Turtii ji'a jahaan booda abbaan manaakoo barnootasaa xumuree na dursee gara ijoolleetti deebi'e.

Anis inni deebi'ee ji'a sadiin boodan xumuree gale" jechuun bu'aa bayii imala barnootaa keessatti isaan mudate ibsiti Dr. Daagimaawit.

Turtiin barnoota sabispeeshalistummaa Kanaadaas rakkisaa akka ture kan dubbattu haati ilmaanshee lamaan dhiistee biyya hambaa deemte kun, "sirni waldhaansa keenyaa, afaaniif aadaan keenya hunduu gara gara waan ta'eef isaatti baruun, sirna teknoolojii isaaniitiin of gahoomsuunis qormaata mataasaa danda'edha" jechuun ibsiti.

Gaa'ila keessatti hojiif barnootatti milkaa'uuf wal deeggaruun murteessaa akka ta'e kan dubbattu sabispeeshalistiin kun, icciitiin milkaa'ina isaanii wal hubachuun wal deeggaruu ta'uu himti.

Amma abbaan manaashees barnoota PhD isaa goolabuun, isheenis sabispeeshaalitiishee xumuruun hojjetaa jiru.

Dr. Daagimaawit abbaa manaasheetiin yunivarsiitii Jimmaatti yeroosheen barattuu digirii jalqabaa Medicine turte wal barani.

Abbaan manaashee ogeessa sirna nyaataa (nutrition) yoo ta'u "nama jabaa, guddachuuf tattaafatu ta'uu nan beeka. Nama baay'ee na deeggarudha" jechuun waa'ee abbaa manaashee dubbatti.

'Jireenya keessatti yeroon baay'ee ulfaataan ni jiraata. Garuu gabaabaadha; ni darba'

"Dubartoonni kennaa qormaata isaan mudatu ogummaadhaan darbuu qabu jedheen yaada.

Dhiirota caala dandeettii miirasaanii to'achuun darbuu qabu. Addumatti ammoo dubartoonni erga haadha ta'anii booda kallattii tokko qofaan maatii fi daa'immansaanii qofa yaadu.

Yeroo baay'ee dubartoonni erga dahanii booda daa'ima guddisuuf jedhanii hojiisaanii dhiisu.

Kun aarsaa salphaa miti. Erga daa'ima horattee booda xiyyeeffannoo gartokkeen gara sana deema. Yeroo baay'ee dubartoonni abdii kutannaa keessa galanis jiru.

Anis itti hin murteessu garuu qormaata jireenya keessatti mudatuuf Waaqayyo falasaas wajjin waan nuu fiduuf abdii kutachuu hin qaban; dhaabachuu hin qaban. Ciniinnatanii mul'atasaanii fagootti argan ilaalaa gufuu har'a isaan mudatu darbuu danda'u.

Jireenya keessatti yeroon baay'ee ulfaataan ni jiraata. Garuu gabaabaadha; ni darba. Erga dabartee hundasaa dagatta.

Carraa dhufu sodaattee yoo dabarsite garuu yeroo mara otoon akkas godhee jiraadhee jettee si gaabbisiisa" jechuun akka dubartoonni qormaataaf harka hin kennine gorsiti hakimni bu'aa bayii keessa dabartee sabispeeshalistii taate kun.

Yeroo hojiirra hin jirre muraasa ijoolleeshee waliin haasa'uun akka ishee gammachiisus dubbatti.

"Yeroon ijoolleekoo waliin turu muraasa waan ta'eef, hojiidhaan ala baay'inaan ijoolleekoo waliinan dabarsa. Isaan mana barumsaa turu; ani hojiin tura. Dubbisuudhaafis gara laabirariin deema.

Altokko tokko biiroos nan tura. Kanaaf, yeroo boqonnaakoo isaan waliin taphachuunan dabarsa.

Yeroon isaan waliin taphattu waan ijoollee taate sitti fakkata. Wanti isaan gammachiisu na gammachiisa" jechuun himti sabispeeshaalistiin, haadha ilmaan lamaa kun.

Waldhaansa jijjiirraa qaroo ijaa [cornea transplantation]

Qorannoo kutaan waldhaansa ijaa wiirtuu fayyaa yunivarsiitii Jimmaa taasiseen moorri ijaa sababa dursaa rakkoo fayyaa ijaaf saaxilu akka ta'e ibsiti Dr. Daagimaawit.

Moorri ijaa rakkoo fayyaa umriidhaan walqabatee dhufu yoo ta'u dandeetti ilaaluu ijaa hir'isuun gara jaaminaatti kan geessudha.

Itti aansuun gilaakoomaadha. Gosti dhibee kun dursee mallattoo waan hin agarsiisneef rakkisaa ta'uus himti sabispeeshaalistiin kun.

Tiraakoomaanis sababa biraa fayyaa ijaa miidhaan yoo ta'u sababa baakteeriyaa ija miidhaniin yookaan infeekshinii uumaniin ta'uu ibsiti.

"Qaroon ijaa (cornea) waan akka daaw'itii fakkaatu qulqulluu ta'ee, ifa calaqqisiisuun gara duubaatti erguun akka suurri (image) reetiinaa irratti uumamu taasisudha. Kutaa ijaa akka sirnaan ilaalluuf murteessaa ta'edha.

Sababa gara garaatiin qaroon ijaa yeroo madaa'e, ennaa fayyu godaannisa hafu qaba.

Akka godaannisa qaama biraa otoo hin taane godaannisni qaroo ijaa ifni sirnaan gara boodaatti akka hin deemne danquun dandeettii arguu ijaa daangessa. Kanaaf, qaroon ijaa godaannisa qabu jijjiiramuu qaba" jechuun ibsiti.

Kunis qaroo ijaa namni biraa otoo lubbuun jiruu arjoomuuf waadaa galeen erga namni sun lubbuun darbee fuudhameen akka bakka buufamu ibsiti sabispeeshaalistiin jijjiirraa qaroo ijaa kun.

Waldhaansi baqaqsanii yaaluu jijjiirraa ijaa (cornea transplantation) kun baankii ijaa akka barbaadu kan dubbattu Dr. Daagimaawit, baankiin ijaa ammoo akkuma biyyaattuu Finfinnee qofa ture.

Dhiyeenya kana garuu kan lammaffaa wiirtuu fayyaa ijaa hospitaala yunivarsiitii Jimmaatti banameera. Kunis gosa waldhaansaa kanaaf carraa garii ta'uu dubbatti.

Akka biyyaattuu ogeeyyiin baqaqsanii yaaluu jijjiirraa ijaa nama 13 kan hin caallee ta'uu kan himtu Dr. Daagimaawit, akka naannawaa Kibba Lixa Itoophiyaatti kanaan dura sabispeeshaalistii Dr. Jaafar jedhamu qofti akka ture himuun isheen nama lammaffaa ta'uu dubbatti.