Goofaatti balaa lolaan yoo xiqqaate lubbuun namoota 16 darbe

Madda suuraa, Waajira Kominikeeshinii Goofaa
Naannoo Uummatoota Kibbaa godina Goofaa keessatti bokkaa cimaan roobee, lolaa mudateen lubbuun namoota 16 darbuu bulchiinsi naannichaa ibse.
Kamisa Caamsaa 5, 2023 halkan aanaa Ubaa Dabratsahaay magaalaa Zaabbaa jedhamu keessatti lolaan lubbuu namoota nagaa 16 galaafatee, qabeenya irrattis miidhaa geessiseera.
Hoogganaan kominikeeshinii godinichaa obbo Kaasaahuun Abbaayinee yaada BBC'f kennaniin, rooba cimaa halkan sa'aa saddeeti hanga barii sa'aa kudhaniitti roobetu balaa kana fide jedhan.
Bulchaan aanaa balaan kun itti qaqqabee obbo Eelto Itsanaa, balaan kun gahuu booda barbaacha hanga ammaa godhameen reeffi namoota 15 argameera jedhan. Kanneen keessa ijoolleen lama akka argaman dubbatan.
Bakki balaan kun qaqqabe magaalaa tabba jala argamu ta'uu obbo Kaasahuun himaniiru. Lakkoofsi namoota balaa kanaan lubbuu dhabanii dabaluu malas jedhan.
Jiraattotni naannichaa fi aanga'oonni namoota balaa kanaan miidhaman biroo baraaruurratti hojjechaa akka jiranis dubbatan.
Lolaan bokkaa kanaan dhalate gaarreen irraa dhagaa gurguddaa gangalchee manneen jijjigseeras jedhan obbo Kaasahuun.
Waqtii ammaa kanatti naannolee biyyattii adda addaatti bokkaan jabaan bu'aa jiru akka itti fufu, ogeeyyiin meetiriyoolojii himaniiru.
Kanaafis naannoo magaalaafi baadiyyaatti balaa lolaa wajjin walqabatee dhalatu irraa of ittisuuf qophii akka godhan dhaamu.















