USAID gargaarsa Tigraay keessatti dhiyeessu addaan kute

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID hojii gargaarsa naannoo Tigraay keessatti taasisu addaan kutuu beeksise.
Dhaabbanni kun gargaarsa dhiyeessu akka addaan kutu kan taasise ammoo midhaan nyaataa gargaarsaaf dhiyaate naannicha keessatti hatameera jedhamuu hordofeeti.
USAID murtee gargaarsa dhiyeessu dhaabuu kanarra kan gahe, gargaarsi nyaataa namoota Tigraay keessatti beelaan rakkachaa jiraniif yaadame kan karoorfameen ala gurgurtaadhaaf gabaatti dhiyaachuu isaa hubachuu isaatiin ta'uu ibseera.
Sababa kanaan "murtoo rakkisaadha jedhe" dabarsuuf dirqamuu isaa eeruudhaan, hanga ibsi dabalataa kennamutti, gargaarsi nyaataa USIDn deeggarame naannicha keessatti dhiyaatu akka addaan citu taasifamuu beeksiseera.
Haaluma walfakkaatuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)tti Sagantaan Nyaata Addunyaa hanna midhaan nyaataa namoota gargaarsi barbaachisuuf dhiyaatu hatameera jedhame qorachuudhaaf midhaan nyaataa gargaarsaan nannoo Tigraay kessatti dhiyeessu addaan kutuu isaa beeksisuun isaa gabaafameera.
Hojjetoonni gargaarsaa afur Asoosheetid Pireesiif akka ibsanitti, odeeffannoon midhaan gargaarsaa kaayyoo hin malleef ooleera jedhu bahuu isaa hordofee dhaabbatichi gargaarsa gara Tigraay geessu torban lama dura irraa kaasee yeroof addaan kuteera.
USAID fi WFP Tigraay keessatti midhaan nyaataaf dhiyaate hatameera jedhamuu hordofee gargaarsa naannichaaf dhiyeessan addaan kutuu isaanii hordofee mootummaan bulchiinsa yeroo Tigraay warra gocha kana raawwatan irratti qorannoo jalqabuu isaa ibseera.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa dhimmicha ilaalchisuun fuula Tiwiitara isaaniirratti akka barreessanitti, midhaan nyaataa gargaarsaaf dhiyaate kaayyoo biraatiif ooluu isaa dippilomaatota, bakka bu'oota dhaabbileen gargaarsaafi jiraattota naannichaa waliin dubbachaa turaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rakkoon kun guddaa ta'uu isaatiif, akkasumas ragaawwan baayyee jiran bu'uura godhachuun warra gocha kana raawwatan akka itti-gaafataman gochuudhaaf qorannoon aanga'oota olaanoo naannichaatiin gaggeeffamu jalqabuu isaas beeksisaniiru.
Murteen dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID gargaarsa Tigiraay keessatti dhiyeessu dhaabuu kun kan dhagahme, WFP murtoo walfakkaataa darbarsuu isaa hordofeeti.
USAID hanna midhaan nyaataa raawwatameera jedhame horodofee ogeessota olaanoo ramaduun qorannoo cimaa jalqabuu ibseera.
Qorannoo jalqabuu isaan walqabatee ammoo gargaarsa nyaataa dhiyeessaa jiru yeroof addaan kutuu eereera.
Rakkoo uumameera jedhame ilaalchisuun mootummaan Federaala Itoophiyaa aanga'oota bulchiinsa yeroo nannoo Tigraay waliin dubbachaa jiraachuu warra yakka kana raawwatan adda baasuun akka itti gaafataman gohuuf hayyamama ta'uu ibseera.
Sagantaan Nyaata Addunyaa hojii gargaarsaa lubbuu baraaru naannoo Tigraay keessatti taasisu irratti hanni raawwatameera jedhame qorachaa akka jiru ibsee turuun isaa ni yaadatama.
Kana ilaalchisee Itoophiyaatti daarektarri WFP Kilaawud Jibidaar xalayaa dhaabbileen michootaa biyyattii keessa jiraniif barreessaniin," midhaan gargaarsaa bal'inaan gurgurtaaf dhiyaatee gabaa keessatti mul'atu Sagantaa Nyaata Addunyaa akka yaadda'u taasiseera," jedhan.
Nyaatni gargaarsaaf jedhamee dhiyaate maqaa dhaabbatichaa xureessuun alatti humna gargaarsa namoomaa sassaabuu irratti dhiibbaa uuma jechuun ibsan daarektarichi.
Kana waan ta'eef, midhaan nyaataa biyyattiitti gargaarsaan dhiyaatu, "qixa sirrii hin taaneen itti fayyadamuufi kaayyoo jedhameefiin ala fudhachuun atattamaan dhaabuun murteessaadha," jedhan.
Jaabiir jalqaba Ebla 2023 dhaabbileen michoota ta'an Itoophiyaa keessa jiraniif xalayaa barreessaniin, dhaabbileen gargaarsaa michoota ta'an midhaan nyaataa qixa hin malleen faayidaarra oolee ykn akka hin taaneen fudhatamee yoo arganii jiraatan odeeffannoo akka kennaniifillee gaafataniiru.

Madda suuraa, Getty Images












