Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sa'uudiin yaada saala wal fakkaataa babal'isa jechuun halluu sabbata waaqaa dhorkite
Sa'uudiin namoota saala-walfakkaatu leellisan jajjabeessa jechuun meeshaalee halluu sabbata waaqaa qaban dhorkuun dhagahame.
TV'n biyyattii akka gabaasetti, qondaaltonni biyyattii ashaangulliitii fi huccuu daa'immanii halluu sabbata waaqaa qabu bakka jiru hundaa walitti qabanii gubaa jiru.
Sababni isaas ammoo halluun kun warra fedhii saalaa walfakkaatu leelllisaniin hidhata waan qabuuf isaan jajjabeessee, daa'imman balleessaa adeema jedhanii waan amananiif jedha gabaasi kun.
Miidiyaan biyyattii Al-Ekhbariya jedhamu, wayita qondaaltonni Ministeera Daldalaa magaalaa guddoo biyyattii Riyaad keessatti suuqiiwwan irra deemanii meeshaalee halluu kana qaban walitti qaban gabaaseera.
Meeshaaleen isaan akka badan turanis kobbeewwan, meeshaalee miidhagina rifeensaaf godhataman, koofiyyaa, qomeewwan ijoollee fi meeshaalee barnootaa kaan.
Qondaalli tokko akka jedhanitti, ''meeshaaleen halluu akkasii qaban duudhaa amantii Islaamaa waliin hin deeman. Safuu uummataas kan faallessaniidha.''
Kun ammoo daa'imman halluu warri saala walfakaataa leellisan fayyadaman beeksisaa akka guddatan haala mijeessaa jira waan ta'eef dhabamsiifamuu qabu jedhan.
Ministeerri Daldalaa ''meeshaalee halluu fi danaa duudhaa hawaasaa fi amantiin faallaa ta'an walitti qabuun barbadeessuuf gareen hundaa'ee hojii eegaleera,'' jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.
Suuqiiwwan meeshaalee akkasii daldalan seeraan akka adabamanis eere.
Mudde darbes biyyi ollaa Sa'uudii taate Qaataar meeshaalee halluu sabbata waaqaa qaban walitti qabuun barbadeessaa turte.
Qondaaltonni mootummaa biyyattii ''halluun kun duudhaa amantii Islaamaa faallessa,'' jechuun akeekkachiisaa turan.
Sa'uudii Arabiyaa keessaa kanneen garee 'Sunni Muslim' jedhamaniin bulan fedhii saal-quunnamtii ykn waa'ee akkaataa saalquunnamtii irratti seera ittiin bulmaataa qabaachuu baatanis, garuu fedhii saala walfakkaataa dabalatee walquunnamtiin saalaa gaa'ilaan alaa kamiyyuu akkaan dhorkama.
Akka seera Islaamaa (Islamic law) biyyattiitti saala walfakkaataadhaan namoonni fedhii saal-quunnamtii walirraa qaban ykn amala akkasii kanneen agarsiisan du'aan adabamu ykn akkaan reebamu.
Adabbiin kun akkaataa cimina balleessaa raawwatamee irratti hundaa'uun kennama.
Dhiirti akka dubartiitti of fakkeessuu yookiin amala dubartii ofitti fudhatee jiraachuunis seeraan ala. Dubartiinis akka dhiiraatti of fakkeessuun akkasuma.