Basmaa bint Sa'uud: Intalli Mootii Sa’udii ifatti qeequun beekamtu hidhaadhaa gadhiifamte

Intalli mootii Sa'udiifi intalli ishee hidhaa haalaan eegamu keessa waggoota sadiitti dhihaatuuf erga turanii booda gadhiifamuu kanneen duula gaggeessaniif himan.

Basmaa bint Sa'uud Bitootessa 2019 yeroo isheen yaala fayyaaf gara Siwitzarlaand imaluuf kaate qabamtee hidhamte.

Maaliif akka hidhamte hin beekamu, tokkoon isaaniis yakkaan hin himatamne.

Muraasni tarii dhimma deeggarsa namoomaafi rifoormii heeraarratti sochii taasistuun walqabata jedhanii shakku.

Barreeffama bara 2020 maatiin ishee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)'f barreessaniin sababni hidhaa ishee gara caalu ''ifatti badii raawwatu waan qeeqxuufi'' jechuu isaanii AFP'n gabaaseera.

Deeggartoonni ishee immoo sababa isheen ilma mootii duraanii amma hidhaa mana keessaarra jiran Mohaammad bin Nayef waliin itti dhiheenya waan qabduufi jechuun yaada kennu.

Intalli mooti Basmaan, ganna 57, homaa akka hin balleessineefi rakkoon fayyaa akka ishee qunname ibsuun Mootiin Sa'udii Salmaaniifi Ilma Mootii Mohaammad bin Salmaan akka ishee gadhiisan Ebla darbe dhaamteetti.

Yeroo bara 2019 hidhaa seente fayyaa yaalaa maalii barbaacha akka ala bahuu kaate hin beekamu.

Hiikamuu ishee dhaabbati ALQST Tiwiitara irratti ibseera.

''Haala lubbuu ishee balaarra buusuurraa [hafuuf] yaala fayyaa ishee barbaachisu dhorkamteetti,'' jechuun yeroo turtii ishee mana hidhaa Al-Ha'ir magaalaa guddoo dhihootti argamtutti rakkatuu ishee hime.

Dhaabbati mirga namoomaa Sa'udii kuni itti dabaluun yeroo mana hidhaa turte himannaan homtuu irratti hn banamne jechuun ibse.

Intalli Mootii Basmaan ijoollee Mootiin Saa'udii bara 1953 - 1964 biyyattii bulchan qaban keessaa kan xumuraati.