Rogeettiin mirga dubartootaa Sa’ud Arabiyaa beekamtuun hidhaarraa gadhiifamte

Lujehin al- Hatlool qabsooftuu mirga dubartootaa beekamtuu hidhamtee turte mana hidhaarraa gadhiifamuu maatiin ishee himan.

Dubartiin ganna 31 Hatlool, dubartoonni Sa’ud Arabiyaa keessatti konkolaataa konkolaachisuun akka danda’amu sochii gaggeessiteen adda durummaan beekamti.

Hatlool bara 2018 dubartoonni konkolaataa akka hin konkolaaachifne dhorkaan ture kaafamuu torban tokko dura qabamtee hidhamte.

Mudde baruma sana keessa manni murtii sirna siyaasaa jijjiruuf barbaaduu fi seera hawaasni ittin bulu balleessite jechuun balleessaa irratti mure.

Rogeettiin mirga dubartootaaf falmitu Hatlool hidhaa waggaa jahatti dhiyaatuun adabamtee, mana hidhaa eegumsa guddaa qabu keessa turte.

Haata’u malee, waggaa lamaa fi ji’a 10’f hidhamte.

Maatiin ishee mana hidhaati baatullee ''bilisa hin taatu, waggaa shaniif akka biyyaa hin baane dhorkamuu dabalatee, dhorkaawwan biroo irratti dabarfama,'' jedhan.

Roobii kaleessaa garuu ''Lujehin qe’eetti deebiteetti!’’ jechuun obboleettiin ishee Linaa jedhamtu toora tiwitira ofirratti barreessite.

Guyyoota 1,001 mana hidhaa turtee gadhiifamuu Roobii kan jalqaba himte obboleettii ishee turte.

Obboleettiin Lujehin biroon Aliha jedhamtu ''jireenya koo keessatti guyyaa hunda caalu'' jettee barreessite.

Saa’ud Arabiyaa keessatti Lujehin bara 2018 dubartoota rogeeyyii hedduu wajjin hidhamuu hordufuun, mallattoo garaagarummaa yaada ukkaamsu taate.

Maatiin ishee akka jedhanitti jalqaba yeroo hidhamtu ji’oota sadiif addatti fo’amtee hidhamuu himan.

Yeroo sanatti elektirikiin qabsiifamuu, miidhaa saalqunnamtii fi reebichaf saaxilamtee akka turte maatiin ishee himaniiru.

Sana booda yoo dararamuu ishee himaachuu dhiifte bilsa akka baatu itti himan jedhu maatiin ishee.

Mootummaan Sa’ud Arabiyaa garuu dararaan maatin ishee irra qaqqabu himatan kamiyyuu fudhatama dhabsiisuun, ol iyyannaa mana murtiitti dhiyaate kuffiseera.

Qondaaltonni biyyattii Hatlool rogeettii waan taateef otoo hin taane, dippilomaatota, miidiyaalee fi dhaabbilee biyyoota alaa wajjin hidhata qabaachuu isheef hidhamte jedhanii himatu.

Gorsaan dhimma nageeenyaa Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayideen kan ta’an Jaak Sulivaan, Hatlool hidhaarraa gadhiifamu akka ''waa gaarii tokkotti‘ ibsan.