Dorgommiin liigii kubbaa miilaa dubartootaa Saawudii Arabiyaa inni jalqabaa eegalame

Dorgommiin liigii kubbaa miilaa dubartootaa Saawudii Arabiyaa inni jalqabaa sababa weerara koronaavayirasiin dabarfamee ture eegalame.

Taphattoonni 600 ol ta’an gartuulee 24 Riyaad, Jeddaa fi Damaam keessa jiran waancaa shaampiyoonaaf dorgomaa jiru.

Taphni inni jalqabaa Kibxata adeemsifame TV’n darbuu dhabuus, miidiyaan Saawudii ispoortii keessatti hirmaannaa dubartootaa gara fulduraatti kan tarkaanfachisedha jechuun jajaniiru.

Bara 2018tti ture biyyatti keessatti dubartoonni tapha kubbaa miilaa istaadiyeemii seenanii akka dawwataniif kan eyyamame.

Waggoota hedduuf aanga’oonni sirna aadaa fi barsiisa amantaa eeruun, dubartootni akka ispoortii irratti hin hirmaanneef dhorkaa turani.

Hoggantoonni amantaa tokko tokko dubartoota ispoortii keessatti hirmaachisuun gara wanta safuu cabsutti geessa jechuun akeekkachisaniiru.

Guyyaa jalqabaa Liigii Kubbaa Miilaa Dubartoota Saawudii (WFL) irratti taphooti torba magaalaa gudditti Riyaad fi Jiddaa keessatti gaggeefamaniiru.

Bu’aa taphoota kana keessaa: gartuun Tigers 11-0’n Jiddaa Chaaleengi mo’ataniiru, Al Riyaad Yunaayitid ammoo 10-1’n Najid Al Riyaadin injifataniiru.

Gartuuleen kun sadarkaa biyyaalessatti waancaaf dorgomuun dura, magaalota isaanii keessatti wal dorgomu.

Badhaasni waligalaa injifataaf keennamu riyaalii Saawudii 500,000 ykn doolara 133,000 dha.

Federeshiniin Ispoortii Saawudii hundaa (SFA) mootummaan gaggeeffamu, karaa WFL’n ''dubartoota jajjabeessaa fi hawaasa keessatti hirmaannaa Ispoortii isaanii akka dabalu,” gochaa jira jedha.

Leenjisaan kubbaa miillaa Saawudii fi gazexessaan ispoortii Abdullaa Alyaamii, tapha Kibxataa dura “kun namoota ispoortii hundaaf dhiiras ta'e durba, guyyaa gammachuudha,'’ jechuun Arab News’tti himeera.

“Wantan arge fi kubbaan miillaa biyyatti guututti akkam akka jaallatamu irratti hundaa’uun, obbolaan keenya dubaraa hedduu ispoortii keessatti hirmaachuu ni jalqabu jedheen amana,” jedha.

Najla Ahmed ganna 16 mana baruumsaa ishee Riyaad jiru keessatti kubbaa miillaa kan taphattu yoo ta’u, bara 2021tti gartuu magaalaa ishee jiru seenu akka yaaltu himteetti.

“Yeroos ganna 17 waanan ta’uuf seenuu nan danda’a, naamni na dhorkuu yaalu yoo jiraate nan arga.”

Waldorgommiin ispoortii golfii dubartoota inni jalqabaas torban kana Saawudii Arabiyaa keessatti gaggeeffameera.

Ta’us garuu qeeqxonni mootummaa Saawudii qophilee ispoortii kana fayyadamuun, sarbama mirga namoomaa hedduu kanneen akka rogeessota dubartoota jijjirama gaafatan hidhuu, biyyatti keessa jiru dhoksuuf kan godhamanidha jechuun qeequ.

''Lammileen Saawudii qophiilee bashannanaa fi ispoortii adda addaan bashannanuu qabu, garuu mirga bu’uuraa akka walabummaa ofii ibsuufi walga’ii nagaas argachuu qabu,” jechuun daarektarri itti aanaa Human Rights Watch damee Baha Giddugaleessa Mikaa’eel Peej jalqaba torban kanaatti dubbataniiru.