'Sa'ud Arabiyaa bara darbee keessa namoota 184 du'aan adabdeetti'

Dhaabbanni mirgoota namoomaa falmu Amanastiin adabbiin du'aa sadarkaa addunyaatti hirrataa dhufulleen, Sa'ud Arabiyaan garuu bara darbee qofaatti olaanaa kan jedhame namoota 184 du'aan adabdee jirti jedheera.

Ajjeechaan addabbii kunis seenaa biyyattii keessatti isa olaanaadha jedhameera.

Biyya Iraaq keessatti lakkoofsi namoota du'aan adabamanii dachaan dabaluun bara 2019tti 100 kan gahee yoo ta'u, Iraan ammoo baruma darbe keessa namoota 251 du'aan adabuun Chaayinaatti aantee biyya adabbii ajjeechaa namootaatiin sadarkaa lammaffaarratti argamtu taatee jirti.

Gabaasni dhaabbata kanaa akka ibseetti, lakkoofsi namoota du'aan adabamanii sadarkaa addunyaatti walitti aansuun waggoota afuriif gara 657'tti gadi bu'eera. Kunis baayyina bara 2018 irraatii %5n gadi bu'eera jedhame.

Lakkoofsi kunis kan waggoota 10 darbanitiirraa gadaanaadha jedhameera.

Gareen mormaa mirgoota namoomaa kunis, adabbiin ajjeechaa Chaayinaatti raawwatamu kumaatamaan kan lakkaa'amuufi iccitii motummaan qabamu waan ta'eefu lakkoofsichi itti hindabalamne.

Kana malees biyyoota akka Iraan, Koriyaa Kaabaa fi Veetinaamitiifi biyyoota birraattis carraan ragaa argachu murtaa'aa waan ta'eef lakkoofsa namoota du'aan ajjeefaman dhugaan ni dhoksu jedheera.

''Adabbiin ajjeechaa sukkanneesaafi mirga kan sarbuudha. Yakka adabbii hidhaa akka murtaa'u taasisuu qabatamaan ragaa hinqaban. Biyyoonni baayyenis kana hubataniiru. Kanaafuu sadarkaa addunyaatti lakkoofsi gadi bu'unsaa jajjabeessaadha,'' jechuun ture dhaabbatichatti Daarektara qorannoo olaanaa kan ta'an Kileer Algaarii kan dubbatan.

Haa ta'u malee lakkoofsi namoota du'aan adabaman Saawudi Arabiyaa keessatti dabaluun kan ''nama yaachisuudha'' jedhaniiru.

Bara darbee keessa Saawudi Arabiyaan dhiiroota 178 fi dubartoota jaha du'aan adabte jirti. Kanneen keessaayis wallakkaan isaanii lammiilee biyya biraati. Bara 2018'tti lakkoofsi kun 149 ture.

Namoonni du'aan adaban kunneen irra caalaan isaanii kanneen dadabarsa qorichoota sammuu adochoo ta'aniifi yakka ajjeechaan kan walqabate himatamaniidha.

Haa ta'u malee Amanasitiin lakkoofsi ajjeechaa kun kan dabalees hawaasa mormitoota Islimoota Shiyaa irratti akka meeshaa siyaasaatti fayyadamaa jiraachu ragaan qaba jedheera.

Iraaqitiis du'aan adabuun kan bara 2018 ture 52 irraa bara 2019'tti 100 gahuunsaa naasiisaadha jedhu Daareektarri tun.

Lakkoofsi kan dabalees miseensoota garee Jahaadistoota Islaamtootaati jechuun namoota dhuunfaa irratti addabbiin du'aa waan murtaa'uuf jetti Kileer.

Asuma Afriikaa keessattis, Suudaan Kibbaa bara darbee keessa yoo xinnaatte namoota 11 du'aan adabdee jirti. Lakkoofsi kunis erga bbara 2011 irra kaafte biyyatti ofiinof bulchu eegalte kun olaanaadha jedhameera.

Yemanis bara darbe keessa yoo xinnaate namoota torba du'aan adabtee jirti. Kunis kan bara isa duraatiin wal bira yoo qabamu sadiin dabaleera.

Baangilaadishiifi Baahireen ammoo erga bara tokkoof dhaabbateen booda, addabbiin du'aa raawwatamu eegaleera.

Lakkoofsi addabbii du'aa kunis sadarkaa addunyaatti akka gadi bu'uuf sababiiwwan adda addaa jiraachu dhaabbanni kun ni hima.

Inni duraa biyyoota akka Masirii, Jaappaan fi Singaapoor kan duraan addabbiin du'aa keessatti raawwatamaa ture keessatti amma haalan hirrateera.

Iraanittis taanaan erga bara 2017'tti seera fayya qorichoota sammuu adochhoo ragaasifteen booda lakkoofsi namoota du'aan adabamanii waltti aansee waggoota lamaaf haalaan hirrateera.

Afigaanistaanitti ammoo bara 2010 irraa kaasee addabbii du'aa raawwatame hinbeeku. Taayiwaaniifi Taayilaandiittis hirrina kan agarsiise yoo ta'u bara 2018tti garuu raawwatameera.

Amanastiin akka jedhuutti, sadarkaa addunyaatti biyyoonni 106 yakkawwan sadarkaa hundaatiif addabbii du'aa seera isaanii keessaa kan haqan yoo ta'u, biyyoonni 142 ammoo seeraafi gochaanis adabbii du'aa dhaabaniiru.