Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fiilmiin Neetfiliksi Afaan Arabaatiin si’a jalqabaaf dhiyaate 'duudhaa cabse' jedhamuun falmii kaase
Fiilmiin afaan Arabaatiin yeroo jalqabaatiif Neetfilksi gubbaatti agarsiifame Masriitti duudhaa hawaasaa kan sarbuufi naamusa darbe jedhamee himatame falmii kaase.
Fiilmiin kun haasaa fedhii saalqunnamtii saalaa dammaqsuufi gaa’ilaan alaa bahuun sagaagaluu jajjabeessu, akkasumas taatoota dhugaatii alkooli dhugan mul’isu fa’aa of keessaa qaba jedhame.
Filmiin Liibanootti jalqabe kun fiilmii Xaaliyaani bara 2016 fudhatama argate ‘Perfect Strangers’ jedhutu irra deebiin hojjatame.
Taatoonni Masrii fi qeeqxonni fiilmiiwwanii garuu deeggarsa fiilmii kanaaf qaban agarsiisaniiru.
Seenessi fiilmii Neetifiliksiin dhiyaate ‘Perfect Strangers’ jedhu kanaa mataa dureen isaa Afaan Arabaatti wayita hiikame ‘jaalleewwan’ykn ‘michuuwwan’ kan jedhu yoo ta’u, hiriyoota torba sagantaa irbaataarratti walitti qabaman irratti xiyyeeffata.
Hiriyoonni kunneen hundisaanii bilbila isaanii minjaala gubbaa kaa’un, namni kamiyyuu dhaamsa haaraa ergamuufi bilbila bilbilamuuf akka ilaalan tapha eeyyamu taphataa turan.
Tapha sana hordofuun haasaa haasa’aa turaniifi waanta raawwatan amanuu mufannaa uumame kanaaf ka’umsa ta’eera.
Miseensi Paarlmaa fi gaazixeessaa beekaman Masrii Musxafaa Bakirii dhimma namoota fiilmii hojjatanii komii afyaa’ii paarlaamaa Masriittii dhiyeessaniiru.
Aab Bakiriin qondaaltoonni Masrii Neetfiliksi waliin hojjachuu akka dhaaban waamicha dhiyeessuun madditti‘’duudhaa hawaasa Arabootaafi Masrii irratti qiyyaafachuun Netfiliiksi kuni fiilmii si’a duraaf bahe mitii,’’ jedhan.
Ogeessi seeraa Masrii Aymaan Maafuz akka jedhetti warreen fiilmii hojjatan ‘’saala walfakkaataa gidduutti saalqunnamtii raawwatamu jajjabeesitu’’ jechuun himannaa irratti banuusaanii marsariitiin AL-Watan jedhamu gabaasera.
Himannaan kun tarii taatoon saala walfakkaata qaban filmicha keessatti hammatamuun walqaba.
Aab Mafuz akeekkachisa seeraa qabeessa filmichii Masriitti akka hin agarsiifamne dhorku Ministeera Aadaa biyyattii barressuu isaanii marsariitiin’ Cairo 24’ jedhu ibseera.
Waamicha akka fiilmichi Masriitti hin agarsiifamne dhiyaate hordofuun Abbaan Taayitaa Gulaalli Masrii, fiilmicha kan hojjate warra Libaanoon waan ta’aniif akka hin uggurre himuusaa marsariitiin ‘Darb’ jedhamu gabaasera.
‘Mirga fiilmii daawwachuu’
Taatoonni beebbekamoo fi qeeqxonni fiilmii filmichaa deeggarsa qaban mul’isuun, himannaa namoota fiilmicha hojjataniirratti dhiyaatu fudhatama dhabsiisan.
Hojiiwwan aartii kan qeeqxu Magdaa Mooris fiilmiin ‘Dearest Friends’ jedhu’’saalqunnamtii saala walfakkaata gidduutti hin jajjabeessu’’akkasumallee duudhaa maatiis hin cabsu jette.
‘’Fiilmiicha Masriitti ugguruu hin dandeenyu, warri jibban ilaaluu dhiisuuf mirga qabu,’’ jedhan.
Marsariitiin Al-Masri jedhamu akka gabaasetti taatoon fiilmii duraanii Elhaam Shahiin paarlaamaa dhimmicharratti hirmaachisu mormite.
‘’Paarlaamaa Netfilksiin waan godhu hin qabu, miseensonnii paarlaamaa eegduu hawaasaa miti,’’ jette.
Itti dabaluun’’fiilmiiwwan kana caalanitu Neetifilksiirrallee jira’’jette.
Taatoota fiilmii bebbekamoo dubartootaa keessaa tokko kan taate Monikaa Zaaki, ta’ii wayita isheen uffata jalatti uffatamu[paantii] geddarattu agarsiisurra kaa’uun karaa toora intarneetii duulli gaggeeffamu isheerratti qiyyaafateera.
Afaan Arabaatiin maqaa taatoota barreessuun duula karaa toora intarneetii gaggeeffamuu kana jalatti qeeqni 17,000 ol ta’u kan kenname yoo ta’u, Masriitti dhimma namootni hedduun irratti haasa’an ta’eera.
Namoonni hedduun Monikaa Zaaki ‘’duudhaa hawaasa cabsuufi naamusa dhabde’’ jedhanii himatan.