Ogeessi fiilmii yakka haleellaa saalaan waggaa 23 adabame himannaa wal-fakkaataa biraan balleessaa miti jedhame

Piroodiwusariin fiilmii Hooliiwuud Haarvii Wiinstan yakka gudeeddii fi haleellaa saalaa himatameen dhaddacha Loos Anjelasitti balleessaa miti jedhame.

Namni kuni himannaa wal-fakkaataa biraan adabamee hidhaan waggaa 23 kan irratti murtaa’e yoo tahu, mana hidhaa Niiw Yoork jiru irraati wiilcheeriidhaan dhaddachatti kan dhiyaate.

Wiinstan nama ganna 67 yoo tahu Kaalifoorniyaatti haleellaa saalaa 11 dubartoota shan tahan irratti raawwachuun himatame.

Inni garuu qulqulluu tahuu isaa himachaa gochaan saal-quunnamtii raawwate marti eeyyamaan ture jedheera.

Yakka ittiin amma himatamaa jiru hoteelota naannoo Beverly Hills fi Los Angeles bara 2004-2013’tti raawwate jedhame.

Himannaawwan kunneen gudeeddii fi qaama saalaa eeyyama malee tuquu fa’i dabalatu.

Wiinstan himannaa kanaanis otoo balleessaa jedhamee, silaa hidhaan hanga waggaa 140 irratti murtaa’a ture.

Uffata danbii mana hidhaa halluu booraa fi maaskii keewwate dhaddachatti kan dhiyaate Wiinstan, haadha seeraa Sargiyoo Taappiyaa ‘galatoomi’ jechuun al-tokko qofa dubbate, isheenis carraa gaarii hawwiteettiifi.

Abukaatoowwan isaa himannaawwan irratti ka’an amanamoo hin turre jedhan.

‘’Bu’uura kan hin qabne, kan yeroo dheeraa dura tahaniifi mirkana kan hin qabne dha,’’ jedhe abukaatoo Mark Werksman dhaddachaan booda.

Wiinstan adabbii bara darbe Niiw Yoorkitti irratti murtaa’eef ol-iyyachaa jira.

Dubartootni 80 tahan haleellaa saalaan kan isa himatan yoo tahu, himannaawwan garii kan waggoota baayyeen dura raawwatanidha.

Himannaa bara 2017 tti gabaafame kuni sosochii #MeToo ykn ‘anis‘ jedhu akka jalqabu dhimmoota godhan keessaati. Yeroos namoonni baayyee seenaa haleellaa saalaa irra gahe miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa turani.

Haa tahu malee himannaawwan yeroos dhiyaatan keessaa baayyee muraasatu murtoo seeraa argate.

Abukaatoon nama kanaa Wiinstan qorannoon fayyaa taasifameefi ‘iji isaa tokko jaamuuf deema’ jechuun rippoortarootatti himeera.

Ogeessi fiilmii kuni filmiiwwan beekamtii argatan, kanneen akka ‘Shakespeare in Love’ qopheessuun badhaasa Oscar bara 1999 mo’ateera.