Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qabeenyi piroduusara beekamaa Holiiwuud dubartoota miidhaa saalaan isa himataniif akka hiramu murtaa'e
Qabeenyi piroduusara beekamaa Holii Wuud, Harveey Waayinistiin, dubartoota miidhaa saalaa irratti raawwateef akka hiramu murtaa'e.
Industirii fillmii addunyaa guddicha Holii Wuud keessatti namni gurra guddaa qabu kun miidhaa saalaa dubartoota hedduu irratti raawwachuun himatamee mana hidhaa tureera.
Amma garuu kampaniin Harveey Waayinistiin dubartoota miidhaa saalaa irraan gaheef maallaqa akka kaffalan murtaa'eera.
Kampaaniin kun akka kasaare labsuun kufaa kan dhufe yoo ta'u WaayinistiinKoo maqaa jedhamuun beekama.
Kampaaniin kun kasaaraa labsatee yeroo cufatutti maallaqni hafe dubartoota miidhaan irra gaheef akka hiramudha kan murtaa'e.
Ameerikaatti abbaan seeraa dhimma kana ilaalaa ture erga Kampaniin isaa kun cufatee maallaqani Dolaara miliyoona 17 hafe dubartoota inni miidhaa saalaa irra geessiseef akka qoqqoodamu hayyameera.
Nama umuriin isaa ganna 68 ta'e Waayinistiin waggaa darbe ture kan himatamee hidhaan waggaa 23 kan itti murtaa'e.
Dolaarri miliyoona 17 dubartoota Waayinistiin miidhaa saalaa irraan gaheef akka kaffalamu kan murtaa'e kampaniin isaa kasaaruu dhaga'amuu hordofeeti. Kampaaniin kun akka kasaaraa jiru kan labse bara 2018 keessa ture.
Kampaaniin 'Waayinistiin Koo' istuudiyoo fiilmii mataa isaa danda'ee hundeeffamedha.
Kampaaniin gurra guddaa qabu kun kan kasaaruu jalqabe bara 2017 keessa yeroo maqaan Harvey Waayinistiin xuraa'ee eegaleerraati.
Harveey Waayinistiin yeroo sana gargaartuu isaa duraaniifi taatoo fiilmii biroo tokko gudeeduudhaan himanni irratti dhiyaatee ture.
Erga kampaanichi kasaaree cufamee booda maallaqa Dolaara miliyoona 17 hafe dubartoota isa himatan 50 ta'anitu garaa gara qooddata.
Murteen kun kan taasifame warri himatan erga sagalee akka irratti kennan taasifamanii booda yommuu ta'u, warra himatan keessaa 39 maallaqicha hirachuudhaaf hayyamanii sagalee kennaniiru. Saddet garuu mormaniiru.
Kampaniin fiilmii guddaa kan ture qabeenyi Waayinistiin kun Laantern Interteeyinmentitti gurgurame. Laantern Interteeyinmentitti ammoo boodarra Ispaayigilaas Miidiyaa Giruup kan ta'edha.
Kampaaniin Waayinitiin osoo hin kasaariin dura qabeenya isaa kampaanii kanaaf kan dabarse Dolaara miliyoona 289tiin ture.