Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yuunivarsitii Kalifoorniyaa: Dolaara biliyoona tokko miidhaa saalaa hakiimni gadameessaa dubartootarraan gaheef
Yuunivarsiitiin Kibba Kaalifoorniyaa (USC) dhukkubsattoota miidhaa saalaa hakiima gadameessaa yuunivarsiitichaa isaan yaaalaa ture irratti dhiyeessaniif doolaara biliyoona tokko kaffaluuf waliigale.
Seenaa dhaabbilee barnootaa keessatti kaffaltiin miidhaa saalaa waliin wal qabatuuf kun isa ol aanaadha.
Joorji Tiindaal bara 2019 to'atamuun miidhaa saalaa dubartoota 16 irraan gaheera jedhamee himatame. Inni garuu yakka kana haaleera.
Dubartootni 350 tahan miidhaa saalaa hakiima gadameessaa kanaan isaanirra gahu ilaalchisee muuxannoo isaanii dubbatan.
Abbootiin seeraa garee dubartoota 710 tahanii yuunivarsiiticha himatan abbaa seeraa Loos Anjeles jirutti akka himanitti dhimmicha furuuf kaffaltii doolaara miliyoona 852 waliigalaniiru.
Yuunivarsiitiin USC bara 2018 keessa doolaara miliyoona 215 miidhaa daree barnootaatti dhaqqabaniif kaffaluuf waliigalee ture.
"Miidhaa hawwaasa yuunivarsitichaa irra gahaa tureef baay'een gadda'' jedhan pirezidaantiin yuunivarsiitichaa Karool Foolt.
''Namoota fuulduratti bahuun dubbattan nan galateeffadha. Waliigalteen kun dubartootaaf boqonnaa kenna jedheen abdadha.''
Kaffaltiin kun seenaa keessatti isa guddaadha. Yuunivarsiitiin mootummaa Michigaan kana dura miidhaa Laarii Naaser bakka jiminaastikiitti dhaqqabsiisee himatameef doolaara miliyoona 500 kaffaleera.
Seenduubeen isaa maali?
Dubbiin kun yeroo barruun Loos Anjeles Taayimsi hojjettota duraanii fi ammaa irraa iyyaafachun miidhaa hakiimni gadameessaa Dr Tiindaal dhaqqabsiisaa ture yeroo maxxansu eegale.
Dubartootni dhibbaan lakkaa'aman fuulduratti bahuun miidhaa saalaa Dr Tiindaal isaan irratti raawwate himatan.
Akka poolisiin jedhetti waan isaan jedhan gariin ulaagaa himachiisu hin guutne.
Dubartootni akka jedhanitti yeroo qorannoo fayyaa gaggeessaafii ture hakiimichi jechoota gadhee dubbataa, suuraa kaasaa fi qoccolaa akka ture.
Himanni kun akka pirezidaantiin yuunivarsiitichaa akkaataa isaan himaticha ilaalan irraa kan ka'e aangoo isaanii irraa bu'an taasiseera.
Dr Tiindaal waggoota 30'f yuunivarsiiticha keessa hakiima gadameessaa tahuun tajaajilaniiru. Dhukkabsattotaaf yaada badaa kennaniin bara 2017 hojicha gadhiisanii bahaniiru.
Himanni isaanirratti dhiyaate kun amala hakiimotaa ogeessa gadameessaa yeroo qorannoo gaggeessan ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu taasiseera.