Mishinariin Ameerikaa yakka miidhaa saalaa Keeniyaatti raawwateen adabame

Mishinariin Ameerikaa Keeniyaatti dhaabbata ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne gargaaruuf hundeesse keessatti miidhaa saalaa qaqqabsiisuun hidhaa waggaa 15n adabameera.

Mishinariin Kiriistaanaa Giriigoorii Daaw dhaabbata ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne gargaaru bara 2008 haadha warraasaa waliin hundeesse.

''Giriigooriin yeeyyii gogaa hoolaa uffate dha,'' jedhe FBI'f kan hojjetu Mikaa'el Diriiskool.

Giriigooriin bara darbe ture ijoollee umriinsaanii waggaa 18 gadii irratti haleellaa saalaa geessisuun balleessaa dha kan jedhame.

Dhaabbanni ijoollee kana gargaaru Waldaa Kiristaanaa Peensilvaaniyaa argamtu irraati maallaqa argata ture.

Waggooti kudhaniifis kana hojjechaa tureera.Odeeffannoo FBI funaaneen Giriigooriin bara 2019tti himanni irratti baname.

Dubartii Keeniyaa armaan dura Ameerikaa jiraataa turtetu gara naannoo dhaabbatichi jiru haadhashee gargaaruu deebitee dubbii kana hubachuun odeeffannoo kenne.

Dubartiin Maargaareet Ruutoo jedhamtu ganda maatii dheekkamsa keessa jirutti deebite.

Ijoollee ganna 12 fi 14tu dhaabbata ijoollee gargaarurraa baqatanii bahanii waan irra gahaa ture himate.

Dubartiin kuni waan ijoolleen jedhan hundumaa galmeessuutti kaate.

Akka Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa FBI jedhutti odeeffannoo Aadde Maargaareet kennite irratti hundaa'uun bara 2013-2017tti ijoolleen dubaraa afur miidhaan irra gaheera.

''Kanneen keessaa lamman isaanii yeroo haleellaan irra gahu waggaa 11 turan ''Haati warraa mishinarichaa ijoollee kana kiliinika dhaqachuun qoricha ulfa ittisu akka fudhatan yoo taasiftu, namichis haleellaa kana akka garaa raawwachaa ture,'' jedha ibsi abbaan alangaa US baase.

Namni kuni dhaabbata ijoollee gargaaru otoo hin hundeessiin dura haleellaa saalaa raawwachuun beekama ture.

Bara 1996tti haleellaa saalaa dhaqqabsiisuuf yaaluun balleessaa dha jedhamee waggaa lamaaf irratti ilaalamee maqaansaa akka galmaa'u taasifamee ture.