Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hacuuccaa Dubartootaa: Miidhaa saal-qunnamtii, doorsisa ajjeechaa karaa interneetaa dubartootatti hammaate
Meeytireey Raamkirishnaan fiilmii ‘Never half I Ever’ jedhurratti taatoo ijoo tahuun hirmaateetti.
Shamarreen ganna 18 kun taatummaa kana dorgomtoota kuma shan keessaati argatte.
Toora marsariitii fiilmii Neetfiliiks jedhamurratti daawwattota guddaa warreen argatan keessaatis.
Godaantoota Hindii Ameerikaatti shamarree dhalatte yoo taatu qooddattuu godaantummaa,aadaa Ameerikaa baruuf yaaltu bakka bu’uun hojjetti.
Dandeettii fiilmii kanaratti agarsiifteen dinqisiifannaa argachuu dandeessee jirti.
Beekamtiin argattee kun akkasuma jaalatamummaas kan kennuufi itti fakkaatee ture.
‘’Hojiifi af-gaaffiidhaaf of nan qopheessa. Jibba gama intarneetaan natti dhufaa jiruuf garuu yoomiyyuu qophii tahuu hin danda’u.
Kan isheen jibba jettu kun qocollaa karaa miidiyaa hawaasaa isheerra gaheedhaani.
‘’Qoccollaan akkanaa akka mudatu yaaduun narra ture, sababiinsaa immoo addunyaan keenyi akkas gatii taateefi,’’ jechuunis hubachiifti.
Aklaamis ‘’ergaawwan suukaneessoofi gadhee tahan na qaqqabu. Doorsisni ajjeechaa illee na qaqqaba. Waan akkasii kun yeroo gahu bifa biraa qabaata.’’
Taatoon lammii Kaanaadaa kun arrabaafi doorsisni ajjeechaa gama intarneetiin ishee qaqqabu waan ishee hin galleef yeroo muraasaaf fayyadamuu dhaabde.
‘’Yeroo murtaa’eef miidiyaalee hawaasaa koo ana ture kan to’atu. Amma garuu hunda dhiiseen boqonnaa fudhachaan jira.’’ Jetti.
‘Shamarreeniifi dubartoonni kaanis gama intarneetaan haleellaan irra gaha’
Meeytireey taatoo beekamtuu ijaa taateefi qoccollaan akkasii irra gaha jettanii yaaduu dandeessu, garuu kun dogoggora dha.
Ijoolleen duabaraa kuma 14 umuriin isaanii 15 hanga 22 tahan qoccollaan wal-fakkaataa akka irra gahu qorannoon dhiyeenya taasifame agarsiisa.
Ijoolleen dubaraa kunneen biyyoota digdamii afur keessatti kan argamanii dha.
Kanaafi taatoon kun dhaabbata dhimma sirna koorniyaa, wal-qixxummaafi qoccollaa hambisuuf hojjetu Pilaan Intarnaashinaal keessatti ambaassaadara dha.
Dubartoota gaaaffiifi deebiin taasifameefi keessaa harki 58 gama intarneettiin qoccollaan irra gaha.
Kudhan keessaa saddeet immoo arrabsoon suukaneessaafi haleellaan saalaa irra gahuu danda’a.
‘’Kuni yoomiyyuu dhimma calluma jedhamee ilaalamuu miti. Intarneetii irraa waan baayyee barachuu ni dandeenya. Haa tahu malee dubartoonni qoccollaan irra gahuun nama gaddisiisa,’’ jetti Meeytireey.
Haleellaan gama intarneetiin qaqqabau dubartoonni miidiyaa hawaasaa irraa akka bahan gochaa jira.
Akka qorannoo Pilaan Intarnaashinaalitti dubartoota shan keessaa tokko qoccollaa gama intarneetaan irra gahuun miidiyaa hawaasaa ishee cufti.
Halleellaawwan kunneen yeroo baayye gama Feesbuukii fi ni kan qaqqaban.
Dubartoonni yeroo weerara kanaa namni miidiyaa hawaasaa bal’inaan haa fayyadamuyyuu malee, dubartoonni keessaa bahaa jiru kunimmoo nama gaddisiisa jedha dhaabbatichi.
‘’Haleellaawwan kunneen qaamaan kan godhaman tahuu dhiisuu malu, doorsisaafi arrabsoon garuu bilisummaan akka isaan of hin ibsine godhaani,’’ jedheera.
Falmattuun mirga namoomaa haleellaa saal-quunnamtii fi sanyummaa irra gahu
Shamarreen ganna 19 Naaduuskaa falmattuu mirga dubartootaa yoo taatu biyyashee Nikaaraaguwaa keessatti gama muraasaan haleellaan irra gaha. Kan baayyee ishee naasise garuu yeroo Ispeen deemte dha. Dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti duula taasifamerratti hirmaachuuf ture garas kan deemte. Doorsisa kanas karaa miidiyaa hawaasummaa akka keessumsiiste dubbatti.
Naaduukaas ergaawwan jibbaa irra gahan keessaa, si aariina, si reeban kan jedhufaa akka jiru dubbatti.
Haleellaan gama miidiyaa irraan gahu miidhaa irra geessiseenis sammuu dhukkubsattee hakiima xiinsammuu bira marmaaraa turte.
Qorannichi haleellaan kun namoota jaalattoota saala wal-fakkaataa tahan irra caalaatti ni gaha jedha.
Haleellaan intarneetii bal’ainnaan kan jiru biyyoota Awurooppaa keessa yoo tahu, ijoolleen dubaraa harka 63 tahan qoccollaa gama intarneetaan irra gahuu gabaasaniiru.
Lakkoofsi inni xiqqoon immoo kan argamu Kaaba Ameerikaatti dha, ‘’haleellaa qaamaan gahuurra kan gama intarneetaan qaqqabu guddda jedhu’’ hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa An Biriijeet.
Falmittoonni mirga dubartootaa haleellaawwan akkanaa kun dubartoota ciruumaa miidiyaa hawaasaa irra akka hin baasne soda qabu.
‘Dhiiroti suuraa qaama saalaa isaanii irra deddeebiin erguun nama rifaasisa’
Dubartoota miidiyaa hawaasaaf haaraa tahan irratti qoccollaawwan gahan abdii nama kutachiisu jetti shamarreen lammii Yugaandaa Kaatiin.
Shamarreen ganna digdamaa kun waaggaa sadii dura yeroo jalqabaaf miidiyaa hawaasaa yoo bantu kanatu itti dhagahame.
Namtichi gama Feesbuukiin isa barte qullaasaafi qaama saalaa isa suuraa kaasee itti erga.
‘’Jalqaba ‘Hi’ naan jennaan ‘Hi’ jedheenii ganama gaafan ka’uu garuu suuraa qaamasaa guutummaan qullaa taheefi qaama saalaa natti ergaa buleera.
Kaatii qofa osoo hin taane dubartoonni baayyeen haleellaan akkanaa irra gaha.Warreen qorannichaaf gaafataman keessaa harki 40 waan akkanaa guyyuu akka isaan mudatu dubbatu.
Haleellaa gama kanaan qaqqabu ittisuuf waamichi garaagaraa gama dhaabotaan jalqabameera.
Dhaabbatni Feesbuukiin Instaagiraamii fi Waatisappii kan dhuunfatu yoo tahu, gabaasawwan qoccollaan nurra gaha jedhan of eeggannootiin kan hordofu yoo tahu doorsisa gudeeddii immoo battalumaan akka haqu himeera.
Feesbuukiitti nageenya dubartootaa kan hordofan Sindii Saawuzwarz dhaabota tikaa 200 ol waliin hojjechuun haleellaa gama feesbuukiin qaqqabu hambisuuf akka hojjetan dubbatu.
Tiwiitariinis akksuma teekinolojii haleellaawwan gama intarneetiin qaqqabu to’achuu danda’u fayyadamaa akka jiru ibseera.
Tiktook yeroo gabaasni kun qophaa’e deebii akka kennuuf gaafatamus homaa hin jenne.
Dhimma korniyaa fi mirgoota dijitaalaa irratti kan hojjetan Chenooyi Cheeyir namoota gama kanaan haleellaan irra gahe gargaaraa akka jiran himuun miidiyaaleen hawaasumma dhimma akkanaarratti tarkaanfii jabaataa tahe akka fudhatan taasisa.
Taatoon Meeytireey immoo gama isheen karaa ittii gabaasan jabeessuun dabalata miidiyaan hawaasaa jalqabumaa haleellaan akka raawwatu eeyyamuu hin qabu jetti.