Fiilmiin Piroofesar Hayilee Gariimaa 'Saankofaa' Netflix irratti dhiyaachuuf

Ogeessa fiilmii lammii Itoophiyaa tahan Piroofesar Hayilee Garimaan kan midhaaffame fiilmiin 'Saankofaa' jedhu gama Netfiliiksiin dhiyaachuuf.

Bara 1993 kan uummataaf dhiyaate fiilmiin kun, kaampaanii Array jedhamuun Fulbaana 24, 2021 irraa eegalee gama tajaajila Netflix'n akka as bahu ibsameera.

Fiilmiiwwan ogeeyyii siinimaa gurraacha tahaniin hojjetaman kan raabsuun beekamu dhaabbanni Array, fiilmii ogeessa kanaa kan tahe Saankofaa daawwattootaaf dhiyeessuuf filatamuukoon nan boona jedheera.

Fiilmiin kun bu'aa bahii dubartii biyyattii Lixa Afrikaa Gaanaarraa kaatee, qonna Ameerikaa Kaabaa keessa garba taate seeneessa.

Fiilmiin Sankoofaa Netflix gubbaa kan dhiyaatu qulqullina fakkii isa olaanaa 4k jedhamutti ol guddachuun akka tahes himameera.

Tajaajilli fiilmota intarneetarraa Netflix fiilmii kana daawwattoota isaa Ameerikaa, Kaanaadaa, UK, Awustiraaliyaafi Niw Ziilaand jiraniif jalqabarra akka dhiyeessu himameera.

Erga daawwiif dhiyaate booda badhaasa garagaraa kan argate fiilmiin Saankoofaa, raabsaa dhabuun piroofesarichi ofiimasaanii biyyoota 35 irra naanna'uun agarsisaa turan.

Fiilmiin 1982tti Hayilee Gariimaan qajeelchamee qophaa'e 'Ashes and Embers' jedhamu, amma dura Netflix gubbaa daawwattootaaf dhiyaateera.

Hayilee Gariimaa eenyu?

Namni umuriin isaa ganna 75 Hayilee Gariimaa dhalatanii kan guddatan naannoo Amaaraa, magaalaa Gondar tahuu dubbatu.

Abbaan Piroofesar Hayilee barsiistuu sadarkaa tokkoffaa, akkasumas abbaan isaanii Gariimaa Tafiikaa ammoo qopheessaa tiyaatiraa akka turan, af-gaaffii yeroo garagaraatti kennaniin himaniiru.

Isaanis faan abbeesaanii dha'uun, tiyaatira abbaa isaanii ni shaakalu turan.

Achiin boodas wayita sana Yunivarsitii Qadaamawii Hayila Sillaasee jedhamutti, wiirtuu kalaqaa keessa yeroo muraasaaf erga turanii booda, barnoota diraamaaf 1968tti gara Ameerikaa qajeelan.

Ameerikaa Yunivarsiiti Kaaliforniyaa Los Anjeles irraa ogummaa fiilmiin digirii lammaffaa kan argatan Hayileen, Yunivarsiitii Howaarditti ogummaa kana barkurnee afurii ol barsiisaniiru.

Hojiilee gameessi kun hojjetan keessaa: Hour Glass, Child of Renaissance, Harvest 3000, Adwa, Bush Mama, Sankofa fi Xeezaa keessatti argamu.