Naayijeeriyaatti ogeessi fiilmii bakka safuu qabutti viidiyoo saal-qunnamtii waraabe hidhame

Ogeessi fiilmii, fiilmii pornoogiraafii bosona kabajamaa Osuun Osogboo lixa Naayijeeriyaatti waraabaa ture hidhame.

Bosonni kabajamaa Osuun jedhamu galma ayyaana dubartootaa saba Yoruubaa, Mootummoota Gamtoomaniin galmaa’e dha.

Poolisiin namtichi Tobilobaa Jolaashoo ykn Kiing Tablaak jedhamuun beekamu, ‘otoo inni fiilmii saal-quunnamtii waraabuu qabame,’’ jedhe.

Haatahu malee, ogeessichis tahe abukaatoonsaa kana hin mirkaneessine.

Osuun Osogboon magaalaa Osuun irraa fageenya xiqqoo iirratti argamti.

Jolaashoon ogeessa fiilmii saal-qunnamtii yoo tahu, hordoftoota hedduus qaba. Viidiyoo waraabame keessatti ogeessi kun uffata warri ayyaanni Osuun irra bu’e uffatan keewwateetu mul’ate.

‘Seera cabe’

Namni kun akkamitti viidiyoo sana waraabaa akka tureefi akkatti achitti argame hin ibsamne.

Dubbii himaan poolisii naannichaa Opaaloolaa Yeemiisii ogeessi kun dhimmisaa qoratamee, ''nagaa uummataa booressuun mana murtiitti,'' dhiyaata jedhan.

Ayyaana dubartii kana kan hordoftu Yeemii Elbuuboon, bosona kabajamaa hordoftoonni dhufanii kadhannaa itti adeemsisan ‘salphise’ jette.

''Namichi maal akka adabamu hordoftoota amantii kanaatu murteessa, erga poolisiin qoratee booda,'' jetti Yeemiin.

Bosonni kun bara 2013tti ture UNESCO dhaan kan galmaa’e, galma ayyaana dubartootaa Osuunis dha.

Ayyaanni dubartii Osuun haadha warrooti Saangoo keessaa ishee tokko yoo taatu, Saangoon ayyaantuu aangoo guddaa qabdu turte.