Lola Tigraay: Itoophiyaatti ogeessi fiilmii Badhaasa Gumaa mo'ate maaliif 'hin gammadu' jedhe?

Itoophiyaatti ogeessi fiilmii badhaasa 'Gumma Awards' mo'ate ''haatikoo otoo dhiiga boossuu... ani gammaduu hin danda'u'' jechuun wayita badhaasa fudhachuuf waltajjiitti bahe, waa'ee lola Tigraayitti adeemaa jiru dubbate.

Ogeessi fiilmii Isaayyaas Taaddasaa jedhamu kun gosa ramaddii fiilmii gabaabaa jalatti fiilmiisaa 'Qabd' jedhuun injifate.

Gara waltajjiitti bahuun badhaasa erga fudhateen booda Afaan Tigreen haasaa taasiseen waa'ee sarbama mirgoota namoomaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame jedhuu dubbate.

Badhaasni Gumaa waggaa waggaan gaggeeffamu marroon 7ffaan weerara koronaavaayirasiin ganna tokkoof adda cituun, guyyaa Sambataa, Finfinnee hoteela Iskaay Laayititti gaggeeffameera.

Dubbii dargaggeessa kanaan alattis gama faashinii mul'isuunis waltajjiin badhaasa baranaa ijoo dubbii miidiyaalee hawaasaa taheera.

Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiru daran yaaddessaa ta'uu dhaabbileen mirgoota namoomaa wawwaachaa jiru.

Lola Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi loltoota TPLF jidduutti eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle tilmaama.

MM Abiy Ahimad naannoo Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen agarsiisan jiraachuu dubbataniiru.

Loltoonni sarbama mirgoota namoomaa raawwatan seeraan akka itti gaafatamanis himaniiru.

Isaayyaas maal jedhe?

Fiilmii Gabaabaa Filatamaa ramaddii jedhuun fiilmiisaa 'Qabd' jedhuun kan dorgome dargaggoo Isaayyaas Taaddasa, gosa kanaan injifateera.

Waamamee gara waltajjii bahuun badhaasasaa erga fudhatee booda, akkuma barame haasaa gabaabaa taasisuuf gara maayikiitti siqe.

''Galatoomaa!'' jechuun Afaan Tigreen eegalee achumaan itti fufe. Wanti dubbate amma duratti waltajjii badhaasaa Itoophiyaa keessatti kan barame hin turre.

''Haatikoo dhiiga boo'aa osoo jirtuu, obboleessi koo ammoo rashanamee haallayyaatti osoo darbatamuu, obboleettiin koo kabajaashee eegde baalagootaan gudeedamaa osoo jirtuu, badhaasa kanatti gammaduu hin danda'u,'' jedhe.

''Waltajjii badhaasaa guddicha kanarratti, hojii guddaa hojjetteetta jedhamee wayitan badhaafamu, gammachuufi kabajaa guddaan natti dhagahamuun irra ture.

[Gammachuutti] imimmaan harmee koo gaafa haaxaa'amuufi biyyikoos kabajaashee isa duriitti wayita deebitu nan qaqqaba,'' jechuun miira keessa galee dubbiisaa obbaaase.

Taateewwan biyya keessa adeemaa jiranii fi ejjennoo siyaasaas tahe ilaalchaa qaban, waltajjiiwwan badhaasaa kanneen akka Oscar, Grammy fi kaan irratti ibsuun baramaadha.

Warreen mo'atan qofa osoo hin taane kanneen saganticha gaggeessanii fi keessummoonni affeeraman kaanis, dhimmoota jajjaboorratti qeeqaa fi ilaalchasaanii dhiyeessu.

Gama kaaniin, erga dhiyoon asittis Gumaa dabalatee waltajjiiwwan badhaasaa akkasii, bakka namuu faashinii uffataa kan aadaas tahe ammayyaan faayame itti of argisiisu taheera - keessattuu gama dubartootaan.

Baranas badhaasa kana eenyufaatu injifate kan jedhuun alatti, tarii olittis tahuu mala, uffannaan artistootaa ijoo dubbii ture.

Kaan uffannaa artistootaa fi keessummootaa wayita jaju, kaan ammoo guddoo qeeqaa turan.

Badhaasni 'Gumma Awards' maali?

Dhaabbata dhuunfaa Ethiofilm PLC jedhamuun kan dhiyaatu badhaasni 'Gumma Film Award', ''fiilmiiwwanii fi artistoota gahumsa gaarii agarsiisaniif kabajaafi beekamtii kennuu'' akka tahe ibsa.

Badhaasa marroo 7ffaa kanarrattis fiilmiwwan 45 kan galmaa'an yogguu tahu, kanneen keessaa 15 kan tahan gosoota badhaasaa 16n kaadhimamanii turan - kunis kanneen gosoota fiilmii gabaabaa fi kaan hin dabalatu.

Daayireektara, siniimaatogiraafii, taatoo fi kaaniin waliigalatti gosa badhaasaa 18n dorgommiin taasifameera.

Kana malees badhaasa kanarratti badhaafamaa kabajaa (jireenyaa) jechuun nama angafaa tokko kan badhaasu oggaa tahu, baranas artistii beekamaa Taasfaayee Abbaba (Faazar) jedhamaniif kennameera.

Maqaan badhaasa kanaa - Gumaa jedhu kan mogga'e fiilmii waggoota 50n dura ogeessa fiilmii Misheel Paappaataakis jedhamuun Itoophiyaatti hojjetame irraayi.