Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhamaatii koo waggoota saddeetii gateen biyyatti deebi’e'
Shukuriyaa Mohammad Sa’ud Arabiyaa kan dhaqxe A.L.I bara 2006 yoo ta’u, yeroo sanatti umuriin ishee waggaa 19 ture.
Ji’oota sagaliif haala rakkisaa ta’een mana hidhaa Sa’udii keessa turuu kan himte Shukuriyaan, hidhamuun duras yeroo dheeraaf rakkina keessa akka turte BBCtti himte.
Shukuriyaan Viizaa waggoota lamaa argattee Sa’ud Arabiyaa erga qaqqabdee booda mindaa ji’aa Riyaala 600’n mana namatti qacaramte.
Mana kana keessa waggoota lamaaf yeroo hojjataa turtetti, warri qacaranii hojjachiisan bilbila akka qabattu hin eeyyamaniif ture.
Gara maatii isheetti bilbiluuf bilbilli yoo hojjates, yoo hojjachuu baates kaardii bituuf Riyaala 50 kaffaluun dirqama ishee ture.
Haala kanaan waggoota lamaaf erga turtee booda mindaan ishee akka dabalamuufi bilbila qabachuun akka eeyyamamuuf gaafatte. Taatullee akka hin eeyyamaneefitu itti himame.
Shukuriyaan manicha dhiiste badde. "Namni akka badnu nu deeggaru Araba biyya beekudha. Namoonni nu miliqsan Riyaala heddu nuuf kaffalu, nuti hojjanne kaffallaaf malee maallaqni callaan harka keenya hin jiru. Erga badnee booda nama kamiyyuu waanti gaariin hin mudatu."
Mana jalqaba hojjataa turtee erga baddee booda haala jiruu ishee mudate yaadachullee akka hin barbaanne dubbattetti Shukuriyaan.
Shukuriyaan haala rakkisaa yaadachuu hin barbaadu jettu keessa darbuun qabeenya hanga humna ishee, kan biyyatti fudhattee galuu dandeessu walitti qabattee turte.
Qabeenya horatte kana mana lammiilee Itoophiyaa biroo waliin kireeffattee keessa olkeewwataa turte. Shikuriyaan akka jettutti, iddoo hojiirra wayita deebi’an mana kana keessa turu.
Lammilee Itoophiyaa biroo waliin otoo mana kana keessa boqonnaarra jirtuu poolisiin mana cabsee itti seene.
‘’Osoon itti hin qophaa’iin, osoon homaa hin fudhatiin manicha keessaa nu fuudhanii bahan. Meeshaa waraanaa hidhatanii waan jiraniif ‘kanan fudhadha’ jedhanii gaafachuun hin danda’amu. Eeyyama waanin hin qabneef mirga hin qabu," jette.
Lammilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa’udii keessatti
Shukuriyaan gara mana hidhaa geeffamte. Dubartoota lammilee Itoophiyaa 200 ol ta’an waliin mana hidhaa dhiphaa keessatti hidhamuu yaadatti.
Shukuriyaan akka jettutti, haadholiin ulfaa mana hidhaa keessatti da’aniifi ijoollee tokko ol waliin hidhaman jiraachuu himte.
Mana hidhaa haala rakkisaa qabu kana keessaa bahuuf jecha eegdota mana hidhaa irra deddeebiin gaafachaa turan.
"Biyya keenyatti deebina jennee yeroo gaafannu nu reebu, soorata nu dhoowwatu. ‘Mootummaan biyya keessanii isin hin barbaadu malee rakkoo keenyaa?’ jedhanii sa’aatiiwwan 24’f soorata nu dhoowwatu," jette.
Kana qofallee miti, mana hidhaa keessatti lammilee Itoophiyaa gidduutti walitti bu’iinsi akka mudataa ture kaafte.
Baqattoonni sabaan walqooduun "bishaaan haayilaanditti naqanii isaan walreebu. Guyyaa tokko waan na dhukkubeef rafaan ture. Hayilaandiin bishaan itti guutame ijarra na rukutee ture."
"Kanneen addi isaanii buruqellee turaniiru. Isaanis gara mana yaalaa deemani turan, ijji koo waan rukutameef hordoffii barbaachisaa naaf gochaa turan," jetti. Shikuriyaan haala kanaan ji’oota saddeetiif turte.
Miidiyaalee hawaasaa gubbaatti lammilee Itoophiyaa Sa’udii haala rakkisaa keessa jiraniif haqni kennamuu qaba jechuun irra deddeebiin waamichi dhiyeeffamuu eegale.
Kun otoo haala kanaan jiruu mootummaan Itoophiyaa lammilee Sa’udittii argaman kuma dhibba tokko gara biyyaatti akka deebisu beeksise. Shiukuriyaanis carraa kanaan gara biyyaatti deebitullee, akka isheen yaaddee hin taaneef.
Lammilee Sa’udii deebi’aniif deeggarsa akkamiitu godhame?
Mootummaan Sa’udirraa gara biyyatti kan deebisuu 100,000 keessa namoonni 490 marsaa jalqabaatiin A.L.I Bitootessa 21, 2014 gara biyyatti galan.
Guyyaa kanaarra kaasee hanga Caamsaa 15, 2014tti lammileen 25,000 gara biyyaatti deebi’uu isaanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti jaarmiyaan Dhimma Baqattootaa(IOM) ragaan BBC’f erge ni mul’isa.
Ministeera Dhimmaa Dubartootaa fi Daa’immaniitti dhimma baqattootaa kan qindeessan Obbo Asaallifawu Amaddin, mootummaan lammilee biyyatti deebifamaniif deeggarsa gochaa jiraachuu BBC tti himan.
Obbo Asaallifawu koreen dhimma kana hordofu Ministira Muummee Itti-aanaan kan hoogganamu jiraachuu eeruun, baqattoonni buufata xiyyaaraatti simachuurraa kaasee hordoffiin akka taasifamuuf ibsan.
Jaarmiyaan IOM hojicharratti ni hirmaata. Giddugaleessa baqattoonni biyyatti deebi’an kunneen keessa turan jaarmiyaan IOM ni hojjata, mootummaan immoo tajaajila fayyaa fi xiinsammuu fi hubannoo isaanii cimsuurratti akka hojjatu Obbo Asaallifawu himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, namoonni biyya hambaatii deebi’an kunneen giddugaleeessa kana keessa hanga guyyoota afuritti turanii soorata, meeshalee qulqullina ittiin eeggatan, soorata daa’immani dabalatee deeggarsa garaa garaa argatu jedhan.
Giddugaleessa kana keessa guyyoota afuriif erga turanii booda gara iddoo irraa dhufanitti wayita deebi’an deeggarsi maallaqaa xiqqaan akka taasifamuuf himan.
Gama biraatiin kanneen deeggarsi xiinsammu barbaachisuuf IOM Waldaa Ogeeyyii Saayikoloojii Itoophiyaa waliin qindoomuun ogeeyyii tola-ooltotaan deeggarsa kennaa jiraachuu himan.
Kana malees IOM, Ministeera Dhimma Dubartootafi Hawaasummaa, akkasuma UNICEF waliin ta’uun daa’imman warra ykn namoota isaan guddisan waliin gargar badan walitti fiduu akka hojjatu himan.
Taatullee namoonni gara biyyatti deebi’an heddummachuurraa kan ka’e qabeenyi jiru gahaa akka hin taane kan hime IOM, namoota biyya hambaatii deebi’an kana deeggarsa waliin gahuun qorumsa akka itti eere.
Kana malees magaalaa Finfinneetii fira kanneen hin qabne ykn iddoowwan biraatii maatii ykn hiriyaa kan hin qabne dhalattoota Tigiraay biyya hambaatii deebi’an yeroo dheeraaf deeggaranii tursiisuun qorumsa biraa ta’uu kaasan.
"Ammas dhibbaan kanneen lakkaa’aman dawoo qubannaa mootummaan qoppheesse keessa jiru, baay'een isaanii ammoo deeggartoota IOM bira jiru. Lakkoofsi baqattootaa lakkoofsa olaanaan dabalaa waan jiruuf iddoon qubannaa hanqataa dhufeera" jedhan. IOM dhaabbiin akka of danda’an qubsiisuuf hojiiwwan bizinasii xixiqqaa eegaluun akka of gargaaran nan deeggara jedheera.
Gosti deeggarsaa lakkoofsa namoota biyyatti deebi’anii waliin wayita wal bira madaalamu garuu gadaanaadha jedha. Haala kanaan namoonni Sa’udiirra deebi’an carraan deeggarsa argachuu isaanii ‘’dhiphaadha’’ jedhan.
Deeggarsa itti fufinsan dhabuun isaanii immoo namoonni biyyatti deebi’an rakkoo godaansaaf isaan saaxiletti akka deebi'an godha jedhan.
Obbo Asaallifawu lammilee biyyatti deebi’aniif leenjiin ogummaa fi liqii xixiqqaa mijeessuun hojiitti isaan galchuuf karoorfamuu himan.
'Waantin olka’awwadhe achumatti hafe'
Ganna 19tti gara Sa’uditti kan qajeelte Shikuriyaan, bu’aa bayii hedduu argitee wayita biyyatti deebitu umriin ishee ganna 27 guuteera.
Ganna 8’f jiruu baqannaa kan jiraatte yoo ta'u, mana hidhaatii baatee gara biyyaatti deebi'uutti "baayyeen gammade" jette.
Garuu jiruun baqannaa kootii homaa bu’aa hin buusne jette. Dadhabbii waggoota hammasi booda maallaqni hangas qaba jettee himattu hin jiru.
Biyyatti yeroo deebitu ittin hojjachuuf qabeenya argatte mana hiriyoota waliin kireeffatte keessa olkaawwataa turte.
Taatullee wayita hidhamtu qabeenya olkaawwatte hunda deebitee hin arganne. "Jireenya keenya guutuu waa meeeqaan dabarsinee, maallaqa qusanne hin arganne. Biyyatti deebinee ittiin of bulchina jenneetu qusanne, garuu achittiis asitti harka qullaa hafne,’’ jette.
Shikuriyaan amma intala obboleetti ishee waliin hojii otoo hin argatiin akka jiraattu kan himte yoo ta’u, ‘’fuuldurattis maaltu akka dhufu hin beeku’’ jette.
"Ofiin kootiin waantin eegalu hin jiru, waantin olka’aawwadhe achumatti hafe. Asitti uffatallee akkan bitadhu kan na gargaare obboleessa kooti," jette.
Gara biyyaatti wayita deebitu maqaa ishee galmeessuun haala ture gaafachuun ’’siif bilbilla,’’ jedhamuurra kan darbe deeggarsi godhameef homtuu akka hin jirre himti.
"Abdii nutti horu jedhen eegee ture. Erga dhufnee ji’a lama ta’eera. Ergasii namni nu gaafates hin jiru. Achiis hojjannee hin arganne,’’ jette.
Gara biyyatti wayita deebitu haalonni ni geeddaramu jettee kan abdataa turte yoo ta’u, amma abdii dhabuu BBCtti himte.