Godaantonni Tigraay Sa'udii Arabiyaarraa deebi'an, Itoophiyaatti hidhaa fi dararaaf saaxilamaa jiru - HRW

Anga'oonni Itoophiyaa dhalattoota Tigraay dhiyeenya Sa'udii Arabiyaarraa deebifaman hidhuu, dararuufi humnaan akka baqatan taasisan jedhe Human Rights Watch.

Dhaabni mirga namoomaaf falmu kun gabaasa guyyaa Roobii baaseen [Afaan Ingiliiziin], Sa'udiinis dhalattoota Tigraay haala haamaa keessa tursuu fi humnaan biyyatti deebisuu dhaabuu qabdi jedheera.

HRW akka jedhetti, mootummaan Itoophiyaa godaantota Sa'udiirraa hari'amuun biyyatti deebi'an, gara wiirtuuleetti dabarsaa jiru jechuun, kanneen keessaa gariin seeraan ala to'annoo jala oolaniiru jedha.

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa Human Rights Watch baase kanarratti ammatti deebii hin kennine.

Itoophiyaan waggaa tokko keessatti lammiilee 40,000 ol Sa'udii Arabiyaa irraa galchuu himtee kan turte wayita tahu, MM Abiy Ahimad dhiibbaan akka deebi'an taasifamu ijaarsa Hidha Abbayyaan walqabata jechuun himanii turan.

Lammiileen Itoophiyaa kuma hedduutti lakka'aman manneen hidhaa Sa'udii Arabiyaa haala hammaataa fi rukkataa tahan keessa hidhamuufi rakkoolee hamaaf saaxilamaa jiraachuu BBC dabalatee miidiyaaleen garagaraa irra deddeebiin gabaasu.

Manneen hidhaa kanneen keessaa Wiirtuu Hidhaa al-Shumaysii jedhamu keessaa kan dubbisne lammiileen Itoophiyaa yeroo dheeraaf hidhamanii jiran, rakkoolee fayyaa hamaaf saaxilamneerra jechuun BBCtti amma dura himanii turan.

Mootummaa Saa'udii gamasaatiin wiirtuuleen to'annoo kunneen namoota ''qajeelfamoota hayyama jireenyaafi hojii cabsan tursiisuuf'' manneen hidhaa gurguddoo hundaa'an keessaa akka tahan hima.

Hiyumaan Raayitis Wach dabaluun, aanga'oonni Itoophiyaa godaantonni kunniin daandiin gara Tigraayitti wayita deebi'aa jiraniifi buufata xiyyaaraa Samaraatti to'achuun gara manneen hidhaa Affaarii fi kibba Itoophiyaatti argamanitti dabarsaniiru jedha.

''Godaantonni Tigraay manneen hidhaa Saa'udii keessatti hiraara guddaa argan, gara Itoophiyaatti wayita deebi'anis hidhaatu isaan eeggate,'' jedhu dhaabbatichatti qorattuun mirgoota godaantotaa Nadia Hardman.

''Saa'udii Arabiyaan dhalattoota Tigraay balaaf saaxilamaniif eegumsa laachuu qabdi. Itoophiyaan ammoo godaantota deebi'aniifi seeraan ala hidhaman hunda gadhiisuu qabdi.''

Akka dhaabni kun jedhutti lammiileen Itoophiyaa kuma dhibbatti lakka'aman barkurnee dabre keessa: hojii dhabdummaa fi rakkoolee diingadee, hongee fi dhiittaa mirgaa baqachuun - Galaana Diimaa dooniin qaxxaamuruun Yaman erga gahanii booda, lafoo imaluun ammoo Saa'udii Arabiyaa galu.