Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ashaboo dabaltee albuudonni dhiheenya Godina Baalee Bahaatti argaman maali?
Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Bahaatti kuufamni ashaboo nyaataa argamuu Waajjirri Misooma albuudaa godinichaa ibse.
Hoogganaan waajjirichaa Obbo Biraanuu Joobiraa aanaalee Godina Baalee Bahaa jala jiran afur keessatti albduudi kun argamuu BBCtti himan.
''Aanaa Daawwee Sarar jedhamu keessatti uummanni naannoo durumaanuu mala aadaan oomishaa ture. Amma ashaboon kun aanaalee ollaa kanneen akka Raayituu, Gololchaa, Sawweenaa keessattis argameera,'' jedhan Obbo Biraanuun.
Itoophiyaa keessatti ashaboon kutaaleen hundi fayyadaman kan argamu naannoo Affaar iddoo gadi dhooqaa- Danakil depression jedhamurraa yoo ta'u innis dirra lafaarraa kan hammaaramuudha.
Kan Baalee kun garuu lafarraa kan hammaaramu osoo hin taane bifa dhangala'aan lafa jalaa qotamee burquudha jedhan Obbo Biraanuun.
''Gandoota shan Aanaa Daawwee Sarar keessatti kan argame bifa dhangala'aan kan jiruudha. Lafa keessaa bifa bishaaniin qotamee erga ba'ee bultii torbaa hanga 14 gidduutti gara ashabootti geeddarama.''
Ashaboo argame kun kan nyaataa ta'uu qorattoonni waajjira misooma albuudaa mirkaneessaniiru kan jedhan Obbo Biraanuun, garuu haga ammaatti qabeenyi kun bifa ammayyaan hin misoomin jira jedhan.
Akka Obbo Biraanuun jedhanitti Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa qorannoo taasisee ashaboon kun kan nyaataa ta'uusaa mirkaneesseera.
''Laaboraatoorii galee mirkanaa'eera. Garuu ammatti nyaatamuu akka danda'u gama fayyaatiin qoratamee kan mirkanaa'e nu bira hin geenye,'' jedhan.
''Kuufama akka ajaayibaatti argamaa jiru kanarraa uummanni fi biyyi akka fayyadamu hin taane.''
Kuufamni ashaboo kun jiraachuu qorannoo bara darbee fi baranas gaggeeffameen mirkanaa'uu kan ibsan Obbo Biraanuun, ''isa mala aadaatiin misoomaa ture caalaa fooyyessuun mala ammayyaan misoomsuuf irratti xiyyeeffanneerra,'' jedhan.
''Akkamitti kuufama albuudaa kana baayyinaa fi qulqullinaan mala ammayyaan oomishuu dandeenya kan jedhurratti Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa fi Biiroo Ijaarsaa Oromiyaa waliin irratti hojjetaa jirra.''
Kuufama ashaboo kan bifa dhangala'aan lafa jalatti argamu maashiniidhaan qotanii baasuun hawaasi akka fayyadamu gochuurratti hojjetaa akka jiran himan.
Jiraattonni naannawa ashaboon argamee kunneen horsiisee bultoota, aanaa gammoojjiiti.
Bu'uuraaleen misoomaa kanneen akka daandii waan hin jirreef kuufama ashaboo uumamaan jiru kana misoomsanii fayyadamuuf akka rakkatan dubbatan.
Naannawa kuufamni ashaboo jiru sanatti sababa misoomaawwan bu'uuraa kanneen akka daandii hin babal'anneef misoomni kun gufachuu akka danda'e Obbo Biraanuunis himaniiru .
''Osoo daandiin gara bakkeewwan kunneenii geessu mijatee, osoo abbootiin qabeenyaa irratti xiyyeeffatanii qabeenyi guddaan as akka jiru shakkii hin qabnu.''
Namoonni aanaalee kunneenii keessattuu gandoota aanaa Daawwee Sarar, iddoo ashaboon itti argame jiraatan durirraa kaasanii ashaboo kana mala aadaan baasanii itti fayyadamaa turan.
Odeeffannoo kana qabaachuu kan himan Obbo Biraanuun, ''Naannoon ashaboon jiru kun fageenyarratti argama. Bakka naannoo Somaalee waliin waldaangeessanidha. Namoonni sanaa ashaboo kana baasuun nyaataafillee fayyadamaa turan,'' jedhan.
Inumaa sadarkaa aanaatti bifa waldaatiin walgurmeessanii hojjechuu ga'aniiru jedhan.
''Garuu hanga laaboraatoorii ga'ee mirkanaa'ee deebi'utti akkasumas ammoo pirojektiin kun mala ammayyaan qabamee irratti hojjetamaa jira waan ta'eef hanga hojiitti galamutti jennee dhaabsifneerra.''
''Ashaboo uumamaan jiru kana akkamiin sona itti daballee akkaataa nyaataaf ta'utti oolchina kan jedhu irratti hojjetaa jirra,'' jedhan Obbo Biraanuun.
Bakki kuufama ashaboo fi albuudota kaanii ta'e kun erga xiyyeeffannoo mootummaa argatee qorannoon irratti eegalamee amma waggaa lammaffaadha jedhan.
Misoomni ashaboo kun wayita bifa saayinsaawaan eegalamu dursa kan kennuuf faayidaa uummata naannooti jedhan Obbo Biraanuun.
''Qajeelfamni misooma albuudaallee hawaasa naannoo kan ofirraa dhiibu osoo hin taane kan fayyaduudha. Yoo misoomuu eegalee faayidaa uummataatu mirkanaa'a. Amma wanti guddaan albuudi kun argamuun beekamuu isaati.''
Bakkeewwan kunneenitti ashaboo qofa osoo hin taane albuudonni indastirii hedduun qorannoo kanaan argamaniiru.
''Albuudonni kanneen akka dhagaa adii (gypsum), dhagaa oomisha simtoofi oomishaalee garaagaraaf oolu (limestone), Saandistoonii fi albuudi galtee xaa'oo ta'e potaashiyemiinis naannawa sanatti argameera.''