Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dubartii ta'uu kiyya dhoksee waggoota jahaaf albuuda qote'
'Hanga yoonaa mootummaan maqaan kiyya Adeera Huseen ta'uu beeka,' jedhu maanguddoon kuni. Lammii Tanzaniyaadha.
Waggoota dheeraa dura abbaan isaanii ijoollee isaanii barsiisanii isaan barsiisuu diduu himu. Achii fala falatan.
Boolla 600m fagaatu funyoo qabatanii albuuda baasuuf qotuu eegalan.
Waggoota jahaaf ''namni tokko dubartii ta'uu kiyya osoo hin beekiin'' boolla qotuu itti fufan.
Waggaa jaha booda hidhaman. Poolisiidhaan 'dubartiin na haa sakattaatu’ jechuu isaaniin walqabatee korniyaan isaanii barame.
Koorniyaa isaanii waggoota dheeraa dura dhoksanii hojii hojjetaniin garuu ijoollee hedduu barsiisuu seenaa isaanii BBC'tti himan.