Qabeenyi albuudaa Booranaa jireenya horsiisee-bulaa jijjiiruuf abdatame hagami?

Uummanni horsiisee-bulaa godina Booranaa waggoota hedduuf sababii hongee, jijjiirama haala qilleensaafi walitti bu'iinsa naannoo ollaa waliin tureen, ummata hiyyummaaf saaxilamedha.

Keessattuu, hongee yeroo dheeraaf tureen walqabatee madda qabeenyaa ummataa kan ta’e horiin jalaa dhumuun, caalaa haala jireenyaasaanii miidheera.

Kanaaf, namoonni hedduun jireenyasaanii jijjiiruun magaalotatti godaanan, kaan ammoo horii xiqqaa hafeen baqachuuf daangaa qaxaamuruun godaanu.

Kun ammoo daa'immaniifi hawwaniif rakkoo daran dachaa ta'eera.

Dhiheenya kana qabeenyi albuuda godinichatti argamuun isaa abdiin hawaasa horsiise-bulaa kun akka ol ka'u taasiseera.

Godinaalee naannoo Oromiyaa qabeenya umamaatiin badhaadhan keessaa godinni Booranaa tokkodha.

Godinni Booranaa albuudaalee hedduun kan badhaadhedha, garuu xiyyeeffannaa dhabuufi ummanni hongeen dura horiisaanii qofaan jiraachaa waan tureef jireenya hawaasaaf bu'aansaa hin hubatamne.

Dhiheenya kana immoo haala adda ta’een aanaalee Godinichaa hunda keessatti qorannoon qabeenya albuudaa geggeeffamaa jira.

Waajjira albuudaa godinichaatti dura ta'aan ogeessota Saayinsii Qorannoo Dhagaa Uumamaa Galmaa Kunaa waggoota sadii as qorannoo kana gaggeessaa jiraachuu BBCtti himan.

Dhagaawwan ijoon albuudni keessa jiru sadii: Metamorphic (dhagaa jijjiramaa) Sedimentary (dhagaa cirracha kuufatu) fi Igneous (dhagaa volkaanoon uumame) jedhaman.

Godinni Booranaa dhagaa durii kan baay’ee hin argamne ‘Precambrian rocks’ jedhamu qaba.

Dhagaan kun albuudota sibiila akka warqee, taantaalam, nikeelii, albuudota industirii kanneen akka Jemistoon, Foosifeet, Sibiilaafi dhagaa faaya hedduu qabu.

Qorannoo amma geggeessaa jiraniin, ogeessonni albuuda gati-jabeeyyii ta'an kan akka Warqee, Taantaalam, Chromite, Garneetota, Aquamarine, Rubby, safir, Amazonite, Flouride, kiraasofer, Amethyst, Red Garnet, yellow garnet, blue garnet, Beryl, marble, quarts, mica, flourite, biotite, granite kanneen biroo arguu mirkaneessaniiru.

“Albuudii addunyaa keessatti argamu kan godina kan keessatti hin argamne hin jiru jedhee amana. Albuudni amma hin argamne duraanuu inuma jira, namoonni irratti hin hojanne malee. Nutis albuuduma jiru kanaan qorannootti seenne,” jedha Galmaa Kunaa.

“Kana qofamiti, boba’aan akkasuma godina kana keessatti kan argamudha, qorannoon dansaan irratti hin geggeeffamne malee albuudaa godinichi qabu kan aanaa tokko qofti Itoophiyaa hiyyummaa keessa baasuu ni danda’a jedhee amana.''

Mootummaan naannoo Oromiyaa qorannoo gad-fagoo geggeessuuf bara kana aanaa Moyyalee qofa irratti birrii miliyoona ja’a qabachuu ibsa.

“Lafti sun warqee durii jalqabaan umamte qabdi jedhan. Warqeen sun ammoo Moyyalee irra kaate hanga Areerootti argamti.

Aanaleen godina Booranaa 13 hunda keessatti albuudni gara garaa argamuu kan himu Aab Galmaa Kunaa, jireenya ummataa sadarkaa guddaan ol kaasuu danda’a jedha.

“Albuudni argame baayyeedha, gariiin giraama, kiiloofi tooniin gurgurama, kanaaf jijjirama guddaa ummataa fiduu danda’a.

''Albuudni akka Tantaalaam fakkeenya meeshaalee tajaajila fayyaa, jijjiirraa qaama moobaayiliifi tajaajila indastirii gara garaaf kan ooluu danda’uufi albuudni simmintoon irra hojatamu, akkasumas baayyeetu jira.”

Waggoota sadan qorannoo geggeessa turanitti deeggarsa mootummaas ta’e ummatarraa hirmaannaa hin arganne jedha ogeessi kun.

“Namni dur hubannoo hin qabu ammallee horii hedduu qaban, midhaan facaasees akka gaariitti nyaata qaba, waan albuuda kanaaf dantaa hin qaban. Mootummaan godinaas akkasuma nu jalaa hin qabu ture.''

Erga hongeen jireenya isaanii jijjirteen booda, namoonni hundi gama tokko deebi’uun albuudi xiyyeeffannaa cimaa argachaa jiraachuu hima.

“Amma uummanni bakka duraan albuudi jiraachuu dhaga’an hundaatu nu yaaman, kottaa nu ilaalaa jedhan.

Bakka daandiin hin jirre yoo nutis qorannoof deemnu, ofiin ciranii daandii baasan. Hardhaa qabeen kun abbaa argateera.”

Mootummaan godina Booranaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuuf aanaasaanii hundatti waajjira banuun qorannoo geggeessa jira.

Bakka albuudni itti argame hundatti uummata waldaan ijaaranii, achiin booda gabayaa barbaaduun namootaafi dhaabbilee bitaniin walitti hidhan.

“Ammayyu namoonni hojii seenan jiru. Moyyalee bakka Mormoraa jedhamutti albuuda Marble fi Quartz irratti uummaatni 200 ta’an ijaaramanii ji’a ja’a keessatti miliyoona 6 baankii qabu.” 

“Bakkii gabayaan jirtu Finfinneedha. Osoo industiriin godina kanatti ijaaramee uummati kana caalaa faayidaa argachuu danda’a. Amma sababa fageenya Finfinneef maallaqni isaanii geejjiba irratti dhuma.”

Aanaa Dubluqitti oggeessa bulchinsa eeyyama albuudaa kan ta’e Roobaa Mohammed Diimaa qorannoo geggeessaa jiran kanaafi argannoo argameen baayyee gammachuu qabaachuu ibsa.

“Gammachuu guddoo qabna akka hoggansaafi jirattoota godina Booranaatti. Waan argame kanaan uummata fayyadamaa goona jenne murteeffaneerra,” jedha.

Aanaan isaanii gandoota 13 qaba, kan keessatti bakkewwaan qorannoo taasisan hundatti albuudni argamuu hima. Ganda Qarsaa Dambii jedhamtuttu dhagaan Granite argamuun waldaan ijaarame uummannii faayida irra argatan.

“Ganda sana nama 380 jiraata. Jiraattonni hundi waldicha keessa waan jiruuf, faayidaa guddoo argatan. Yeroo muraasa keessatti gara birri kuma 400 ol argateera. Kunneen waldaa qofa, manni barumsaa qofa galii argata, akkasumas gandichi qofa galii argata, akkanaan uummanni sun waan hedduu irra fayyadamee ture.”

“Qabeenyi argame kun dhibbaafi dhibba jireenya uummataa jijjiruu akka danda’u abdii guddaa qabna. Kun qabeenya Waaqi lafa tanaan uffisee kanaaf hundi keenya soorachuu qabna,” jedha Roobaa Mohammed.

Waldaan akkamiin ijaarama?

Qorannoo geggeessaa jiran kanaan, oggeessoti kun uummataa, jaarsolii biyyaa, bulchitoota aanaafi ganda hirmachisan.

Albuudni baayyeen akka jiru hubachuun, hawaasa fayyadamaa gochuuf waldaan ijaarame.

Bakkeewwan albuudni jiraachun mirkana’ee hunda irratti waldaan ijaaramuun qabeenyi kun dhaabbilee gurguddaafi abbootii qabeenyan akka hin saamamne gochuudha jedhan.

Fulduraan yoo dhaabbati ykn abbootii qabeenyaa waldaa kana wajjin hojachuu barbaaddan isaan qopha’anitti akka dhufan barbaadu.

“Ganda tokko dhufne albuuda yoo argine, lafa kana hektaraan adda baafna. Reera irra namoota walitti qabna. Miseensonni waldicha jiraattota gandicha ta’uu qabu. 

“Nuttis ulaagaa isaan barbaachisu hunda gama eeyyamaatin, gama waajjira lafaafi kaan deeggaramnee akka isaan argatan goona.”

Rakkinni isaan mudatu 

Qotinsi albuudaa meeshaa gatii guddaa gaafata uummanni Godinicha ammoo qabeenya sun waan hin qabneef humnasaani fayyadamuun baasaa turan. Garuu gatii ga’aa utuu hin argatin jiran.

“Waan isaan harka isaanin qotan kana daldaltoonni soomaliyaa fa irra dhufani maallaqa xiqqaan irra bitaa turan. Qorannoon waan hin geggeeffaminiif, dhakaa kun gatii hin qabu jedhani gatii gad cabsuun irra bitaa turan.

“Amma, haala mijjeessine akka isaan maashinii kireefachu danda’an goona. Kaanin dhakaa argame kana Finfinnee laaboraatorii geesine, quliqullinasaa hubanne, kunin yoo barame gatii akka itoophiyaa fi addunyalettii beekun nama hin rakkisu,” jedha oggeessu kun.

Rakkoon bira kan oggeessoota kan amudatu daandii ta’u ibsan. Daandii godina boorana akka malee rakkoo jedha oggeessi dhagaa Aab Galma Kunaa. Dabalataan albuudii garii gama daangaa irratti argamu ibsa.

Sababa rakkoo nageenyaaf qorannoo isaani guutuu Godinicha keessatti taasisuun salphaamiti jedha.

Taanin meeshaan qorannoon geggeessan jiraachuu dhabuun malawwan aadaa fayyadamuu ibsan.

“Albuudii amma argame kunin hedduun teknooloogiin utuu hin ta’in beekumsa jaarsa fi hayyoota godinichaatin. Jaarolee akka Aab Borbor Bulee fa oddeeffachuun iddoo gara garaa arginne,” jedha Galmi.

Warshaa fi industiriin Godina Boorana jiraachuu dhabuun, hanga Finfinnee mi’a kana geessuun bu’a guddoo silaa argamu gad buusa.