Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoollee lamaan daayimandii guddicha addunyaa argatan maaltu mudate?
Bara 2017 keessa oduu aagaa guddaa ture. Mata-dureewwan oduu guutuu addunyaarraa Seraaliyoon keessatti ‘diyaamandiin nagaa’ argamuu isaa dhageessisan.
Biyya Afrikaa bakka hiikni diyaamandii dhangala’uu dhiigaafi gidiraa ta’e tokko keessatti qabeenyi dhakaa gati jebbeessa kanarraa argamu jireenya namoota biyyattii utubuuf gargaara.
Haata’u malee, afarsuu miidiyaalee duuba warra qotan – namoota dhakaa kana baasuuf dugdaa citanitu jiru.
Kombaa Jaanbul fi Andiriwu Saafaay garee miseensa shan qabu keessaa umuriin ijoollee turan.
Yeroo iji isaanii dhakaa guddaa baayyee calaqqisu biyyee keessa jiru tokkorra bu’e, abjuun isaanii hunduu waan dhugoome fakkaatee ture.
Wagga ja’a booda garuu, argannoon isaanii ajaa’ibaa kun gammachuu caalaa waaroo gaddaa uffate.
Karoora lubbuun jiraachuu
Saafay barataa qaxalee ture garuu sababa iyyummaa barumsa dhiisuuf dirqame. Joonbul ammoo maatiin isaa waraana walii waliinii bara 1991-2002 tureen gargar faca’aniiru.
Ijoolleen kunneen lamaan waliin ta’uun garee miseensota shan qabu paasteriin naannichaa tokko ispoonsar godhutti makaman. Isaaniif hin kaffalamu ture, garuu meeshaafi nyaata barbaachisan isaaniifi maatiisaaniif kennama ture. Yoo diyaamandiin argameef isa ispoonsara godhetu gahee guddaa fudhata.
Ijoolleen kunneen lamaan guyyaa tokko hojii dadhabsiisaa ta’e hojjeechuuf waliigalan. Ciree nyaachuu dura qonnaa irratti hojjechuun gara boodaa ammoo saatii qaban albuuda qotuu deemuuf sagantaa qabatan.
Abdi ikan isaan godhatan maallaqa gahaa qusatanii barumsatti deebiyuu ture garuu hojichi rakkisaa waan ta’eef akka yaadan hin ta’u. “Joonbulitti akkasin jedhe, abjuun koo karaatti hafe,” jedha Saafay.
Joonbul namoonni akkamiin akka rooba cimaafi ho’a hamaa sana itti dandamachaa turanillee ni yaadata.
“Akka nu kakkaasuuf jechootaan hamilee ofii kennina ture. Qoosaas ni dandeenya ture. Bluetooth muuziqaa ittiin dhaggeeffannus ni qabna ture.
Ijoolleen kun yoo akka tasaa sooroman maal akka hojjetan abjootu ture. Joonbul gamoo abbaa darbii lamaafi konkolaataa Toyoootaa FJ Kiruuser qabaachuu barbaada. Saafay ammoo barnootasaa xumuruu barbaada ture.
Diyaamandii baayyee guddaa
Guyyaan carra qabeessi kun akkuma yeroo kaaniitti bari’ee jalqabeef. Ganama cireesaanii muuzii affeelame [muuziin haffeelame nyaata aadaa biyyoota Afrikaa yoo ta’u ‘Maatokee’ jedhama]. Ciree nyaatanii booda sagada godhatanii gara albuuda baasuutti qajeelan.
Namoonni qotan diyaamandii barbaacharratti saatii xiqqoo dabarsu.
Guyyaan isaa Jimaata ture; Bitootessa 13, 2017. Karoorri isaanii hojii albuuda baasuuf of qopheessuu ture. Albuuda baasuu ykn qotuun kun lafa qotanii, cirracha baasuu yoo ta’u, waqtii bokkaan roobutti lolaa wajjin wallaansoo walqabuudha.
Iji Joonbul waan calaqqisu tokkorra bu’e.
“Dhakaan kun bishaan lola’aa jiru jala lolaan fuudhee osoo deemaa jiruun arge. Kanaan dura diyaamandii argee waanan hin beekneef xiyyeeffannaa itti kenneeyyu hin ilaalle ture.
Ija koo dhakicharra godhee daqiiqaa tokkoo olan dhaabadhe. Isaan booda eessuma kootiin akkasin jedhe, ‘Eessumooko, dhakaan sun ni calaqqisa, dhakaa akkamiitii?”
Joonbul bira gahee dhakicha bishaan keessaa baase.
“Baayyisee natti qorre. Akkuman fuudheen, anarraa butanii akka jedhan, ‚ Kun diyaamandiidha!“
Dhakaan kun karaatiin isaa 709 waan ta’eef addunyaarratti guddina isaatiin sadarkaa 14 qabatee galmaa’e.
Ijoolleen albuuda qotan kun waan argan nama ispoonsara isaan godhe Paaster Imaanu’eel Moomootti kana beeksisan.
Inni ammoo gabaa gurraacharrati gurguruu dhiisee gara mootummaatti geessuudhaan seenaa hojjete.Diyaamandiin kun caali-baasiidhaan Dolaara miliyoona 6.5tti gurgurame.
Seraaliyoon keessatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman akkuma Joonbul fi Saafay hojii albuuda qotuu al-idilee ta’e keessatti hirmaatu.
Yoo carraan isaanii qajeele cabduu diyaamandii argachuu danda’u, diyaamanii guutuu kana fakkaatu argachuun garuu abjuudha.
Ijoolleen kunneen gahee keessaa argatanii, gariin isaa ammoo misooma naannichaaf akka oolutti mootummaaf galii akka ta’utti waliigalan.
Ijoolleen kunneen kaffaltaa jalqabaan tokkoo tokkoon isaanii dolaara 80,000 fudhatan. Kun maallaqa isaan ni arganna jedhanii abjootaa turan baayyee caala, garuu maallaqa guddaa kana keessaa gahee xiqqaatu isaaniif kenname.
“Gahee koo akkuman fudhadheen osoon hin tuqiin turban guutuun kaa’e. Boodarra mana tokko bitachuufan gara magaalaa Firiitawon deeme,” jedhe Joonbul.
Saafay ammoo gara Kanaadaa deemee barnoota itti fufuu barbaada. Joonbulis isa waliin deemuus ni barbaada.
Imala, bakka bultiifi kaffalataa yunivarsiitiif ejentiitti dolaara 15,000 kaffalan.
Gara Gaanaa geeffamanii turtii ji’a ja’aa keessatti maallaqasaanii baayyee baasan.
Iyyata viizaaf isaan galfatan fudhatama dhabee jenneen karoorri isaa karaatti jalaa hafe. Joonbul gara Seraaliyoonitti deebiye. Maallaqa guddaa inni diyaamandiirraa argates jalaa dhume. Saafay garuu imala jireenyaa biraa haaraa itti fufe.
Gara biyya sadaffaa ammaaf sababa nageenyasaaf jecha maqaa hin dhoofneetti darbe. Biyya sadaffaa kanatti ammoo guyyaa hojii konkolaahcisuu hojjechaa halkan akka baratu itti himame.
Haata’u malee, Saafay yeroo bakka jedhame qaqqabutti dhugaan lafarra jiru waan biraati.
“Fardan dallaa keessatti eegaa oolee bula. Ofiikoos achuman rafa, achumattin nyaadhas. Hojjetoonni kaan bakka bulan yoo kennamuuf animmoo akkan achuma dallaa fardaa keessa buluuf achitti na dhiisu.”
Saafaay jireenya diyaamandiin badhaadhe eegu osoo hin taane hayyama jireenyaa malee haala rakkisaa keessatti kufee of arge.
Mana Seraaliyoon keessatti bitatteen ala, maallaqa inni diyaamandiirraa argate jalaa dhumate. Amma biyyatti deebiyuu akka barbaadu dubbata.
Beekamtiin hin jiru
Wanti hunda caalaa ijoollee kana aarsu yoo jiraate qabeenya gurraa argan kanaaf beekamtiin isaaniif malu kennamuufiif dhabuudha.
Miidiyaanillee waa’ee diyaamandii kanaa kan gabaasu paasterii isaani ispoonsar godherratti xiyyeeffachuunidha. Warri dafaqanii qotan ykn