Lammiin Taanzaaniyaa kanaan dura albuudaan halkan tokkotti badhaadhe ammas kan Dolaara mil. 2 baasu argate

Taanzaaniyaatti namichi albuda baasu, kan Waxabajjii keessa albuuda Taanzaanaayit lama argachuun doolara miilyoona 3.4tti gurgurate yeroo ammas albuuda biraa doolara miiliyoona lama baasu argate.

Albuudi marsaa kanaan Laayizer argate ulfaatina kg 6.3 qaba.

Kaaba Taanzaaniyaa qofatti kan argamu albuudi Taanzaanayit faaya adda hojjachuuf fayyada.

Taanzaanayit dhakaa gatii-jabeessa addunyaa keessatti baayyee qaalii ta’an keessa tokko yoo ta’u, ogeessoti albuuda biyyattii waggootii 20 dhufan keessatti albuudi kun dhumuu danda’a jedhu.

Dhakaan gati-jabeessi kun halluu adda addaa kan akka magariisa, diimaa, siddisaafi cuqulisaan argamuu danda’a.

Laziyeer hojjeettonni albuuda baasaan xixiqqaa akka isaa, isa fakkeenya godhachuun mootummaa waliin akka hojjataniif goorseera.

“Mootummaatti gurguruu jechuun karaa biraa daldaltoonni gidduu seenan hin jiran jechuudha… mootummaan ifadha,” jechuun kabaja kaabaa Mireraanii irratti dubbateera.

Waxabajjii keessa albuuda lamaan 9.3kg fi 5.8kg ta’an yeroo gurgureetti abbaan ijoollee 30 olii Laaziyeer, kabaja addaa nan taasisa jechuun BBCtti himee ture.

Wiixata garuu maallaqi kun hawaasaa Simanjiiroof mana barumsaafi dhibbilee tajaajila fayyaa ijaaruuf oola jedheera.

Ji’a lama dura mallaaqni argate akkataa itti jiraatu akka hin geeddarreefi, sawwaan isaa 2,000 ta’an kunuunsuu akka itti fufuufi qabeenya argateef jecha eegumsa addaa akka hin fudhanne BBCtti himee ture.

Albuuda baastonni xixiqqoo akka Laayizer albuuda akka Taanzanaayit baasuuf eeyyamni mootummaa isaan barbaachisa.

Ta’us garuu nannoolee warshaa albuuda baasan gurguddoon jiranitti namootni karaa seeraan alaan albuuda baasan ni jiru.

Bara 2017tti buufata albuudaa Merelanii, Manyaaratti argamuufi addunyaa keessatti madda Taanzanaayiti tokkicha jedhamee yaadamutti, dallaan km 24 ta’u akka ijaaramuuf Pirezdaant Magufuuliin waraanaa biyyattii ajajanii turan.

Waggaa tokko booda sababa dallaa kanaan galiin buufata albuuda baasaa kana dabaluu isaa mootummaan gabaaseera.