Dhakaan gati-jabeessi doolaara mil. 100 baasu tasa man-duubeetti argame

Qondaalonni Sirilaankaa akka jedhanitti, dhagaa gati-jabeessi addunyaarratti hunda caalaa guddaa ta’e boroo ykn man-duubee namticha tokkoo keessatti akka tasaatti argame.

Daldalaan dhagaa gati-jabeeyyii tokko akka himetti, dhagichi hojjattoota qe’eesaa keessatti bishaan boollaa ykn biirii qotaniiin ture kan argame.

Qe'ee dhagaan kun itti argame ammoo naannawaa dhagaa gati-jabeeyyiin badhaate Ratnapuraa jedhamtu keessatti argama.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, dhagaan gati-jabeessi halluu cuquliisaa qabu kun gabaa idil-addunyaarratti doolaara Ameerikaa miliyoona 100 akka baasu danda’u tilmaamaniiru.

Dhagaan kun ulfaatinnisaa kg 510 itti dhiyaatu kan qabu ykn immoo karaatii miliyoona 2.5 yoo ta'u, maqaan "Serendipity Sapphire" jedhu argateera.

‘’Namtichi boolla qotaa ture dhagaa gatii-jabeessi salphaatti hin argamne hanga tokko argamuu nutti hime. Boodarra akka tasaa waan guddaasaatti baane," jedhe abbaan dhagicha Obbo Gamajeen wayita BBC tti hime.

Namtichi soda nageenyaa isaaf jecha maqaa isaa guutuufi iddoo itti argamu himachuu hin barbaadne.

Obbo Gamajeen dhagaa gati-jabeessa kana daldaluun maatii keessaa dhalattoota sadaffaa wayita ta’u, dhagichi argamuu qondaaltota biyyattiitti himeera.

Taatullee dhagicharraa dhoqqeefi waan biroo sirnaan qulqulleessuun otoo hin ifoomsiin waggaa ol itti fudhateera.

Ratnapuraan jechuun Afaan Sinhalisiin ‘’magaalaa dhagaa gati-jabeeyyii’’ jechuudha.

Magaalattiinillee teessoo muummee dhagaa gati-jabeessaa ta’uun beekamti.

Kanaan duras gosoonni dhagaa gati-jabeeyyii biroonis argamaniiru.

Sirilaankaan omisha Sapphire figosoota dhagaa gati-jabeeyyii birootiin biyya ada-durummaan eeramtudha.

Bara dabre biyyattiin dhagaa gati-jabeeyyii, muraa diyaamendiifi faaya miidhaginaaf oolan biyyoota birootti erguun doolara miliyoona 500tti dhiyaatu argatteetti.

‘’Dhagaa gati-jabeessa guddaa akkasii argee hin beeku. Kun naannoo waggoota miliyoona 400 dura uumamuuun isaa hin oolle," jedhan Dr Jaminii Zoyisaa, ogeessii beekamaa waa’ee dhagaa gati-jabeeyyii qoratan wayita BBCtti himan.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, dhagaan argame kun kaaratii olaanaa qabaatullee, dhagaan keessa isaattii argamu hundi qulqullina hagas olaanaa ta’e dhabuu mala jedhan.

Dhagichi argamuun kan dhaga’ame indastiriin dhagaa gati-jabeeyyii Sirilaankaa sababa uggura sochii weerara dhibeetiin kasaaraa keessa wayita seenanittidha.

Hojjattoonni indastiirii/ warshaalee dhagaa gati-jabeeyyii keessa hojjattan dhagaan argame kun namoota irraa bitaaniifi ogeeyyii waa’ee dhagichaa qoratan harkisuun akka fayyadu himaniiru.