Tiraampi bulchaan Filooriidaa filannoo pirezidaantummaa 2024'f akka hin dorgomne akeekkachiisan

Tiraampi fi bulchaa Filooriidaa Roon DeSantis

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraampi bulchaan Filooriidaa Roon Desaantis akka filannoo pirezedaantummaa US bara 2024’f hin dorgomneef akeekkachiisan.

Tiraampi bulchaan Filooriidaa Desaantis kan dorgoman yoo tahe paartii Rippaabilikaanotaa miidha jedhan.

‘’Dogoggora hojjeta jedheen yaada,’’ jedhan Tiraampi gaaffiif deebii ‘Fox News’ waliin taasisan irratti.

Dabalataan waa’ee ga’eessa ganna 44 odeeffannoo gaarii hin taane akka gadhiisanis akeekkachiisaniiru, garuu waa’ee maalii akka tahe bal’isanii hin ibsine.

Lamaan isaaniiyyuu pirezidaantummaaf kaadhimamuu akka malan eerameera.

Paartii Rippaabilikaanotaa keessaa morkattoota walii tahu jedhamee eegama.

Yaadni Tiraampi kun kan dhagahame filannoo walakkaa bulchiinsa [mid-term] US gaggeeffamu sa’aatiiwan yeroo hafanitti ture.

Hogganaa paartii Rippaabilikaanotaa keessaa achii as bahaa jiru kana ‘’RonDesanctimonius’’ jechuun yeroo hiriira duula filannoo irra turan ibsan.

‘’Akka inni dorgomu hin beeku. Yoo kan dorgomu tahe, akka malee of miidhuu danda’a jedheen yaada. Dhuguma akka malee akka of miidhu nan amana,’’ jechuun ‘Fox’tti himan.

‘’Paartiidhaaf gaarii taha jedhee hin yaadu’’ jedhan.

Tiraampi bulchaan Filooriidaa DeSaantis pirezidaantummaaf kan dorgoman yoo tahe, ‘’odeeffannoo waa’ee isaanii ibsu kan namatti hin tolle’’ akka baasan dhaadatan.

‘’Waa’ee isaa nama kamiyyuu caalaa [haadha warraa isaa irraa kan hafe] nan beeka.’’

Tiraampi waa’ee odeeffannoo jedhan kanaa waan ibsan hin qaban.

Garuu kana duras waa’ee morkata isaanii odeeffannoo isaan miidhuu danda’u nan baasa jechuun doorsisu.

Garuu booda irra ‘’nama gaariidha’’ jechuun ibsanii gidduu isaanii wal dhabdeen akka hin jirre dubbatan.

Obbo DeSantis hagganaa siyaasaa lafaa dhufaa tahanis beekamtii kan argatan erga bara 2019 bulchaa Filooriidaa tahaniidha.

Filannoo Kibxata har’aa gaggeeffamu irrattis morkataa isaanii Dimokiraatotaa Charlii Kirist injifachuun bulchaa Filooriidaa ta’uun irra deebiin filatamuu akka danda’an michuu BBC Ameerikaa kan tahe CBS News gabaaseera.

Bu’aan filannoo kun ammoo kaadhimamaa pirezidaantii paartii Rippaabilikaanotaa 2024 tahuuf akka isaan gargaaruu malu himama.

Tiraampi Sadaasa 15 waa’ee filannoo pirezidaantummaa bara 2024 ilaalchisee ibsa guddaa akka kennan himaniiru.