Filannoon Mana Maree Ameerikaa tibbanaa hangam murteessaadha?

Obaamaa [bitaa irraan], Joo Baayiden Filaadelfiyaatti yeroo duula filannoo gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images

Akka Baaraak Obaamaa fi Joo Baayidenitti yeroo Tiraampi ergaa wal fakkaataa dubbatan hin argaman.

Garuu yeroo paartiilee lamaan wal morkatan Dimokiraatotaa fi Rippaabilikaanotni bulchiinsa Peeniselvaaniyaatti wal dorgoman ergaa wal fakkaataa yeroo dubbatan argaman.

Lamaan isaanii lammiileen Ameerikaa bahanii akka filachuu qaban dhaaman.

Obaamaa fi Baayiden filannichi qabsoo dimokirasiif godhamudha yoo jedhan, Tiraampi ammo nageenyii fi tasgabbiin biyyattii dhimma ijoo tahuu kaasan.

Filannoon walakkaa bulchiinsaatti gaafa Kibxataa gaggeeffamu kun kongirensii biyyattii keessatti paaretii sagalee caalmaa argatu mirkaneessa.

Taa’umsi paarlaamaa biyyattii 435 dursanii qabamaniiru, taa’umsi 35 tahu ammoo amma kanneen filatamantu qabata.

Bulchiinsi Peeniselvaaniyaa bakka kaadhimamaa Dimokiraatotaa Joon Fetermaan ganna 53 kan tahanii fi Rippaabilikaanota irraa Mehemet Oz ganna 62 tahan sagalee xiqqaan adda itti bahanidha.

Pirezidaanti Baayidenii fi pirezidaantiin duraanii Obaamaan waliin achitti argamuun, dabalataan Tiraampillee achumatti duula gaggeessuun Peniselvaaniyaan hammam murteesituu akka taate agarsiisa.

Tiraampi Peniselvaaniyaatti injifachuutu bara 2016 akka pirezidaantii tahan isaan gargaare.

Garuu filannoo bara 2020 irratti ilaalchi siyaasaa walabaa magaalota keessatti beekamu, deebisee injifannoo Baayideniif enne. Garuu qe’ee Baayiden taatus Peniselvaaniyaatti kan mo’atan sagalee caalmaa %2 gadi argachuuni.

Baayiden gara qe’ee ofiitti dhufuun namatti tola jedhanii kaadhimamtoota Dimokiraatotaa kan tahan Fetermaanii fi bulchaa naannichaa tahuuf kan dorgoman Joosh Shappiroof duula gaggeessan.

Dimokiraatotni mana mareefi Seeneetii keessatti sagalaee caalmaa hin argatan taanaan mirgi ulfa baasuu daanga’uun deeggarsi fayyaa uummataa xiqqaate jechuudha jedhan.

Ammatti Dimokiraatotni Mana Maree lamaan keessaayyuu taa’umsa caalmaa qabu. Filannoo kana irratti dhabuu hin oolan akka tilmaama filannoo duraatti.

Dimokiraatota filachuun fayyaa dubartootaa, to’annoo qawwee fi eegumsa fayyaa filachuudha jedhan Baayiden.

Peeniselvaaniyaatti namootni kumaatamaan bahanii hiriiruun gaggeesitoota duula gaggeessan eegaa turan.

Garuu namootni baay’een Obaamaan ni dhufa jechaa dhageenyee isa arguu dhufne malee osoo baayiden qofaa isaa dhufeera tahe silaa hin dhufnu jedhan.

Qaala’insa jireenyaa godaansa seeraan alaa fi to’annaa qawwee ilaalchisee Dimokiraatotni hedduu qeeqamuu danda’u.