Doonaald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa 2024 irratti deebi'ee dorgomuuf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin duraanii US Doonaald Tiraamp filannoo pirezedaantummaa bara 2024f akka dorgomuu danda’u akeeke.
Iowa magaalaa Siyooksi jedhamtutti deeggartoota isaaniitti akka himanitti ‘’ammas carraan dorgomuu koo guddaadha’’ jedhan.
Filannoo walakkaa bulchiinsaa torban dhufu gaggeeffamu irratti kaadhimamtoota rippaabilikaanotaaf duula na filadhaa yeroo gaggeesanitti kana dubbatan.
Tiraampi guyyoota shan keessatti duula na filadhaa afur gaggeessaniiru.
Pirezidaantiin biyyattii Joo Baayidanis sagalee caalamaa argachuuf jecha guutuu biyyattii irra naanna’aa jiru.
Lamaan isaanii Baayidanis tahe Tiraamp maqaan isaanii waraqaa filannoo torban dhufu madaallii aangoo koongiresii keessaa fi bulchiinsa naannolee eeguuf gaggeeffamu irra hin jiru.
Haatahu malee, filannoon gidduun gaggeeffamu kun filannoo pirezidaantummaa waggaa lama booda gaggeeffamuuf haala mijataa uuma.
Kamisa galgala misaansa paartii Rippaabilikaanotaa kan tahan Tiraampi ragaan argamuu baatus filannoo bara 2020 sababa burjaajjiin uumameefan mo’ame jechuun dubbatan.
‘’Yeroo laman dorgome, yeroo lachuun mo’adhe,’’ isa duraa kan bara 2016 caalaayyuu isa lammaffaa kan bara 2020 irrattin sagalee caalmaa miliyoonotaan argadhe jedhan.
‘’Akkasiinan seenaa biyya kanaa keessatti pirezidaantii aangoo irra osoo jiruu sagalee guddaa argate jalqabaan tahe,’’ jedhan.
‘’Amma biyya keenya milkooftuu, naga qabeessaa fi kabajamtuu gochuuf irra deebiin nan dorgoma’’ jedhan.
‘’Yeroo dhiyootti,’’ jechuun deeggartoota isaan marsanii turanitti ‘’qophaa’aa’’ jechuun himan.
Seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantii aangoo irra jiranii sagalee caalmaa argatan jalqabaa tahuun sagalee miliyoona 72 argatanii ture, garuu Joo Baayidan sagalee miliyoona 81 argatanii isaan mo’achuun aangoo qabatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baayidan naannoo bulchiinsa Niw Meksiikoo fi Kaalifoorniyaa keessaa paartii isaaniif duula gaggeessaa turan.
Karoora duula filannoo bara 2024’f akkamiin qophaa’uu akka qaban irratti gorsitoota isaanii waliin wal arguun mari’achuuf jedhame.
Ammas carraan Tiraampi waliin morkachuuf qaban guddaadha.
Tiraampis karaa isaaniin yeroo sadaffaaf duula filannoo pirezidaantummaa gaggeessuuf akka jedhan ji’oota darbe irraa eegaluun dubbataa turan.
Bulchiinsa Peniselvaaniyaa keessattis ‘’irra deebiin dorgomuunkoo hin hafu,’’ jechuun dubbataniiru.
Gorsituun duraanii Tiraamp Keeliyaanii Koonwey, Kamisa darbe kana Waashingitan DCtti hogganaan ishee duraanii karoora filannoo pirezidaantummaa isaanii ilaalchisee ‘’yeroo dhiyootti karoora isaanii ifa godhu’’ jette.
Tiraampi yoo filannoo bara 2024 kan dorgomu tahe paartii isaa keessaa morkiin isa mudachuu hin hafu.
Paartii Rippaabilikaanotaa irraa namni isaan morkachuu danda’an tokko itti aanaa isaanii kan turan Maayik Peensii fi bulchaa Filooriidaa Roon DeSaantis jedhamanidha.












