Tapha Maansiitin, Maan Yunaayitidiifi Liivarpuul itti mo'aman, Arsenaal milkaa'efi kaan

Tapahattoota

Madda suuraa, BBC & Getty Images

Tapha piriimerliigii Ingilizii torbee torbaffaa kaleessa, Sanbata 30, 2023, gaggeeffameen taphoota gurguddootu taphatame.

Kanneen akkaan eegamaa turan keessaa kan Liivarpuulifi Tootanhaam waliif bahaniidha.

Liivarpuul tapahattoota lama: Kartis Joonsifi Diyaagoo Jootaa kaardii diimaan dhabee hanga sa'aatii dhumaatti 1-1 ta'anis sakandii dhumaatti Joo'el Maatip ofitti galchuun Tootanhaam 2-1 akka mo'atu taasise.

Galchiin Luwiis Diyaaz galche osoo jalaa haqamuu baatee carraan Liivarpuul wal-qixa ykn mo'atee bahuusaa bal'aa ture.

Leenjisaan Liivarpul Jargan Kiloop taphattoonni lama kaardiin diimaan bahuunsaanii murtee sirrii hin taanen akka ta'e dubbatan. Keessumaa galchiin Luwiis Diyaas oofsaayidii hin turre jechuun komatan.

Maanchestar Siitin bifa hin eegamneen Wolvisiin mo'ame. Kilabni Wolvis galchii Ruuban Diyaaz 1-0dhaan boqonnaa erga bahanii boqannaa bahan. Boqonnaa akka deebi'anii daqiiqaa 58irratti Juuliyaan Alvaareez Siitidhaaf lakkoofsisus mo'amuurraa hin hambisne.

Daqiiqaa 66irratti Hwaang Hee-Cheen galchii lakkoosiseen Wolvis 2-1n Maan Siitii mo'ate.

Taphni biraa Sanbata kaleessaa gaggeeffame kan Arsenaalfi Banimaawuz gidduutti taasifame yoo ta'u, Arsenaal 4-0 injifatee itti milkaa'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daqiiqaa 17ffatti galchii Bukaayoo Saakaatiin kan eegale Arsenaal Maartin Odigaard daqiiqaa 44tti Kaayi Havertz daqiqaa 53ffatti yoo galchan, taphni dhumuuf daqiiqaa dabalataatti Been Waayit galchii arfaffaa Arsenaalif galche.

Kaayi Havertz barana paawundii miliyeena 65 Cheelsirraa bitamee erga dhufee kaleessa galchii pirimerliigii jalqabaa Arsenaalif lakkoofsise.

Galchiiwwan arfan lakkoofsise keessaa lama rukuttaa adabbii yoo ta'e Maarti Odigaardifi Kaayi Havertz wal-duraa duuban kan lakkoofsise.

Keessumaa Kaayi Havertz galchiisaa jalaqabaa kana erga lakkoofsisee booda, "Kuni taphattoota akkamii akka qabnu agarsiisa" jechuun jajan Maayikil Arteettan.

Manchestar Yunaayitid ammoo milkiin waan irraa fagaatte fakkaata. Tapaha torba tapahateen kaleessa si'a arfaffaa mo'ame. Kiristaal Paalas wajjin taphatee 1-0 dhaan injifatame.

Leenisaan kilabichaa Erik ten Hag, "Deeggartoonni akka mo'annu akka nurraa eegan naaf gala. Garuu ni mo'amne. Kuni dhuguma nama yaaddessa, morkii keessa gallee walitti aansun mo'achuu qabna," jedhan.

Taphni biraa akkaan eegamaa ture Isteediyeemii Viillaa Paarkitti kan taphatame tapha Astonviilafi Biraayitan ture.

Xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suuton tapha tapha kana tilmaamun ni ulfaata jedhee ture. Garuu kan hin eegamne Astonviilaan galchii darzana walakkaa itti roobsee 6-1n Biraayitan mo'ate.

Galchii jaha keessaa sadi galchuun hatirikii kan hojjate taphataa saraa duraa kan ta'e Olee Waatkiinsidha.

Birayitaniif galchii tokkittii akka dhala kuruphee goolii keessa kan buuse Ansuu Faatii ture. Torban dhufu Biraayitan kan eeggatu Liivarpuul waan ta'eef itti cimuunsaa waan hin oolledha jedhama.

Amma Astonviilan Biraatitan wajjin qabxii 15 wal-qixa ta'anii galchiin caalun sadarkaa shanaffaarra jira.

Gama biraan ammoo taphoota darban lama walittaansun Maansiitifi Liivarpuulin kan injifatame Weestihaam Yunaayitid, kaleessa Sheefil Yunaayit 2-0n injifatee milkaa'era.

Maanchestar Siitin sanbata darbe bifa hin eegamneen kilaba Wolvisiin injifatamus qabxii 18 sassaabbatee Pirimerliigii Ingilizii dursaa jira.

Tootinhaamifi Arseenal galchiin wal-caalun qabxii 17 wal-qixa qabaachun lammaffaafi sadaffaarra jiru.