Waancaa Afrikaa bara 2025 fi 2027 Morookoo fi biyyootiin Afrikaa Bahaa ni keessummeessu

Madda suuraa, Getty Images
Morookon Waancaa Afrikaa (Africa Cup of Nations) kan bara 2025 akka keessummeessitu Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa beeksise.
Biyyoonni baha Afrikaa sadii: Keeniyaa, Yugaandafi Tanzaaniyaan ammoo wal-ta'uun Waancaa Afrikaa kan bara 2027 akka keessummeessaniis konfedereeshinichi ibseera.
Carraan Waancaa bara 2025 keessummeessu bara darbe Giiniirraa fuudhamee, amma Morookoof kennameera. Giinin carraa kana kan dhabde rakkoolee bu'uuraalee ijaarsan wal-qabatee ulaagaa hin guunne jedhamuuni.
Waancaa bara 2015 keessummeessuuf Zaambiyaan dorgomtee turte. Naayijeeriyaafi Beeninis waliin ta'uun dorgomanii turan.
Garuu biyyoonni kun Morookon carraa kanatti fayyadamtee Afrikaadhaf carraa Waancaa Addunyaa keessummeessuu akka argamsiiftuf jecha dorgommii keessaa bahaniiru.
Gama biraan ammoo Morookon biyyoota Awurooppaa keessaa Ispeenifi Porchugaal waliin ta'uun Waancaa Addunyaa kan bara 2030 keessummeessuuf dorgomaa jirti.
Pirezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa kan ta'an Paatiris Moseeppee, murteen kun kan darbe sadarkaa bu'uraaleen misoomaa ispoortiifi wantoota akka bakka turtiifi hospitaalaa biiyyootiin dorgoman dhiyeessan irratti hudaa'un akka ta'e himaniiru.
"[Dorgommii] bara 2025tiif maallaqni guddaan Morookoo irratti bahaa jira. Morookon Waancaa Addunyaa keessummeessuuf dorgommiin isheen taasiftu kan Morookoo qofa osoo hin taane, kan guutummaa Afrikaatifi," jedhan Paatris.
Keerniyaa, Yuugaandafi Tanzaaniyaan Waancaa Afrikaa bara 2027 qopheessuf filatamuunsaanii kun Kaawunsilii Waldaa Kubbaa Miilaa Bahaafi Giddi Galeessa Afrikaa (CECAFA) keessaa isaan jalqabaa taasiseeraani.
"Biyyoonni sadan kan walitti dhufan, ulaagan keenya baay'ee olaanaa waan ta'eefi," jedhan Paatiris.
Dabaluunis, "Yeroo tokko tokko [bajata] miliyeena dhibba heddu, yeroo kaan ammoo biliyeena, bu'uraalee misoomarratti barbaada. Yeroo kubbaan miilaa biyyootii walitti fidu arguun baay'ee na boonsa. Waancan Kubbaa Miilaa Afrikaa bara 2027 baay'ee kan milkaa'u ta'a" jechuun hawwii qaban ibsan.
Dorgommiin ittaanu Amajjii 13 hanga Guraandhala 11, 2024tti Ayivoori Koostitti kan gaggeeffamu yoo ta'u, carraan ammoo gaafa Onkoleessa 12 magaala Abijanitti bahuu eegala.












