Imalli waancaa Piriimer Liigii hanga ammaa maal akeeka?

Mohaammad Saalaa, Odeegaardii fi Poochetiinoo

Madda suuraa, Getty Images

Maanchister Siitiin taphattoota kudhaniin taphatee Nootiinghaamiin mo'ate. Roodriin kaardii dimaan dirree keessaa bahe. Taphoota jahan jalqabaa mo'achuun qabxii 18'n dursummaa isaa itti fufe.

Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee Maan Siitiin miidhamaan taphattoota akka Jaak Giriiliish, Keevin Debiruun, Maatiw Kovachich, akkasumas jijjiirraa ganna xumurameen ammoo Ikaay Gundohaan, Riyaad Mahareez, Ayemirik Laappoortii fi Kool Paalmer dhabe.

Kun garuu taphoota hanga ammaa taasisan mo'achuu irraa isaan hin dhaabne.

Bara dorgommii darbetti cimsee Maan Siitii kan morkate Arsenaal akka dur bare Darbii Landaniin hin injifanne.

Tootenhaam waliin dirree isaa irratti morkii taasise qixa 2 fi 2'n xumuran.

Kiristiyaan Roomeeroo karra isaa irratti lakkoofsisuun Arsenaal galchii jalqabaa argate. Bukaayoo Saakaa rukutta apeenaaliitii argamte galche.

Son gachii lama Tootenhaamiif lakkoofsise. Son erga Haarii Keen Baayern Munik galee dursaa taphattootaa tahe. Akkasumas bakka taphaa isaa sarara fuulduraa cinaa [winger] irraa gara jifataa duraa [striker] jijjiiramuun taphataa jira.

Tootenhaam leenjisaa isaa haaraa Poostegoglu jalatti fooyya'insa guddaa agarsiisaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaaffiin jiru karra eegaa Maayikil Arteettaan filatan irratti ture.

Aaroon Raamdsideel moo barana Bireentifoordi irraa kan mallattesisan Deevid Raayaa taha kan jedhudha. Raayaan tapha lammaffaa isaa kaleessa taphate.

Raayaan kubba cimaa taphataan Tootenhaam Bireenaan Joonsan rukute lama oolchuunis amantaa isarratti gatame mirkaneesseera.

Dogogorri Joorjiniyoon hojjete garuu Arsenaal akka qabxii sadii guutuu fudhatee hin baane taasiseera.

Deklaan Raayis miidhamee dirree keessaa bahuun Arsenaaliif oduu gaarii hin turre. Miidhamni isaa kun hangam dirree irraa isa fageessa kan jedhu ammatti hin baramne.

Oduu biraan Niwkaastil erga bara 1999 as yeroo jalqabaaf galchii guddaa jedhamu 8 fi 0'n mo'ate.

Bara 1999 ture Niwkaastil kilaba Sheefiildi Wenisdey galchii 8 fi 0'n mo'ate.

Dabalataan Niwkaastil seenaa Piriimer Liigii keessatti kilaba jalqabaa galchiiwwan saddeettan lakkaa'aman taphattootni adda addaa saddet lakkoofsisan tahe.

Sheefiildi Yuunaayitid erga akka kilabaatti hundaa'ee tapha 4988ffaa irratti yeroo jalqabaaf galchii hagas gahuun mo'ame.

Garuu bara 1933 Midilsibooroodhaan 10 fi 3'n mo'amaniiru.

Liiverpuul imala jabaa jalqabeera. West Haam waliin Anfiildi irratti morkiin taasise olaantummaa Liiverpuuliin xumurame.

Daarwin Nuunez fi Mohaammad Saalaan gahumsa guddaa agarsiisuun taphicha mo'ataniiru. Amma Liiverpuul tapha tokko qofa qixa bahuun qabxii 16'n Maan Siitiitti aanee jira.

Jalqabbiin isaabara kanaa gaarii kan hin taane Maanchister Yuunaayitid Barnilee mo'achuun qabxii sadii argateera.

Waggoota kudhan booda Maanchisteriif kan taphate Joonii Ivaansi kubba fageenyarraa Buruunoo Fernaandeziif dabarse, Buruunoon lakkoofsisuun 1 fi 0'n mo'atan.

Maanchisteriif haamilee gaarii kan kennu tahus, taphicha garuu caalamanii ture.

Cheelsiin kilaba baasii guddaa baasuun bara kana rikardii qabatedha. Erga abbaa qabeenyaa Tood Boohilii jala galee taphattoota ol adeemoo gatii qaaliin mallatteeise.

Kilebichi leenjisaa duraanii PSG fi Tootenhaam Maaroshiyoo Poochetiinoo qacarus ammayyuu qabxii gaarii argachuu hin dandeenye. Cheelsiin dirree isaa irratti 1 fi 0'n Astoon Viilaadhaan mo'ame.

Leenjisaan Aston Viilaa Unaay Imireen kun qabxii murteessaadha. Tapha Niwkaastil waliin taasifne irrattis gahumsa gaarii agarsiifnee ture.

Har'as itti fufuun qabxii argachuun keenya gaarii tahee ammallee waan fooyyessuu qabnu baay'ee qabna jedhan.

Maanchister Yuunaayitidiin 3 fi 1'n kan mo'ate Biraayitan ammas Barnimaawoziin 3 fi 1'n injifachuun sadarkaa sadaffaatti ol dhufe.

Bara kana gara liigichaatti kan makaman Luuton Taawon, Sheefildi Yuunaayitidii fi Barnileen taphoota jaha irraa qabxii tokko tokko qofa argatan.

Bara darbe xiqqumaaf liigicha keessatti kan hafe Everteen 3 fi 1'n Bireentifoordiin mo'ate.

Kilebichi abbaa qabeenyaa haaraa jala waan galeef jijjiirraa ji'a Amajjiitti banamuuf maallaqa gaarii argachuu mala.