Dursaan taphattoota Arsenaal Maartin Odegaard kontiraata waggaa shanii kilabicha waliin mallatteesse

Maartin Odegaard

Taphataan sarara gidduu lammii Noorway Maartin Odegaard Arsenaal waliin kontiraata waggaa shanii mallatteesse.

Taphataan umrii waggaa 24 kun Arsenaaliif taphoota 112 taphatee goolii 27 galchuun yeroo 15 ammoo kubbaa gooliif ta'u mijeesseera.

Taphataan Arsenaal keessatti gidduu taphachuun maqaa guddaa qabu kun Hagayya 2021 Maadiriid irraa paawondii miiliyoona 30n dhufe.

Arsenaal seenaasaa keessatti tapha Piriimer Liigii bara darbee keessatti ga'umsa olaanaa wayita agarsiisu ga'een Odegaardi guddaa ture.

Kilabiin kun bara darbe Piriimer Liigii keessatti Maanchistar Siitiitti aanuun lammaffaa ba'ee, dorgommii Chaampiyensi Liigii waggaa ja'aaf irraa fagaatee turetti deebi'uu danda'eera.

''Arsenaal waliin kontiraata haaraa mallatteessuun, sababoota heduduf, anaaf salphaa ture,'' jedhe Maartin Odegaard.

''Keessattuu akka gareetti hojiin amma hojjechaa jirru adda. Qaama garee kanaa ta'ee itti fufuun fedha kooti. Amma iddoon tasgabbiidhaan, akka mana kootti ilaalee, keessatti hojii koo hojjedhu argadheera.''

Garee biyyaalessaa isaa- Noorweyittis dursaa kan ta'ee fi hanga ammaa waancaa 53 kan nyaate Maartin Odegaard, Arsenaal waliin hanga bara taphaa 2027-28 turuuf walii galeera.

Odegaard bara kana tapha torba irratti goolii sadi Arsenaaliif galcheera.

Dorgommii akka Awurooppaatti maqaa guddaa qabu- tapha Chaampiyeni Liigii Roobii darbe PSV waliin taphachuun 4 fi 0 dhaan mo'atan irratti goolii akkaan jajamte kilabasaaf gumaacheera.

Kanaanis beekamtii argateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaa ''Maartin Odegaard Arsenaal waliin kontiraata waggaa dheeraa mallatteessuun kanneen kilabichaan hidhata qaban hundaaf oduu gammachiisaadha,'' jedhe.

''Dursaan keenya, kilabicha keessatti kabaja kan qabuu fi kilabichattis taphataa kabaja horeedha. Fakeenya taphattootaati. Dandeettii fi naamusa ogummaa qabu gara kilabichaatti fiduun ga'ee olaanaa gumaacheera,'' jechuun jaje Arteettaan.

Waggoota dhufan keessatti Maartin Odegaard waliin yeroo milkaa'inaa dabarsina jennee abdanna jedhe leenjisaan kun.

Bara 2015 kilabii biyya Norweey, Istoormisgoodset irraa kilaba biyya Ispeen Riyaal Maadiriid kan seene Maartin Odegaard, erga bara 2021 kontiraata waggaa afuriin Arsenaal seenee kilabicha keessatti fakkeenya ta'eera.

Odegaard kilaboota hanga ammaa taphateef keessaa Arsenaal bayayee akka jaal'atu hima.

''Guyyaan jalqaba Arsenaal seenerraan kilaba kana jaal'adhe. Amma ammoo mana koo ta'eera. Akkasittan hubadha,'' jechuun Arsenaal waliin turuuf carraa argachuutti gammachuusaa ibse.

Kilabii Arsenaal keessatti daarektarri ispoortiing Edu akkas jechuun Odegaard ibse.

''Maartin Odegaard umriinsaa ganaa waggaa 24. Waan hedduu hojjechuu danda'a. Waggoota ittaanan nama akkasii waliin hojjechuuf carraa argachuutti baayyee gammadna.''