Man Yunaayitid sababa kootti Baayer Muniikiin mo’ame – Onaanaa

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Shaampiyoons Liigii jalqabaa bara kanaarratti Maanchester Yunaayitid “sababa kootiin” Baayer Muniikiin mo’ame jedhe karra eegaan kilabichaa Andiree Onaanaa.
Tapha Jarman dirree Baayer Muniik irratti gaggeeffame kanaan dogogora karra eegan Maanchester Yunaayitd bara kana gatii qaalii ta’een Inter Miilaan irraa biteen Baayer Muniik dursa argate.
Osoo baayyee hin turiin goolii dogoggora Onaanaatiin argatanitti aansanii Baayer Muniik goolii lammaffaa galchanii ture.
Isaan booda Maanchester Yunaayitid naamusaafi gahumsa gaariin taphatanii goolii sadii lakkoofsisan.
Ta’us garuu Maanchester Yunaayitid mo’amuu jalaa hin oolle. Baayer Muniik taphataa lammii Ingiliiz Harii Keeniin gargaaramuun Aliyaanz Areenaa irratti 4-3n irra aaneera.
Maanchester Yunaayitid Harii Keeniin bituu dhiisuu isaatti kan gaabbu ammadha.
Maanchester Yunaayitd taphataa kana Tootenhaam irraa fudhachuuf dhoofsisaa turus dhumarratti Baayer Muniik harka galfatee, kunoo ittiin haara galfate.
“Kun eegaa jireenyuma karra eegaati,” jedhe Onaanaan tapha booda TNT Sport waliin turtii taasiseen.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Baayyee ulfaataadha. Haala gaariin jalqabnee turre. Dogogora ani raawwadheen booda taphicha to’achuu dadhabne,'' jedhe.
''Kun nuuf waan raakisaadha, keessumaa anaaf. Sababiin isaa ammoo gareen kun akka mo’amu kan taasise anadha.''
“Nuti kubbaa irratti baayyee gaarii turre, carraa uuman hin qaban ture. Yaalii goolii isaan taasisan jalqabaa dogoggora ani hojjedhe sana. Sababa dogoggoraatiin gareen kun mo’ameera. Kan nuti tapha kana mo’achuu dadhabneef sababa kootiifidha,” jechuun mo'amuu Maanchester Yunaayitidiif itti gaafatamummaa fudhate Aniree Onaanaa.
Taphataan sarara ittisaa duraanii Maanchester Yuniaayitid Riyoo Ferdinaand dogoggorri uumame Maanchester Yunaayitid gatii kaffalchiisuu isaa yaada Onaanaa waliin waliigala.
“Goolii dogogoraan itti gale snaaaf komatamuun isarra jira. Kubbaa laafaafi kallattiin dhufte waan taateef oolchuu qaba ture.”
Haata’u malee, rakkoon karra eegaa lammii Kaameruun kun sarara ittisaa Maanchester Yunaayitid laafaa ta'een duubaan rakkachaa jiraachuun isaas dagatamuu hin qabu.
Taphoota ja’a darban irratti gooliin 14 irratti lakkoofsimaniiru.
Dogoggorri Onannaan gatii baasiftus, karra eegaan kun tapha shaampiyoonaa Baayer Muniik waliin ture kanarratti kubbaa goolii ta’uu malu baayyees oolcheera.
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Erik ten Hag mo’amuu garee isaatiif Onaanaan qofi itti-gaafatamummaa fudhachuun sirrii miti jedhe.
Mo’amuu isaaniitiif akka gareetti itti gaafatramummaan jiraachuu qaba jedhe.
Miseensa garee keessaa taphataan tokko dogoggora yoo uume, gareen sun deebiyee tasgabbaa’uufi dandamachuu qaba jedhe Erik ten Hag.

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal mo'ichaan Shaampiyoons Liigiitti deebi'e
Arsenaal olaantummaa taphaafi gooliitiin PSV mo'ateera. Ze Gaaners gooliiwwan Saakaa, Tirosaard, G. Jeesus fi Odegaardiin 4-0n mo'ateera.
Arsenaal waggoota ja'aaf Shaampiyoons Liigiin ala ta'ee turee dharraatiin itti deebi'ee milkiin jalqabeera.
Goolii Bukaayoo Saakaa daqiiqaa saddet irratti lakkoofsiseen jalqaban. Saakaan ammas itti aansuun daqiiqaa 12 booda goolii Liyaandiroo Tiraard lakkoofsise keessaas gahee qaba.
Boqonnaa ba'uuf daqiiqaan torba yeroo hafutti Gabreel Jeesus goolii bareedaa lakkoofsiseen 3-0n boqonnaa bahan.
Shaampiyoons Liigii baranaa kanaan Arsenaal hangam deemuu danda'a kan jedhu ammaan tilmaamuun waan ariitii ta'ulleen, mo'annaan isaanii ammaa kun ajaa'iba jedhameeraaf.
Manajerri Arsenaal Mikeel Artettaa Darbii Landan Tootenhaam waliin qabaniif jecha taphattoota jajjaboo qaban dafanii jijjiiruun boqochiifataniiru.
Amma gaaffii Arteettaan deebisuu qabu waa'ee karra eegdota isaati. Aaroon Raamsideel moo Daavid Raayyaa filata? Eenyuun teessisa? Lamaanuu ga'umsa gaarii qabu.
Taphoota Shaampiyoons Liigii biroon
Riyaal Maadiriid Yuuniyeen Barliin waliin taphatee goolii tokkottii erga saatiin dhumee booda daqiiqaa gubateef dabalame keessatti taphataan dargaggeessi lammii Ingiliiz Beliingihaam lakkoofsiseen mo'ateera.
Juud Beliingihaam erga Riyaal Maadiriiditti makamee taphoota ja'a irratti goolii ja'a lakkoofiseera.
Tapha dirree Riyaal Maadiriid, Santiyaagoo Bernaabaa'u irratti gaggeeffameen, yeroo jalqabaaf Shaampiyoons Liigiirratti kan hirmaatan warri Barliin Yuuniyeen gooliin itti lakkoofsifamee daqiiqaa tokkittii hafte keessatti wanti godhan hin turre.
Taphoota Shaampiyoons Liigii Roobii galgalaa biroon: Galaatasaraay fi Kopenhaagen 2-2n, Seviilaa fi Leens 1-1n, Riyaal Soosidaad fi Inter miilan 1-1n walqixa yoo bahan, Red Buul Saalbarg Benefikaa 2-0n, Naapooliin ammoo Ispoorting Biraagaa 2-1n mo'ateera.












