Daawwanaa Ronaaldoon Iraanitti taasiseen deeggartoonni hedduun daandiitti bahan

Madda suuraa, Reuters
Taphataa beekamaa kubbaa miilaa lammii Poortuugaal, Kiristiyaanoo Ronaaldo doowwannaa Iraaniitti taasisee hordofuun deeggartoonni kubbaa miilaa isa simaachuuf daandii Tehraanitti ba’an. Kaan ammoo atoobisii isaa waliin fiigaa turan.
Taphataan sarara duraa kan umurii ganna 38 kun, kilabii Sawudii Al Nasir, kan Kibxata galgala kilabii Persepoolis waliin taphatan waliin achi deeme.
Deeggartoonni taphaata beekama kana dhiyeenyatti ilaaluuf jecha hoteela inni ture fulduratti walitti qabamaniiru.
Uffannaa kilabichaa mirmirsuun, dhorkiin waggotii torbaaf gartuulee Sawudii biyyatirraa dhorkee ture xumuramuu kabajaniiru.
Sababa hariiroo dippiloomasii Iraan biyyootii addunyaa waliin qabduun, kilaboonni bebbeekamoo addunyaa fi taphattoonni isaanii danuu biyyatti hin dawwatani.
Rakkoo daawwannaa akkanaa waliin dhufu gulaaluun hoggantoonni, ispoonsaroonni fi dhabbileen inshuraansii taphatoonni isaanii imala akkanaa akka taasisaniif eeyyamuu irraa of qusatu.
Erga bara 2016 as Al Nasir kilabii Sawudii yeroo jalqabaaf Iraaniin dawwateedha. Bara 2016’tti hidhattonni Iraan Basij jedhaman – kan qaama Islamic Revolutionary Guard Corps (IRGC) ta’an – imbaasii Saawudii magaalaa Tehran jiru haaleelani turani.
Sana booda, gartuuleen Saawudii Arabiyaa nageenya isaanif waan sodaataniif dorgommiiwwan idil addunyaaf Iraanitti imaluu didanii turani.
Waggootii torbaaf bakkeewwan biraatti erga taphachaa turanii booda, amma garuu Saawudii Arabiyaan dhorkii isaanii kaasuun Shaampiyoon Liigiii Kubbaa Miillaa Eeshiyaa (AFC) irratti hirmaachuuf murteessaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jijjiiramni gurguuddoon lama bara kana taasifame daawwannaan kun akka milkaa’u godheera. Jalqaba, Iraanii fi Sawuudiin walii galtee Chaayinaan qopheessiteen hariiroo dippiloomaasii isaanii haaromsaniiru. Lammaffaan, kilaboonni Saawudii liigii biyya keessaaf taphatoota bebbeekamoo addunyaa irratti invastii gochuu eegalani.
Shaampiyoon Liigii bara kanaaf, gartuuleen Iraanii fi Sawudii tapha kan taasisan dirree walii irratti akka ta’uuf waliigalteen taasifamuu isaa AFC beeksiseera.
Sana booda tapha jalqabaaf Al Nasiir fi Ronaaldoon kilabii Persepoolis waliin taphachuuf gara magaalaa Tehraan akka imalan beeksifame.
Suuraaleen yommuu deeggartoonni hoteela gartuchaa fulduratti walitti qabamanii fi atoobisii gartuchaa waliin fiigan mul’isaniiru.
Guyyaan tapha Shaampiyeensi Liigii AFC kan labsame ji’a tokko dura yoo ta’u, yeroo kanatti mootummaan Rippaablika Iraan oduu qalbii uummata rakkoolee gurguddoo irraa kaasuu danda’u kamuu ni simata.
Taphni kun kan gaggeeffameeru, waggaa tokkoffaa guyyaa du’a Mahsaa Amini – shamarree to’annoo poolisii safuu Iraan jalatti lubbuun ishee darbe- kan jeequmsa guddaa biyyattiitti kaase erga yaadatamee oole guyyaa lama qofa booda.
Gama biraan yeroo xiyyaarri Al Nasir magaalaa Tehran qubatu, xiyyaarri biraan kallattii faallaan imala jalqabee ture. Imaltoonni xiyyaaraa kanaa kan gara Dohaatti imalaa turan, lammilee US shan erga waligalteen jijjirraa hidhamtootaa Qataariin gaggeeffame taaasifamee, mana hidhaa Iraan keessatti wagga hedduuf erga turanii booda kan biyya isaanitti deebi’aa turanidha.
Ogeessotni Kubbaa Miillaa akka jedhanitti, lixa ardii Eeshiyaa keessatti waldorgommii gaarii qabaachuuf, kilabootni Saawudii morkattoota isaanii dursoo kana ta’an gartuulee Iraan waliin taphachuu qabu.
Ta’us, oduun gaarii kun dhorkii waliin dhufa: taphni Kibxata galgala taasifame istaadiyeemii cufaa ykn bakka deeggartoonni hin jirreetti kan taasifamedha.
AFC’n murtee kana kan taasise, bara 2020’tti kilabiin Persepoolis waan gartuu Indiyaa mufachiisu waan maxxanfaniif akka adabbiittidha.















