Yeroon jijjiirraa taphattootaa Saawdii goolabame, Liivarpuul furame

Madda suuraa, Reuters
Haala amma dura hin baratamneen liigota Awurooppaa gurguddoo shananiin alatti liigiin biyya biraa jijjiirraa taphattootaarratti hirmaannaa guddaa qofa osoo hin taane maallaqa dhiyeessuun kilboonni kaan akka baranaa kilaboota Saawdiin bir'achaa bahan.
Yeroon jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa liigiota biyya Saawdiin ho'e erga yeroon jijiirraa taphattootaa Awurooppaatti goolabamee torban tokko boodatti hafee Kamisa galgala, Fulbaana 7 2023 goolabame.
Kilabootni Saawdii, keessumaa ammoo kanneen harka Fandii Inverstimeentii Uummataa biyyattii galan afur tibba jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa eda goolabame irratti paawundii miiliyoona 700 baasuun taphattootaa maqaa gurguddaa qaban bitatataniiru.
Maallaqni kun ammoo akka dhaabbatni sochii maallaqaa Kubbaa miilaa xiinxalu Deloitte jedhutti, baasii Piriimiyeer Liigiin Ingilaand, Liigi waaniin Faransaayiifi Laaliigaan Ispeen tibba kana baasanitti aanee baasii isa guddaa ta'ee galmaa'era.
Yeroon jijjiirraa taphattootaa Awurooppaa erga goolabamee kan akka Liivarpuul taphataa isaa collee dhabuuf yaaddoon itti hammaatee hin turre.
Kilabni Saawdii Al-Ittihad Mohaammad Saalaa fudhachuuf maallaqni jalqabarratti dhiyeesse £150m kufaa godhamuu hordofee, torban kana keessa yeroo lammataaf maallaqa riikardii ta'e £215m dhiyeessee akka ture gabaafameera.
Marroo lammataan maallaqni riikardii kun kilaba ''Saalaan gurguramuuf hin jiru'' jedhee ciche Liveerpuuliif dhiyaatuufi dhiisuun hin mirkanoofne.
Leenjistootniifi hooggantooni kilaboota kubbaa miilaa Awurruuppaa maallaqa gurguddaa kilabootni Saawdii taphattootaa fi kilaboota ababbaluuf dhiyeessan akkasumas yeroon jijjiirra Saawdii kan Awurooppaan boodatti hafee goolabamuu isaarratti komii qaban ibsaa turan.
Liigii Ingiliz keessaa gara Saawdii eentyufaatu godaane?
Al-Ahli: Alaan Seent Maaksimiin Niiwkaastil irraa, Riyaad Mahireez Maanchister Siitiirraa, Eduwaard Meendii Maanchisteer Siitiirraa, Robeertoo Firmiinii Liivarpuulirraa.
Al-Ettifaq: Jordan Hendersan Liivarpuulirraa, Damaariyaa Gireey Eevertanirraa.
Al-Hilal: Ruben Naavaas Woolvisirraa, Kaaluudo Kulibaalii Chelsiirraa, Aleksaandar Miitriiviich Fuulham irraa.
Al-Ittihad: Nigooloo Kaantee Chelsiirraa, Faabiinihoo Liivarpuulirraa
Al-Nassr: Aymerik Laport Maanchistar Siitiirraa, Aleeksi Telles Manchistar Yunaayitiidirraa

Madda suuraa, AlHilal
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liigii Ingiliizin alatti ammoo Neeymaar gara Al-Hilal yoo imalu, kilabootni biroon ammoo taphattoota maqaa gurguddaa kannen akka injifataa Ballon d'Or Kariim Benzeemaa, Saadiyooo Maanee, dursaa taphattootaa Inteer Miilaan duraanii Maarseeloo Biroozoviich, taphataa sarara gidduu baarseloonaa Fraank Keesii, taphataa sarara gidduu Laazio Milikoovich Saavich fi kaan qooddataniiru.
Akka yaadame ta'uu didnaan malee liigiin Saawdii kun maallaqa riikardii addunyaan taphataa collee harka galfachuuf dhiyaatee ture.
Al-Hilal jifataa PSG Kiliyaan Imbaappee fudhachuuf jijjiirraa taphattootaaf maallaqa riikardii ta'e £259m dhiyeessee fudhatama dhabeera.
Deeggartoota Liivarpuul caala hanga yeron jijjiirraa taphattootaa liigii Saawdi akka goolabamu dhiphatee eegaa ture kan jiru hin fakkaatu.
Saa'aatii dhumaatti Saalaan maallaqa riikardii Al-Ittihad hiyeessuuf tole jedhaa yaaddoon jedhu guddaa ture.
Osoo akka yaaddahame ta'ee jiraatee Liivarpuul bakk Saalaa taphataa haaraa buufachuuf gabaa ji'oota afur booda deebi'ee banamu eeguuf dirqama ture.
Sanbattan irraa gabaasa baheen Saalaan waahillan isaaf Anfiild turuuf murteessuu isaa himuun hanga ta'e deeggartoota boqochiisee ture.
Bara 2017 Roomaa irraa gara Liivarpuul kan dhufe jifataan ganna 31 Mohaammad Saalaa erga bara 2018/19 taphataan Piriimiyeer Liigii keessa goolii hamma isaa galche hin jiru.
Gara Saawdii godaanuu taphattoota Awurooppaa duuba kan jiru, PIF maali?
PIF gabaajee dhaabbata Fandii Inveestimentii Ummataa Saawdii Arabiyaati.
Fandii kun dilbii maallaqaa quuddaadha jechuun ni danda'ama. Mirkanatti dubbachuuf Fandii kana keessa maallaqa paawundii biiliyoona 514 ta'utu kuufamee jira.
Fandiin ummataa kun Caamsaa darbe kilaboota liigii kubbaa miilaa biyyattii keessa jiran afur of jalattii akka bulchuu eegale ifa godhe.
Kilabootni kun kan urjii kubbaa miilaa addunyaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo hunda dursee mallatteessifate Al-Nassir, Al Itihaad, Al- Ahlii fi Al-Hilaalidha.












