Liigiin Sa'udii taphattootarratti 'maallaqa guddaa baasuurraa hin deebi'u'

Kiristiyaanoo Ronaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

Liigiin Sa'udii, Sa'udii Piroo Liig, bittaafi miindaa taphattootaarratti maallaqni guddaan baasaa jiru waan qabbanaa'u mitii jedhe ogeessi.

''Bajatni ramadame kan waggootaa dhufaniif gahu natti fakkaata, adeemsi kunimmoo waan qabbanaa'u natti hin fakkaatu'' jedhe ogeessi kubbaa miilaa lammii Biriteen kan ammoo Sa'udiitti boordii liigichaa ta'e, Piitar Hatan.

Sa'udii Piroo Liigii Amajjii darbe badhaasa Ballon d'Or yeroo shan kan Kiristiyaanoo Ronaaldoo Manchistar Yunaayitiid irraa erga fideen duuba, Kariim Benzeemaa fi morkataa isaa Saadiyoo Maanee dabalatee taphattootni kilaboota Awurooppaa hedduun gara Saawdii godaanan.

Hoji gaggeessaa Eurosport, ESPN, IMG & Facebook kan ture Hatan, ''Ispoortii keessa waggaa 40'f hojjedheera. Piroojektii guddaa akkasii, hawwii guddaa fi murannoo guddaa akkasii qabu argee hin beeku'' jechuun sochii Liigii Sa'udii ibsa.

''Oduun Sa'udii kun waan badaa miti'' kan jedhu ogeessi kun, maallaqni Sa'udiin bara bittaa taphattootaa ganna kanaarratti baastee ''addunyaarratti mataa oduu taate, maallaqa kilabootni piriimiyeer Liigii tibba jijjiirraa taphattootaa ganna kanaaf baasan keessaa nuusa qofa'' jedha.

Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa humnii maallaqaa kilaboota Sa'udii Piroo Liigii ''gabaa taphattoota kubbaa miilaa ni jijjiire'' yaada jedhu kenne. Kilabootni adeemsa kana akka ta'uti hubachuu qabus jedhe.

Leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloop gama isaan yeroon jijjiirraa taphattootaa Liigii Sa'udii kan Awauroopaarra torban sadiin barfatee kan goolabamu ta'uun ''yaachisaadha'' jechuun dubbate.

Liigichi jijjiirraa ganna kanaan hangam baase?

Pireezidantiin Baarseloonaa Huwaan Lapoortaa taphattootni gara Sa'udii imalaa kan jiran sababa kubbaa miilaaf mitii jechuun qeeqan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Taphataan tokko gara Sa'udii galuu yoo filatu sababa ispoortiin walqabatu qabatee miti, kabaja waliin. Ni beektu sababa biraatu jira kan dursi kennamuuf. Kubbaa miilaatu sababa dursa argachuu qaba.''

Akka marsariitiin baasii jijjiirraa taphattootaa hordofu, Transfermarkt, jedhutti kilabootni Sa'udii Piroo Liig tibba jijjiirraa gannaa hanga ammaa jiruun jijjiirraa taphattootaaf yuuroo miiliyoona 409 baasaniiru.

Kun ammoo seenaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti baasii isa olaanaa sadarkaa shanaffaarratti eeramu ta'eera. Riikardii Laa Liigaa Ispeen kan yuuroo miiliyoona 254 tureen oliidha.

Baasiin riikardii addunyaa harka Piriimiyeer Liigii kan jiru yeroo ta'u, innis yuuroo biiliyoona 1.37 dha.

Fandiin Investimeentii Uummataa Sa'udii kilaboota gurguddoo of jalatti galchuufi Fandichi dilbii maallaqaa guddaa ta'uun liigiiwwan jajjaboo addunyaa maqaa guddaa qabanitti yaaddoo hangamii uuma jedhamee gaaffii dhiyaateef Hatan salphaa akka hin taane dubbata.

''Inveestimeentiin Saawdii kun olaanaadha. Saffisa akkaan olaanadha.''

''Kana jechuun fuula duratti Awurooppaan kubbaa miilan jabina qabduun itti hin fuftu jechuu miti. Kuni waan badaa miti. Addunyaa maratti kubbaan miilaa jabaachaa deemuun gaariidha'' jedhe.

Dhimma sarbama mirgaa Ispoortiin haguuguu

Sa'udiin yeroo dhiyoo as inveetimeentii guddaa ispoortiirratti gaggeessaa jirtuun walqabatee komiin, Ispoortiin maqaa gaarii hin taane qabinsa mirgaa irratti qabdu haguuguuf yaalaa jirtii jedhu ni dhagaahama.

Kana keessaa tokko mirga dubartootaan walqabatee dhorkaalee kaahamaniidha.

Hutton garuu amma gama kanaan jijjiramne dhufaa akka jir ragaa waliin kaaha.

Jijjiiramni gama kanaan jiru hawaasa dubartootaa keessatti dammaqina fidaa jira jedha.

''Ammaan tana shamarran manneen barnootaa 50,000 ta'an kubbaa miilaa taphachaa jiru. leenjistootni dubaraa 1,000 ta'an biyyattii keessa jiru. Bara 2018 leenjistootni beekamtii argatan 750. Amma 5,500.''

Sochiin kubbaa miilaa amma Sa'udii keessa jiru jijjiirraa taphattoota qaalii fi miindaa isaanii qofa osoo hin taane, bu'urri misoma ispoortii kan dhiiraaf dubaraa gama hundaan bal'achaa jiraachuu isaatis jedha.

Kilaboota bu'uura deeggartootaa qaban

Ammaan sochii SPL, suppar Liigii Chaayinaa yeroo tokko baasii guddaa baasuun maqaan isaa ka'ee amma qabanaa'een wal bira qabamaa jira.

Hutton garuu kilabootni SPL, buu'uura deggarsaa jabaa qabuu jedha.

''Liigiin Sa'udii seenaa waggaa 50 of duubaa qaba. Kilabootni jajjaboon bu'uura deeggartoota jajjaboo qabu. Kanaaf kun dorgommii guddaa gara sadarkaa olaanuutti guddisuudha. Faallaa waan haraa tokko ijaaruuti.''

Kiiliyaan Imbaappeef gaaffiin dhiyaateefi Ruuben Navaas mallatteessisuunis kaayyoon piroojektii warra Sa'udii taphattoota dulloomoo fiduu qofa akka hin taane agarsisa jedha ogeessii miseensa boordii Liigichaa ta'e kun.

''Kilabootni Sa'udii bu'uura deeggartootaa qabu, akkuma Cheelsiitti, Maanchistar Siitiitti taphataan haaraan dhufu deeggartootni gammaadan, deeggartootni kilaboota kanaas ni gammadu wanta addaa miti'' jedha.

Mootummaan Sa'udii Inveestimeentii Ispoortii kana keessatti hirmaachuun isaa wixinii guddina damee akkaadamii ispoortii, liigii warra dhiiraa, kan warra dubaraafi federeeshinii kubbaa miilaa walitti fidu tokko lafa kaahufis gargaara jedhe amana.

Liigichi yoom bu'aa argachuu eegala?

Kilabootni Sa'udii amma maallaqa hedduu baasaa jiran yoom baasiin isaanii bu'aatti jijjiirama gaaffiin jedhus ni ka'a.

Hatan, waggoota sagaliifi 10 keessatti kilabootni liigichaa bu'aa buufachuu akka danda'an tilmaamni kaahameera jedha.

''Fooyya'insa waggaa waggaan jiru ilaaluun gaariidha. Gatiin tikkeetaa dabalaa jira, galiin tv irraa argamu dabalaa jira, ispoonsarummaan dabala jira. Kuni maaliif akka gadi deeb'uu danda'u hin beeku.''

Ogeessi kun Ronaaldoon Amajjii keessa Al-Nasiiriif erga mallatteessee biroodkaastarootni(tamsaastotni) idila-addunyaa xiyyeeffannoo kennaniif.

Bara darbe erga Ronaaldoon mallatteessee biyyoota 170 keessatti daawwatamneerra jedha.

Bara dorgommii dhufutti UK keessattis liigichi daawwatamuuf biroodkastaroota waliin waliigalteen raawwatamuu akka danda'u abdata.