Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muddamni Gaanfa Afrikaatti dhalate gara wal waraanuutti geessaa?
Muddamni cimaan Gaanfa Afrikaa keessatti mudate sababoota waldhabdee walirra dhufan lamaafidha: Inni tokko Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu kan jiru yoo ta’u, inni biraan ammoo Itoophiyaafi Masirii gidduu kan jirudha.
Dhiyeenya kana dubbii aanga’oonni Somaaliyaafi Itoophiyaa walitti deebisan cimaa dhufeera. Kun ammoo walitti bu’iinsa kallattiin ykn karaa biraatiin gaggeeffamu kaasa soda jedhu uumeera.
Akkas taanaan humnoota Masiriifi Itoophiyaa Somaaliyaa keessa buufatan gidduutti walitti bu’insi kallattiin akka jiraatu gochuu keessatti carraa olaanaa qabaata jedhamee sodaatama.
Haata’u malee, iyyanni Somaaliyaan Fulbaana 16 IGAD akka gidduu seenee araarsu dhiyeeffatte ejjennoon ishee laafaa dhufuun mallattoo agarsiisudha.
Dubbiin kun akkamiin as gahe?
Hagayya 16 galgala xiyyaarri Masirii qondaalota wraanaafi meeshaa waraanaa fe’an lama Moqaadishoo qubatan.
Torbeema sana keessa, marsariitiin Somaalii walabaa tokko loltoonni Masirii 1,000 ta’an Somaaliyaa keessatti boba’uufi biyyoonni lamaan Fulbaana keessa shaakala waraanaa waloo karoorfachuu gabaase.
Fulbaana 12 ammoo ministirri alaa Somaaliyaa humnoonni Masirii babbaafamuu, yoo bobbaafaman ammoo eessatti akka ta’e mootummaan hin murteessiin jira jedhe. Dubbiin kun garuu Itoophiyaa keessatti akka dhimma laaftuutti hin ilaalamne.
Kana malees, Masiriin biyya Itoophiyaa waliin hariiroon ishee laaffatee jiru Ertiraa waliinis wal tumsuuf socho’uu eegalte.
Kun hundi dhimmoonni wal gaarerfannaaf sababa ta’an biroo osoo jiranii kan dhufedha: Amajji keessa, Itoophiyaan waliigaltee walhubannoo haala ulaa galaanaafi buufata humna galaanaa Galoo Adeen irratti argachuu ishee dandeessisu Somaalilaand waliin wal mallatteessite.
Deebii kanaaf ammoo Itoophiyaan kan akka biyya of dadeesseetti of ilaaltu Somaalilandiif akka biyya wallaba taateetti beekamtii kennitiif.
Erga bara 2018 gara aangootti dhufanii dhimmi ulaa galaanaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiif dhimma angafa ta’edha.
Akkuma gara aangootti dhufaniin wagga tokko booda “humnoota galaanaa keenya” kan yeroo Ertiraan fottoqxutti diigameefi Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa itti dhabde deebisanii hundeessan.
Akkasumas, MM Abiy wal dhibdee Ertiraa waliin ture furuun Somaaliyaafi Ertiraa waliin michummaa “dinagdee qaxanaan wal ta’uu” idilee hin taane hundeessan. Akkas godhaniis garuu ulaa galaanaa daldalaafis ta’u humna waraanaaf oolu argachuu hin dandeenye ture.
Onkoloolessa 11, 2023, MM Abiy ulaa Galaana Diimaa argachuun “ Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti” jechuun paarlaamaarratti dubbatan. Kanaaf, biyyattiin karaa ittiin argattu tokko barbaaduun ala “filannoo hin qabdu” jedhan.
Miidiyaaleen biyya keessaas hanga gaafa waliigaltee ulaa galaanaa Somaaliland waliin wal mallatteessaniitti dhimma kana walitti fufinsaan kaasaa tura.
Kan ammoo Somaalilaandiin naannolee biyyashee keessaa tokko akka taateetti kan ilaaltu Somaaliyaan, biyya waggoota dheeraatiif dhimma Hidha Haaromsa Laga Abbayyaarratti Itoophiyaa waliin waldhibdee keessa jirtu Masirii waliin waliigaltee humna waraanaan akka wal tumsuu mallatteessitu godhe.
Kana malees Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa kumaan lakkaa’aman bara 2006 irraa kaasee al-Shabaab loluurratti ishee gargaaraa turan akka baastu dhaadatte.
Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa biyyasheetii baasuun humnoota Masirii ergama nageenyaa Gamtaa Afrikaa (AU) haaraa jalatti bakka buusuuf akka jirtu dubbatte.
Masiriin ammoo wal dhibdee dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaaratti qabdurraa ka’uun Itoophiyaarratti dhiibbaa gochuuf loltoota kumaan lakkaa’aman Somaaliyaatti erguu dandeessi yaaddoon jedhu jira.
Itoophiyaan ammoo Masiriin loltootashee yoo kan bobbaastu ta’e loltoota kumaan lakkaa’aman Somaaliyaa keessa akka tursiiftu dhaadatteetti.
Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa ammoo waliigaltee Masirii waliin galuushee ilaalchisee keessoo isaatti qoqqoodamuun isa mudachaa jira.
Humnoonni Itoophiyaa garri caalan bakkeewwan to’annoo Somaaliyaatiin ala ta’an naannolee akka Lixa-kibba Gedoo, Baay fi Bakool keessatti nageenya kabachiisu.
Naannolee Somaaliyaa lama kan of jalatti bulchu mootummaan naannoo Lixa Kibbaa humnoota Itoophiyaa waliin hojjechuu itti fufuu akka fedhu irra deddeebiin himeera.
Naannoon haga tokko wallaba (semiautonomous) taate Puntilaand akkuma kana Masiriin wal dhibdee Itoophiyaa waliin qabduuf [Somaaliyaa] fayyadamuu barbaaddi jechuun himatti.
Mootummaan Somaaliyaa ammoo rakkooleen kanneen furuudhaaf kan fuudhee kan dhiisu wallaalee burjaaja’aa jira.
Fulbaana 11 Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baarree magaalaaguddoo naannoo Lixa Kibbaa, Baayidawaa deemuun bulchaa naannichaa Badiihaaziiz Hasan Mohaammed waliin wal dhibdee uumame tasgabbeessuuf yaalaa ture.
Walitti bu’insi dhalachuu danda’aa?
Itoophiyaan naannolee Somaaliyaa giddu-galeessaafi kibba-lixaa keessaa loltoota 8,000 hanga 10,000 qabdi. Loltoonni 3,000 ta’an Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (Atmis) jalatti kan hojjetan yoo ta’u, kanneen hafan ammoo waliigaltee biyyoota lamaanii osoo wal dhibdeen hin uumamiin mallatteessaniin hojjetu.
Sabaa-himaaleen mootummaa biyyooota lamaanii tokko isa kaanirratti jechoota jajjaboo dubbachaa kan jiran yoo ta’u, waraana bara 1977 gidduu isaanii ture kaasuun wal himachuun dabaleera. Dubbiifi tarkaanfii isheerraa akka mul’atutti Itoophiyaan garuu aartee jirti.
Xiyyaaronni Masirii Somaalee keessatti argamuu gabaasa dhaga’ame hordofee, Itoophiyaan biyyi ollaashee kun humnoota fedhii biyyaalessaashee “yaaddoo keessa galchu” keessummeessuurraa akka of qusatti cimsitee akeekkachiifteetti.
Humnoonni Masirii argamuun “balaa qaba” qaba jechuun ifatti akeekkachiifteetti Itoophiyaan.
Miidiyaaleen Itoophiyaas Hagayya 28 biyyattiin waraanashee gara naannoo Somaalee kan gama bahaan ollaa Somaaliyaa ta'etti butuufi buufata xiyyaaraa haaraa hundeessuuf akka jettu gabaasaniiru.
Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiranis buufataaleen xiyyaaraa Somaaliyaa naannoo Geedoo keessa jiran hunda ta'ataniiru.
Itoophiyaan yoo Masiriin humnootashee Somaaliyaatti kan bobbaastu taate loltootashee "beekamtii ykn beekamtii Moqaadishoo ykn AU malee" Somaaliyaa keessa akka tursiiftu himtee waan turteef kun Somaaliyaaf yaaddoo ta'uun isaa hin oolle.
Aanga'oonni Itoophiyaas gocha Somaaliyaa fi Masirii ilaalchisuun dubbii jajjabduu dubbataniiru. Ministirri Muummee Abiy dubbii Hagayya 8 dubbataniin kaamni Itoophiyaa tuquudhaaf yaadu kamiyyu "si'a kudhan irra deebiyee yaaduu qaba" jedhan.
Fulbaana 5, Ajajaan humnoota waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbii humna waraanaa Ajaja Bahaa kan bara 1977 yeroo Somaaliyaa waliin wal waraanan kan hundeeffameetiif haasaa taasisaniin, humni waraanaa biyya isaanii haleellaa "humnoota fedhii babal'achuu qaban" irraa itti dhufu kamiifiyyu deebii kennuuf qophiidha jechuun akeekkachiisan.
Sagaleen Fulbaana 9 oonlaayin TV dhuunfaa Itoophiyaa tokkoon dhoksaan baherraa akka dhaga'ametti, Fiild Maarshaal Birhaanuun Masirii akka "diina durii" Itoophiyaa taatetti ibsuun Kaayiroon finciltoota biyya isaanii deeggarti jechuun himatan.
Kana malees, Itoophiyaan dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni-maree Nageenyaa (UNSC) "Masiriin irra deddeebiin tarkaanfii humnaa akka fudhattu irra deddeebiin dhaadachuushee akka hubatu" ifatti gaafatteetti.
Itoophiyaan kana kan gaafatte, deebii Masiriin dhiyeenya Laga Abbayyaa ilaalchisee "fedhii ummata biyyashee kabachiisuuf qophii ta'uu" akeekachiifteefidha.
Carraaqqiiwwan araara buusuu hojjechaa jiruu?
Fulbaana 16, Somaaliyaan IGAD gidduu seenuun akka araarsu gaafatte. Kun ammoo Moqaadishoon ejjennoo duraan qabatte laaffisaa dhufuusheetiif mallattoo agarsiisudha.
Tarkiin muddama biyyoota lamaan jiru akka tasgabbaa'uuf walitti isaan fiduuf yaalteetti.
Haata'u malee, mariin nagaa buusuu Hagayya 13 marsaa lamaffaaf gaggeeffame waliigaltee malee xumuramnaan Somaaliyaan guyyaa tokko booda Masirii waliin waliigaltee waraanaa mallatteessite. Pirezidantiin Tarkii Taayip Erdohaan Hagayya 10 hoggantoota biyyoota lamaanii waamuun waliin dubbatanis hin milkaa'in hafe.
Waliigalteen waraanaa Somaaliyaan Masirii waliin taasifte marii nagaa gufachiisuun Itoophiyaa baayyee aarse.
Mariin marsaa sadaffaa Fulbaana 17 irratti qabamee tures yeroo biraatti darbeera. Somaaliyaan ammoo duraan Itoophiyaa dura dhaabbachuuf deeggarsa Tarkii kajeelaa turteetti.
Somaaliyaan waliigaltee humna ittisa waraanaa bal'aa humna galaanaa leenjisuufi deebisanii ijaaruu, akkasumas hanga humni galaanaashee hojii jalqabutti daangaa bishaan Somaaliyaa eeguu Guraandhala keessa mallatteessitee turte.
Haata'u malee, Itoophiyaa waliinis hariiroo gaarii kan qabdu Tarkiin biyyoonni wal dhibdee qaban mariin akka furaniif dhuubbaa gochaa turte.
Somaaliyaan mariin ture sababa biyyoonni lamaan bu'uura irraa kaasee waliif hin galleef fashalaa'eera jette. Somaaliyaan akka Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin taasite akka dhiistu barbaaddi. Isaan booda Itoophiyaan akka seera idil-addunyaatti ulaa galaanaa Somaaliyaa argachuuf walii galuun ni danda'ama jette.
Itoophiyaan ammoo waliigalteen kamiyyu bu'aawwan waliigaltee Somaallaand waliin taasifte kan argamsiisu ta'uu isaa mirkaneeffachuu barbaaddi.
Tarkiin mariin akka gaggeeffamu dhiibbaa gochuu kan itti fuftu yoo ta'u, hariiroon dhieenya kana isheen Masirii waliin taasiftu ammoo haala jiru tasgabbeessuu akka dandeessu ishee gargaara ta'a.
Jibutiinis ulaa Itoophiyaf dhiyeessuu malti. Biyyi Gaanfa Afrikaa bicuu taate kun dhiyeenya kana Ulaa Galaanaashee Taajuraa, kan fedhii daldala Itoophiyaa ni gargaara jette "waloon hoggannee" itti haa fayyadamtu jechuun dhiyeessiteef ture.
Itoophiyaan daldala alaa galchituufi alatti ergituuf %95 ulaa galaanaa Jibutiirratti hirkatti. Kanaaf, waliigaltee Somaalilandiin Jibutiin waliigaltee fayyadama galaanaa Itoophiyaarraa argattu ni dhabdi.
Carraaqqiin waloo michoota qaxanaa sanaafi addunyaa walitti dhufuun muddamni kun hammaatee gara wal waraanuutti akka hin geessine dhiibbaa gochuu danda'a ta'a.