Buufata Taajuraa Jibuutiin Itoophiyaaf dhiheessite irratti gaaffiiwwan ijoo ka'an

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Itoophiyaan hanga yoonaa ifatti affeerraa Jibuutiin buufatawwan doonii qabdu keessaa Taajuraa akka bulchitu dhiheessiteerratti homaa hin dubbanne.

Itoophiyaafi bulchiinsa Somaalilaand kan daangeessitu Jibuutiin filmaatni isheen dhiheessite yeroo muddamni Gaanfa Afrikaatti hammaate itti fufettidha.

Biyya ummata hedduu qabaattee ulaa galaanaa dhabde kan taate Itoophiyaan ammallee 90% ol buufata doonii Jibuutiin dhimma baati.

Jibuutii qofarratti xiyyeeffachuun immoo amansiisaa akka hin taane Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dubbataniiru.

Karra galaanaa barbaacha waliigalteen ulaa galaanaa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin taasiste immoo Gaanfa Afrikaatti muddama uumeera.

Biyya xiqqoo garuu bakki teessuma ishee gatii guddaa kan itti hore Jibuutiin, buufata doonii qabduun jiraatti. Kanaan ala lafti gammoojjiidha.

Buufata doonii dabalataa Ertiraas, Somaaliyaas, Jibuutis, kaanis kan gaafataa turte Itoophiyaan maaliif callifte?

Filmaata Jibuutiin dhiheessiteerratti wantoota ijoo ka’an waliin ilaalla.

Jibuutiin ejjennoo jijjiiraa jirtii?

Dhimma buufata doonii Itoophiyaan akka bulchitu akka filmaatatti dhiheessuu jalqaba kan dubbatan Ministira Dhimma Alaa Jibuutii Maahimmud Ali Yuusuf dha.

Itoophiyaan buufata doonii akka argattuuf buufata Taajuraa ''guutummaan guututti akka bulchitu'' yaada dhiheessuu ishee addatti sagantaa BBC Focus on Africa’f dubbatani.

‘’Bulchiinsa buufata [Taajuraa] 100%’’ dhiheessuu dubbatan. Dhimma kanas Pirezidantiin biyyattii Ismaa'il Omaar Geelee aangawoota Itoophiyaaf dhiheessuu himan.

Muddamni biyyoota ollaa jiru akka ishee yaaddessu kan himte Jibuutiin, ‘filmaata’ isheen dhiheessiteerratti ammatti gama Itoophiyaa fedhiin jiru hin baramne.

Haa ta’u malee, booda kana miidiyaaleef ibsa kan kennan Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii Maahimud Ali Yuusuf yaada biraa fakkaatu dubbatani.

AFP’n akka gabaasetti, mootummaan isaanii buufata doonii Taajuraa Itoophiyaa waliin waloon hoogganuuf yaada dhiheessuu himan.

Guutummaan guututti dabarsuuf yaada hin qabnu jedhan.

‘’Wanti Itoophiyaaf dhiheessine buufata doonii Taajuraa gurguruu miti. Gaaffiin buufaticha dabarsanii kennuu yookiin gurguruu hin turre,’’ jechuun dubbatan.

‘’Waliin [buufaticha] hoogganna,’’ jechuun miidiyaatti dubbatan. Dubbiin kuni dubbii jalqaba taasisanirraa faallaadha.

Itoophiyaan maa callifte?

Itoophiyaan kana duras Jibuutis ta’e Somaaliyaa, darbees Ertiraafi kaanitti buufata doonii bal’ifachuu barbaadaa turte.

Kunis ta’u, Itoophiyaan affeerraa Jibuutii booda ifatti waan dubbatte hin qabdu. Garuu, fudhachuu dandeessii?

Aakka aangawaan Jibuutii Maahimmud Ali Yuusuf jedhanitti aangawoota Itoophiyaarraa deebii qajeelaa dhagahaniiru.

‘’Deebiin arganne gaariidha. Dhimma teknikaa ilaalaa jiru. Guyyootaa yookiin torban muraasa keessa deebinee waliin teenyee,’’ mari’anna jechuun VoA’tti dubbatan.

Waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin seente Itoophiyaan akka adda kuttu Somaaliyaan gaafattus tole jechuu hin feene.

Muddama kan seente Itoophiyaan affeerraa Jibuutii kana fudhachuu dandeessii?

Dhimma Gaanfa Afrikaa kan xinxalan Nagaraa Guddataa ‘’Itoophiyaan fudhachuu dandeessi’’ jedhu.

Sababa fudhachuu dandeessuuf yoo ibsan ‘’Buufata sana fayyadamaa waan jirtuuf bulchiinsasaa fudhachuu dandeessi.

''Rakkinoota biirookiraasii waliin walqabatan Itoophiyaaf salphisuu danda’a.’’

Buufata doonii Taajuraa dolaara miiliyoona 90’n ijaarame Itoophiyaan waggaa afur dura eegale fayyadamuu akka eegalte Tajaajilli Geejjiba Bishaanirraafi Loojistikii Jibuutii yeroos ibsee ture.

Jibuutiin waliin hoogganna jechuu ishee dura xinxalaan BBC’n dubbise kuni, ‘’Buufanni baay’ee akka Itoophiyaa barbaachisu qorannoo baay’eetiin dhugoomeera,’’ jedhan.

Itoophiyaan yoo waliigalti ta’ellee wantooti xiyyeeffannoo guddaa barbaadu jira jedhu.

‘’Tokkoffaa bulchiinsa isaafi waliigaltee isaati’’ jechuun ibsu.

Bara 2018 mootummaan Jibuutiifi dhaabbanni UAE, DP World jedhamu bulchiinsa Tarminaala Konteenara Doraaleh irratti waldhabaniiru.

Dhimmichi mana murtii gahee waggootaaf falmii kaasaa ture. Dhaabbati UAE biyya baay’eetti buufata doonii misoomsa.

Eega aangawoota Jibuutii waliin waldhaban booda achii bahanii Somaalilaand seenuun buufata doonii Barbaraa misoomsuu isaanii xinxalaan kuni himu.

Rakkoon kuni Itoophiyaa waliin deebi’ee akka hin dhalanne ‘’of eeggannoo cimaa gochuun baay’ee barbaachisaadha,’’ jedhu.

Itoophiyaan durumaa daandii lafoofi baaburaan mi’a gama buufata Jibuutii seenu galchuuf ijaarteetti.

Ta’us ‘’Yeroo baay’ee garaagarummaa garagaraatu uumama’’ jedhu Nagaraan.

‘’Angawoonni mootummaa Itoophiyaa federaalaa, ministeerri Faayinaansii, Daldalaa, walitti hidhamiinsa naannoo, torbee lama lamaan Jibuutitti kan marmaaraniif rakkoon garagaraa waan dhalatuufi.’’

Ammatti dhimma Jibuutiin dhiheessiteerratti gama Itoophiyaa dubbachuu sababa callisaniif hin baramne. Bulchiinsi Somaalilaandis homaa hin dubbanne.

Amma maalif?

Mootummaan Itoophiyaa waggootaaf filmaata garagaraa barbaadaa akka ture ibseera.

Dubbiin Jibuutiis yerootti Masriin Somaaliyaa waliin hariiroo cimsattee gara Moqadiishoo meeshaa waraana ergitetti dhagahame.

Gama diinagdee Itoophiyaa waliin hariiroo jabaa kan qabdu Jibuutiin galiin ishee ijoo buufata doonii akka ta’e ifa.

JIbuutiidhaa yaadi dhihaate waan lamaaf ta’u danda’a jedhanii yaadu Nagaraan. Tokko dinagdee kan lammataa immoo siyaasadha.

‘’Itoophiyaan buufata Somaalilaand irraa [yoo] argatte gibirri Itoophiyaan Jibuutiidhaaf kanfaltu hin hir’ata. Sunimmoo dinagdee biyyattii [kan Jibuutii] akka malee miidhuu danda’a.

‘’Itoophiyaan gara dolaara biiliyoona lamaati port fee [kiraa buufata doonii]’dhaaf kan kaffaltu.

''Sanaan alammoo wantoonni garagaraa bishaan, elektirikiin kuni Itoophiyaadhaati kan geeffamanif.

‘’Itoophiyaan gara Somaalilaanditti gaafa deebitu suni gama dinagdee Jibuutii ni miidha’’ jedhu.

Ministirri Dhimma Alaa Jibuutis dinagdeen biyya isaanii daldala idil-addunyaafi indastirii tajaajila dooniirra akka bu’ureeffateefi Itoophiyaa ofitti qabachuun ‘’barbaachisaa’’ ta’u eeraniiru.

Xiinxalaan BBC’n dubbise akka jedhanitti inni lammaffaa immoo Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uf kanneen dorgomaa jiran keessaa tokko Ministira Dhimma Alaa Jibuutiidha.

Jibuutiin kaadhimamaan isaanii ‘’wanta kana akka carraatti fayyadamee gahee inni gara fuulduraatti naannichaafis ta’e Afrikaaf gumaachu agarsiisuu waan barbaadan natti fakkaata,’’ jedhan.

Jibuutiin ‘’akka nama nagaa buusu tokkotti socho'uu ni barbaaddi.’’

Muddama tasgabbeessaa?

Filmaati Jibuutiin dhiheessite hariiroo jabaa waggoota dheeraaf Itoophiyaafi Somaaliyaa giddu ture bakkatti deebisuuf akka ta'e ibsiteetti.

Itoophiyaan ulaa galaanaa barbaacha akkasumas humna galaanaa ishee cimsachuuf waliigalteen tolfatte Somaaliyaa waliin akka ishee buusetti jira.

Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii turtii BBC waliin taasisaniin biyyoonni muddama seenan lamaan garaagartee gidduu isaanii jiru dhiphisuu qabu jedhaniiru.

Jibuutii, Keeniyaa fi biyyoonni naannichaa kaan waltajjii marii tolchuun gumaacha taasisuu akka danda’anis eeraniiru.

Muddamni biyyoota lamaanii naannicha yaaddoorra akka buusus dubbatan.

Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii yeroo ammaa suluula Edaniifi Baab El Mandabitti hidhattoota Huutirraa haleellaan nurratti raawwataa jira jedhaniiru.

Jibuutiin biyya tasgabbooftes taatu muddamni biyya ollaa jiru biyya isaaniifis yaaddoo guddaa ta’u ibsaniiru.

Mufii Itoophiyaarraa kan ka’e Somaaliyaan biyyoota itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabneetti michoomteetti.

Masrii waliin waliigaltee waraanaa erga mallatteessiteen booda xiyyaaronni waraanaa Masrii Moqadiishoo qubachuu isaan Itoophiyaafi Somaalilaand yaaddoo ibsaniiru.

Humna Gamtaa Afrikaa waggaa dhufu Somaaliyaatti nagaa kabachiisu keessa seenus akka feetu Masriin ibsiteetti.

Carraaqqiin Jibuutii akkuma jedhame muddama tasgabbeessuu danda’aa?

Nagaraan shakkii qabu. ‘’Muddama sana ni hir’isa jedhee hin yaadu,’’ jechuun BBC’tti himan.

‘’Muddamni kan xiqqaatu Itoophiyaan waliigaltee sana yoo haqxedha,’’ jedhu. ''Yeroo gabaabaa keessatti ni tasgabbeessa jedhee hin yaadu.''

Ta’us, ‘’Qaama baay’ee harkisaa harkisaa waan deemuf amma kanatti muddama ni hiri’isa yookiin ni dabala jechuun ni ulfaata.’’

Erguma dubbii Jibuutiitii Ajajaan Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Masriin ‘’duruu diina Itoophiyaati’’ jechuun waamaniiru, akeekkachiisaniirus.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gama isaaniin maqaa biyyaa dhahuudhas baatan biyyi Itoophiyaa weeraruuf abjotu dura ‘’si’a 10 yaaduu qaba’’ jechuun akeekkachiisaniiru.

Egereen waliigaltee Somaalilaand akkam ta'a?

Qaamoleen Itoophiyaan Jibuutii waliin yoo waliigaltee, waliigaltee Somaalilaand waliin seente adda kutuu malti jedhan jiru.

Haa ta’u malee, waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand waliin seente buufata doonii qofa miti. Buufata waraanaa keessumaa kan humna galaanaa dabalata.

Wanti Jibuutiin dhiheessite garuu buufata galaanaa qofadha.

Kanatti, ‘’Itoophiyaa waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin seente adda kutti jedhee hin yaadu,’’ jedhu Nagaraan.

‘’Maaliif? Tokkoffaa Somaaliyaan ariifattee biyyoota Itoophiyaa waliin diina ta’an warreen akka Masrii duukaa waliigaltee waraana mallatteessiteetti.''

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy AHimad ulaa galaanaa argachuun “dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti” jechuun yoo ibsan dhaga’amaniiru.

MM Abiy dabaluunis ulaan Galaana Diimaa lammilee biyyattii miliyoona 120 ta’u “hidhaa ji'oogiraafii” keessaa baasuuf barbaachisaadha jedhan.

Daandiin karaa Barbaraa Itoophiyaan biyyoota hedduu (Masrii dabalatee,) kanneen ulaa Galaana Diimaa qabanirraa dinagdee isaanii haalaan guddisan waliin walitti makamuu dandeessi.

Daldalli sababa tokkicha ulaan galaanaa barbaachisuuf miti. Itoophiyaan doonii waraanaa lama -Masawaafi Asab qabduun humna galaanaa cimaa qabdi ture.

Haata’u malee, bara 1993 Ertiraan adda baatee biyya haaraa wayita taatetti Itoophiyaan qarqara galaanaa qabdu waliin daangaashee dhabdeetti.

Buufata malee lafa waraanaa maaliif didu?

Jibuutiin Gaanfa Afrikaatti argamtuus, Giddugala Bahaafis ta’e Awuroppaaf ulaa daldalaa ta’un tajaajilti.

Buufataaleen doonii ishee meeshaalee gara Awurooppaa, Giddugala Bahaafi Eshiyaa geeffamanif tajaajila kenna.

Kanatti biyyoonni jajjaboo addunyaa Jibuutii, Somaaliyaafi Keeniyaatti maandhee waraanaa tolfatanii, loltoota isaanii qubachiisaniiru.

Itoophiyaan fedhii naannichaa qabdu guuttachuuf humna galaanaa waggoota dheeraa dura adda diigame waggoota muraasa darban leenjisaa turte.

Haa ta’u malee, Somaaliyaanis ta’e Jibuutiin akka ibsanitti waan buufata doonif ta’u malee lafa humna galaanaaf ta’u Itoophiyaaf kennuuf fedhii akka hin qaban.

Ertiraa waliin araarri yeroo bu'u dhimmi buufata Asabis kanumaaf yaadamee ture. Ta'us, hin milkoofne.

Sababni ijoo aangawoonni Itoophiyaa gara Somaalilaand deemaniifis kanadha jedhu xiinxaltoonni.

‘’Humna galaanaa sanaaf immoo bakka buufataa barbaaduudha. Kan isaan barbaadan kaayyoon isaanii guddaan,’’ jedhu Nagaraan.

Ta'us, Gaanfa Afrikaa keessatti Itoophiyaan lakkoofsa ummataafi dinagdeen akkasumas waraanaan guddaa waan taatef biyyoonni ollaa Itoophiyaa yaadda’u jedhu.

‘’Loltoonni itoophiyaa Galaana Diimaatti yoo dhihaatan Somaaliyaa, Ertiraas ta’e Masriin fedhii keenya miidha jedhanii waan yaadanif natti fakkaata.’’

Dabaluunis, ‘’Itoophiyaa ulaa galaanaas ta’e buufata doonii dhabsiisuu aangawoonni Ertiraa akka milkaa’ina tokkotti kaasu,’’ jedhu Nagaraan.

Itoophiyaan yoo ulaa galaanaatti baate fedhii ishee kabachiifattti naannichaafis ''gaachana waan taatuf'' kunimmoo [Masrii] biratti hin barbaadamu jedhu.

''Itoophiyaan humna galaanaa yoo deebitee ijaarratteefi buufati waraanaa achi yoo jiraate dhiibbaan Itoophiyaa ni dabala.

''Akkuma biyyoota jajjaboo kaan [naannichatti buufata waraanaa ijaaranii] socho’u dandeessi.''

''Kunimmoo morkattoota Itoophiyaaf mata dhukkubbiidha. Kanaaf natti fakkaata.’’