Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jibuutii: Jireenya biyya Galaana Diimaa qarqaratti argamtu keessatti
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Jibuutii
Biyya xiqqoodha garuu bakki teessuma ishee gatii guddaa itti horee gatii jabeessa taasiseera.
Bishaan ishee marse dheebuu ishee baasuu baatus buufatawwan dooniisheen ofiis, lammiilee ofiis jiraachisti.
Biyyoota Afrikaafi Giddugala Bahaa rakkoo nageenyaa qabaniif dhihoo ta’uufi ofiimmoo hamma tokko tasgabbooftuu ta’uun ishee biyyoonni jajjaboon buufata waraanaa isaanii akka keessatti hundeessan sababa ta’eera.
Sanuu biyyoota wal diinomfatan. Toorri biyyattiin irratti argamtu ija keessa ishee buusa.
Galaanni Diimaa bareedina qofa osoo hin taane biyya gammoojjiin hube kanaaf galii ta'eera.
Biyya waraanni wal waliinii miidhe Yamaniiti kan baqatan, lammiilee Itoophiyaa Giddugala Bahaa abjotanii daangaa qaxxaamuran, loltoota biyyoota garagaraa, kaan hedduun keessatti qubataniiru.
Biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa biyya takkittii Afaan Faransaay dubbattudha - Jibuutiin. Kan ishii marsan Afaan Ingilizii hojiif yookiin barnootaaf kan itti dhimma bahanidha.
Jibuutiin ummata qabdu keessaa garri caalu magaalaa guddoo keessa jiraatu. Inumaa lakkoofsi namoota itti godaanan kan ummata biyyattii caaluuf deema kan jedhan jiru.
Konkolaattonni fe’isaa Itoophiyaa daandiiwwan magaalaa isheerratti guyyuu mul’atan kanatti 'jireenyi akkam isinitti jira' jennee iyyaafanneerra.
'Ijoollee biyyaa'
Biyyoota ollaa lammiileen Itoophiyaa bal’inaan keessatti argaman keessaa tokkodha Jibuutiin. Biyyaas godaananii, keessas darbuuf jedhanii kan keessatti hafan garuu baay’ee.
Embasii Itoophiyaa Jibuutii argamu keessatti dippilomaatii olaanaa kan ta’an Gizaachaw Bushuu akka jedhanitti, lakkoofsi lammiilee Jibuutii jiranii 150,000 - 200,000’tti tilmaamama.
Kan lammiilee Itoophiyaa ta’an ala gar-tokkoon maatii Itoophiyaarraa dhalatanis baay’eedha.
Magaalaa guddoo Jibuutittis ta’e magaalota adda addaa; Ali Saabeh, Taajuraa, Obookiifi kaanitti lammiilee Itoophiyaa arguun waan barame.
Obbo Aliyyii Abdallaa, Pirezidantii Hawaasa Itoophiyaa Jibuutii jiraniiti.
‘’Biyya jiraachuuf hawaasa keenyaaf toltuudha. Keessumaa ummannii Itoophiyaa bahaafi kaaba bahaa jiraatan Jibuutii akka mana isaanii lammataatti ilaalu,’’ jedhan.
‘’Seera hordoftee jiraatte jennaan biyya itti dalagachuu dandeessudha. Namoonni keenya baay’eenillee asitti dalagatanii guddataa jiran.’’
Lammiileen Itoophiyaa karaa sadii biyyaa bahu; kaan Awuroppaa gahuuf gama Sudaan, Afrikaa Kibbaa seenuuf kan yaadanimmoo Keeniyaa keessa bahu.
Jibuutiimmoo gara Sa’udiifi biyyoota Arabaa kaan seenuuf keessa qaxxaamuru.
Ibsaa Abdumaliik erga gara Jibuutii dhufe waggaa lama. Isaaf rakkoonis jiraatu Itoophiyaarra wayya.
‘’Jireenyi isaa kan Itoophiyaarraa fooyya’aadha. Garuu asittis roorroon garagaraatis ni jira.
‘’Nama qabanii cal jedhanii hidhuunis ni jira. Qormaanni garagaraas jiraatu anaaf fakkeenyaaf as naaf wayya. Asitti jireenyakoo fooyyeffachuu danda’a.''
Akkuma biznasa tolfatanii kanneen jiraatan jiran, lammiileen waardiyyaa, hojjettuu manaa, buufata doonii keessatti akkasumas manneen nyaataa garagaraa keessa dalagan ni jiru.
Ammoo kan waggaa dheeraa jiraatanii eeyyama jireenyaa hinqabne jiru. Kunimmoo, ijoollee isaanii barsiisuu akka rakkatan qondaalli Itoophiyaa himu.
Ragaa dhalootaa [birth certificate] fi eeyyama jireenyaa [work permit] malee barumsa seenuun akka isaan rakkisu Obbo Gizaachaw Bushuu dubbatu.
Yeroo ammaa hawaasi Itoophiyaa deeggarsa qaamolee garagaraan mana barumsaa ijaarsisuuf yaada qaba.
Kanaafis, mootummaan Jibuutii lafa hektaara 4 tolaan kennuu dubbatan.
Mana barumsaa hawaasa Itoophiyaa kana ijaaruuf dolaarri miiliyoona shan barbaachisa waan jedhameef kunis walitti qabamaa akka jiru Obbo Aliyyiinis himaniiru.
Lammiilee afaan jaha dubbatan
Nami Jibuutii arge afaan danuu nami tokko dubbatu taajjabuun isaa hin hafu.
Biyyi xiqqoon kuni Gaanfa Afrikaatti argamtuus, Giddugala Bahaafis ta’e Awuroppaaf ulaa daldalaa ta’un tajaajilti.
Afaan Faransaayiifi Afaan Arabaa afaan hojii mootummaa biyyattiiti.
Faaris dhaloonni isaa Jibuutiidha. Maatiin isaa garuu lammiilee Itoophiyaadha; Abbaan Goojjamirraa, harmeen isaammoo Baatiirraa.
Kana maatii isaarraa dhagahe malee Itoophiyaa dhaqee hinbeeku. Ammoo Afaan Amaaraa sirriitti dubbata.
Kanaan alas, Afaan Somaalee, Arabaa, Faransaay, Affaariifi Afaan Ingiliziis ni dubbata.
Hammana eessaa barte yoo jedhamu, 'gar tokko haawaasarraa, kaan mana barumsaatti' baruu hima.
Manneen barnootaa Jibuutii keessatti barattoonni Afaan Faransaayiin baratu.
Afaan Arabaammoo manneen barnootaa sadarkaa lammataa keessatti akka gosa barnootaa tokkotti kennama.
Lammiileen Itoophiyaa, Somaaleefi Afaar waliin bakka jiraatanitti kan guddate Faaris, maatii isaarraa Afaan Amaaraa ollaa isaarraammoo Afaan Somaaleefi Affaar bare.
Bakka hojiitii Afaan Faransaayiin xalayaa katabuun dalaga.
Dhaabbileen Jibuutii keessatti argaman ergaa walii erguuf xalayaa akka filatan hima.
Hoteela tokko keessatti keessummaa kan simattu Faaxumaan immoo Afaan Ingiliziis bareechitee dubbatti.
Gara caalu Jibuutii keessatti Afaan Faransaayitu hojiirra oola.
Keessummoota biyyoota Lixaa yookiin kanneen Afaan Faransaay hin dubbanne biraa dhufan simachuuf Afaan Ingilizii akka barbaachisu lammiin Jibuutii kuni himti.
Afaan Ingilizii Afaan dippilomasii, daldalaa, Raayyaa Ittisaa, kan godaantotaa, kan miidiyaafi kaan ta’uu dubbatti.
Akka isheen jettutti, dargaggoonni Afaan Ingilizii barachuu fedhan manneen barnootaa afaan kana barsiisan bira dhaqanii baratu.
Pirezidantii Hawaasa Itoophiyaa Jibuutii argamu kan ta’an Obbo Aliyyiinis kana taajjabaniiru.
‘’Gaafa tokko tokko si inaafsisu. Nuti biyya keenyatti afaan baay’ee qabna. Garuu namuu kanuma itti dhalate qofa haasa’a.
‘’Asitti yoo xiqqaate nam tokko afaan shan jaha haasa’a,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.
Lammiileen Itoophiyaa asitti dubbisnees Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa yookiin Afaan Tigreen ala Afaan Arabaa, Somaalee, Afaar, Faransaayiifi kaan akka baran nutti himan.
Bunaafi biddeena daandii Jibuutiirratti
Jibuutiin magaalaa guddoo jedhamtu miti. ‘’Jibuutiin kanuma,’’ nuun jedhe Faaris magaalaa keessa adeemaa yeroo xiqqina ishee ibsu.
Magaalaa guddoo biyyattii Jibuutii jedhamtu kana keessatti ummati 600,000 ol ni jiraata, jedha galmeen CIA Fact book. Kana jechuun ummata biyyattii keessaa walakkaa ol jechuudha.
Biyyattii keessa akkuma nama Itoophiyaa buna Itoophiyaa arguunis rakkisaa miti. Ixaanni aaru, jabanaan bira dhaabate arguuf hin rakkattan.
Nami buna jaalatu Jibuutii dhufee hindhabu. Buna gurraacha bareedaa yookiis Maakiyaatoo bareedaa argachuu danda'a.
Manneen nyaataafi dhugaatii nyaata Itoophiyaa addatti dhiheessan, gurguran baay’eedha.
Gidduu magaalattii kan argamu Hoteelli Miniliik bakka baay’ee beekamaadha. Konkolaachistoonni Miniliik jennaan salphaatti baru.
Kanneen Laa Fonteen, fi kaan hedduu nyaata Itoophiyaa dhiheessaniis jiru.
Buna bareedaa farankaa 100’n dhuguu dandeessu. Xiqqoo giddugala magaalaa gad baanaan bareedaa isaa 50’nis argattu.
Kaaffeewwan gurguddoo yoo dhaqxan garuu gatiin isaa dachaa shan, torbaan dabaluu danda’a.
Gabaa kuduraafi muduraa
Gabaan kuduraafi muduraa jibuutii Riyaadii jedhamti. Oomishoota Itoophiyaa bakka bal’inaan keessatti argamudha.
Ijoollee Harargee Fadis, akkasumas Asabootirraa dhufanitu bakka kana baay'inaan dalaga. Iliyaas asitti qacaramee dalagata.
‘’Ijoollee Harargeetu dalaga as keessa. Walloonis jiru, ‘’ jedha.
Qullubbii diimaa, dinnicha, qaaraa, timaatima, burtukaanaafi muuzii dabalatee Itoophiyaadhaa dhufu.
‘’Baradaan [dinnicha] kiiloon 100. Shunkurtaan kiiloo 250. Timaatimni 150 - 200. Garuu, gabaan bakka takka hin teessu.’’
Ibsaa Abdumaliikis Jibuutii jiraata. Itoophiyaarraa erga dhufee gara waggaa lamaati. Afaan Oromoo malee Afaan Somaalees, Afaan Arabaas dubbata.
‘’Kan Itoophiyaatti oomishamu kan Jibuutii dhufee hin gurguramne hinjiru,’’ jedha. ‘’Biyya kanatti baay’ee kan fayyadaman Itoophiyaarraayi. ‘’
Xaafii, bisingaa, boqqolloo dabalatee Jibuutiitti gurgurama. Isin garuu biyya kana maal soorattu?
‘’Nuti kan Itoophiyaadhaa dhufu sooranna.’’ Akka inni jedhutti, oomishi Itoophiyaadhaa dhufus asitti caalaatti argama.
‘’Kuduraan Itoophiyaa hinjiru as jira baay’inaan. Biyya kana maraxamee gurgurama. Akkan argetti asitti baay’ee gaariidha jedheen yaada.’’
'Saraafilee'
Haadholii boorsaa gurguddaa jilbarra ka’anii daandii magaalattii dhiphoo taate qarqara taa’an yoo argatan isaan Saraafilee jedhamu.
Hojiin isaanii maallaqa sharafuudha. Poolisiinis isaan hin ari’u, hamma maallaqa sharafan baruufis shallagduu [calculator] hin baatan.
Biyya keessummaan keessatti hin dhibne waan taatef barcumarra taa’anii maamila qarshii baatee deemu ijaan soqu.
Saraafilee jechuun Afaan Somaaleen kan qarshii sharafan jechuudha. Boorsaa isaanii keessa maallaqa biyyoota hedduutu jira.
Ganamaan bahanii dalagaa eegalu.
Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii xiqqoo yaalu. Fuula ilaalanii ‘’Salaam noo?’’ jedhu.
Afaan Somaalee yookiin Faransaayiin waliigalu.
Daandiiwwan Jibuutii kanneen socho’an; keessummoonni, loltoonni, godaantonnis ta’e daldaltoonni rakkoo malee isaanirraa sharafu.
Sababa kanneen maallaqa sharafan dubartoota qofa ta’aniif garuu ifa miti. Dargaggoota hanga jaartii kanneen ta'an hojii kana keessatti bobba’aniiru.
Hawaasi daldalaa Jibuutii daldalaaf ala bahuuf jedhan sharafa alaa dubartoota kanarraa akka argatan jiraattonni ni dubbatu.
Ollaa Pikaadus jedhamuufi lammiileen Itoophiyaa bal’inaan argamanittis dubartoota kana arguun waan barame.
Isaan malee Pikaadusitti lammiilee Itoophiyaa farankaa Jibuutii barbaadaniif jiruun silaa rakkisaa akka ta’u kanneen achi jiraatan dubbatu.
Xiqqoo waa'ee Jibuutii
Jibuutiin biyya xiqqoo ammoo akkaan barbaachistuudha.
Argamni ishee Gaanfa Afrikaas ta’u Giddugala Bahaaf dhihaachuun ishee aadaa saboota keessa jiran qofa osoo hin taane kan Arabaafi kan Awurooppaas akka calaqqistu taasiseera.
Sabooti biyyattii kana keessa jiraatan garri caalu Somaleefi Afaaridha. Saboonni lamaan biyya ollaa Itoophiyaas jiraatan kun dhibdee yeroo dheeraaf ture qabu.
Maallaqi biyyattiin ittiin daldaltu farankaadha.
Itoophiyaatti kan dhalatan Ismaa’il Omaar Giileen eega biyyattii bulchuu jalqabanii waggooti 24 lakkaa’amaniiru.
Filannoon yeroo yeroon gaggeeffamus paartileen mormituu komii ibsatu. Biyyattii keessa miidiyaan dhuunfaa jedhamu hin jiru.
Buufata waraanaa biyyoota fedhii garaagaraa qabanis of keessatti qabdi.
Buufanni waraanaa Ameerikaa Afrikaa keessaa isa guddaadha jedhame Jibuutiitti argama. Chaayinaanis biyyasheen ala buufata waraanaa ishee jalqabaa Jibuutiitti tolfatte.
Buufanni waraanaa Jaappaan Jibuutii jirus eega Waraana Addunyaa Lammataa biyyattiif kan jalqabaati.
Itoophiyaa daldala ishee keessaa 95% buufataalee Jibuutiitti dhimma baati.
Buufataaleen doonii ishee meeshaalee gara Awurooppaa, Giddugala Bahaafi Eshiyaa geeffamanif tajaajila kenna.
Biyya adda taate kana keessatti dhiibbaan Faransaay bal’atee mul’ata. Faransaayiin ala Xaaliyaanii, Jarmaniifi Ispeeniis buufata waraanaa keessatti qabu.
Lammiileen biyyattii garuu qaala’iinsa jireenyaa himatu. Dhuguma nama Jibuutii daawwateef jireenyi qaalii ta’u ragaa baha.
Hojii gaggeessaan hoteela magaalattii jiru tokko diziliin litiriin takka dolaara lama ta’u himu. 'Itoophiyaan asiin galchitee gatiin Itoophiyaatti xiqqaata,' jechuun komatan.
Jiraattonni dubbisne ibsaa, bishaaniifi kaanifis gatii olaanaa akka kanfalan himu.
Lammiin Itoophiyaa dubbisne tokko, ibsaaf ji’atti farankaa 60,000 – 70,000 (dolaara 300 - 400) akka kanfalan himan. Gatiin kuni hin cimuuree?